Categories: Oduu Oromiyaa

Gaazexeessaan VoA Adaamaatti dargaggootaan rukutame, saamame

BBC

Gaazexessaan miidiyaa Ameerikaa VoA’f gabaasu guyyaa har’aa ganama magaalaa Adaamaatti dargaggoonni haleellaa akka irratti raawwatan ibse.

Magaalaa Adaamaatti guyyaa har’aas walitti bu’iinsi akka jiru gaazexessaan BBC magaalicha jiru gabaaseera.

Gaazexessaan VoA Muktaar Jamaal BBC’f akka himetti dargaggoonni kunneen ”mataakoo bakka lama sadii na buruksan dugdakoos baay’ee na miidhaniiru,” jedheera.

Namoonni isatti dhiheenya qaban wanta raawwate poolisiitti gabaasani akka deebi’an kan himan yoo ta’u gaazexessaa kana jalaa meeshaan ittiin hojjetu jalaa fudhatamuu isaa BBC’tti himeera.

Yeroo ammaa hospitaala Adaamaa Jeneraal jedhamutti yaala argachaa kan jiru Muktaar, dargaggoonni kunneen kiisa isaa seenuun akka isa saamanis himeera.

Magaala Adaamaatti ganama kana hojiidhaaf naannoo ‘jamaal magaazan’ jedhamutti namoota waliin gaaffifi deebii gochaa turuu kan himu Muktaar, dargaggootni gareedhaan socho’an miidhaa narraan geessisani jedha.

Rogeessi beekamaa Jawaar Mohaammad eegdonni na duraa fudhatamuufi jedhee erga ibsee booda bakkeewwan adda addaa magaalaa Oromiyaatti hiriirri mormii taasifameera.

Mormiiwwan kunneen garuu bakkeewwan adda addatti walitti bu’iinsatti jijjiiramaniiru.

Ajjeechaawwan akkasumas saamicha bakkeewwan adda addaatti taasifame keessatti gareen gurmiidhaan socho’uufi qeeroodhaan ala ta’e akka jiru qondaaltonni ni himu.

Maaltu ta’e?

“Kaleessa sababa jeequmsa magaalaa Adaamaa tureen nama du’etu ture. Animmoo yeroo isaan gara awwaalaa deeman haala balaa sanaa namoota gaaffiifi deebii gochaa ture,” jechuun haala ture ibsa Muktaar.

Dargaggoonni kunneen yeroo natti marsan Afaan Amaaraatiin ‘mindinew yihe yazew yazew’ jedhu kaanimmoo ‘kuni OBN, kuni OBN’ naan jechaa turanis jedha.

“Yeroo isaan ‘yihee OBN new!’ naan jedhan lakkii ani gaazexeessaa VoA ti jechaaniin ture,” isaan garuu ‘wushetun new’ (ni soba) jedhanii jedha.

Boodarra dargaggoonni kunneen waan argatan hundaan na rukutuu jalqaban, achiis boorsaakoo seenanii waanin qabu hundas narraa saaman.

“Hedduun isaanii mataakoo keessa na rukutaa turan waan ta’eef lafatu naan mareen joonja’e, achii boorsaakoo keessaa waraqaa eenyummaa VoA arganii ‘VoA new tewut’,” jedhanii nadhiisanii deemani jedha.

Sababa rukuttaa kanaatiin mataan isaa bakka lama buruquu fi dugda isaa irras miidhaa cimaan gahuu Muktaar BBC’tti himeera.

“Namootni na reeban kuni garuu gaazexeessaa ta’uukoo sirritti beeku,” jedha Muktaar.

Akka inni jedhutti namoonni haleellaa kana irratti raawwatan nama du’e owwaaluuf deemaa turanidha.

Adaamaa guyyaa har’a

Erga gaafa Roobii magaalota Naannoo Oromiyaa garaa garaatti mormiin eegale as magaalaan Adaamaatti har’a yeroo sadaffaaf nagaan dhibamu dubbatu jiraattonni.

Guyyaa har’aas magaalatti iddoowwan muraasatti sochiin nagaa mul’atus naannoo dhadhacha araaraa, saartaraa, akkasumas kutaa magaala Booleetti jeequmsii fi dhukaasni ni dhagahama.

Humni Raayyaa Ittisaas magaalatti keessa asii fi achi yoo socho’u ni mul’ata.

Guyyaa dheengaddaa kutaa Magaalaa Bokkuu Warshaa Daakuu Afrikaa biratti kanneen hiriira bahan lama waardiyyaan akka ajjeefaman qondaalli BBC’tti himanii turan.

Ajjeechaa kanaan kan aaran kanneen hiriira bahan konkolaattota 15 dallaa warshichaa keessa jiran gubuun isaanii gabaafameera.

Guyyoota lamaan darban mormiifi walitti bu’iinsa Oromiyaa keessatti taasifameen lakkoofsi namoota du’anii yoo xiqqaate 27 gaheera.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago