Oduu Haaraya

Gantuu garaa qofaa Dhagayi Siif himee…

Gariin mataan du’ee

Qaata awwaalmee.

Seenaa tokko hinqabuu
ilma abaaramee.

Rabbi nurraa darbee
Nukeessaa haqamee.

Garii hin agarree
Bakka isiin buutee.

Lubbuun ima jirti
Ufii jiruu Duutee

Hafuurri hunjiruu
Jiruun awwaalamtee.

Dhabama haataatuu
Daaraa bubbeen fuutee.

Gariin ammas jirtii
Warri ija burree.

Kan ba’aa hindadhabne
Akka sanyii harree.

Warri yoo ilaalan
Dhaabbanni gurguddaa.

Warra nama nyaatu
Bulguu ija buudaa.

Maaltu isii dhibee
Akkana foolattii.

Akkaa saree maraattee
Asiif achi kaattii.

Murtii diinaa baattee
Waliin gugguftii.

Akkuma warra durii
Rabbi isii haa salphisuu.

Waan hojjatte keessaa
Qullaa isii haakaasuu.

Dhiigni qaama isii
Gogee haadhaabatuu.

Dhukkubni hinjirre
Isii haa argatuu.

Sammuu isii qabee
Nurraa haa darbatu.

Maaljedheen abaara
Jechumayyuu dhabee

Gochaa jaraa santuu
Garaa kiyya gubee

Waan jettaniin jedhaa
An asitti dhaabee.

Hanga walaloo biraatii walgarrutti
Nagayatti!!

Check Also

qeesoota habashaa1

Why the Ethiopian Orthodox Church should rectify historical injustice

By ABBAA BIYYAA  Leaders of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church (EOTC) on Wednesday agreed to end a …