Categories: Oduu Oromiyaa

Gareen ADO (OPDO) haarayti biyya alatti hundoofte walgahii koo milkiin xumure jetti

Walgahiin Adda Demokiraatawaa Oromoo Munich Germany’tti gaggeeffame milkiin xumurame

Posted by ODF on Friday, June 14, 2013 · Leave a Comment

Adda Demokiratawaa Oromoon yaamamee Munich German keessatti kan gaggeeffame walgahii Miseensota, Deeggarrtootaa fi hawaasa Oromoo milkiin xumuramuu isaa oduun achii nu ga’e addeesse.

Walgahii kana irrattis miseensotnii fi deeggartootni Adda Dimokiratawaa Oromoo biyyoota Awurophaa adda addaa, kan akka Norway, Swizerland, Holland, England, Sweeden, France fi magaalota German adda addaa irraa dhufanii kan qooda fudhatan yoo ta’u Hawaasni Oromoo Magaalaa Munich fi naannoo isaa jiraatanis baayyinaan argamanii walgahii kana irraa qooda fudhataniiru.
Walgahiin miseensota Adda Dimokiratawaa Oromoo sadarkaa Awuroophaa, Munich Germany’tti, Waxabajjii 7 bara 2013 gaggeeffame kun Addi Dimokiratawaa Oromoo akka dhaabaatti erga dhaabbatee booda Awurophatti kora isa jalqabaa ti. Waan ta’eefis, korri miseensotaa kun diiriirsa Caasaa ADO, Sagantaa Siyaasaa, Heeraa fi Seeraa fi akkasumas Mul’ata ADOn qabatee irratti hojjechaa jiru irratti gad fageenyaan mari’atee murtee adda addaa dabarsuun xumurachuun isaa hubatame.


Borumtii isaa Waxabajjii 8 bara 2013 Walgahii ummataa taasifame irrattis Pirezdantiin ADO obbo Leencoo Lataa fi Itti anaan isaanii Dr.Diimaa Nogoo dhalootaa fi imala Adda Dimokiratawaa Oromoo, akkasumas ADO dhaabota Biyya Ethiopia irraa maaltu adda akka isa taasisu irratti bal’inan ibsa kennan. Hirmaattota walgahichaa bakka adda addaa irraa afeeramanii dhufan keessaas kanneen akka Luba Dr. Tasgaraa Hirphoo, Dr. Jamal Abbaa Garoo fi kan biroonis dhimmoota adda addaa irratti haasaa taasisuun isaaniis hubatame.

Ummanni walgahicharra tures, gaaffii fi yaada qabu of qusannaa tokko malee dhiheessuun mare bal’aan taasfamee walgahichi akeeka yaamameef guutuun milkiin xumuramuun isaa hubatame.

Wallisaa Ababee Abbashuus halkan sana waleelee warraaqsaa fi bo’aarsaan ummata gam- machiisaa turuun isaas oduun Germany irraa nu ga’e addeessee ibsa.

Guutummaa walgahii kanaa RBO tamsaasa Waxabajjii 12 bara 2013 darbe irraa dhaggeeffadhaa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago