Oduu Haaraya

Gareen bara dheeraaf Asmararraa maqaa qabsootiin bara dheeraa, kora gudda, kora xiqqaa, guyyaa gootootaa jechuun ummata Oromoo diigaa baate ar’as amala isi biyyattiin galatte jedhu

Jijjiirama yeroo ammaa haala siyaasa Itoophiyaa keessatti mul’achuu eegale kana argamsiisuu keessattis Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromootiin olitti qaamni wareegama ulfaataa baase hin jiru jechuun ni danda’ama.”

Kun ibsa har’a ABOn baase keessaa kan fuudhame. Ibsa kana keessatti kan tuqaman Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan jedhaman caasaa dhaabichaa (organizational bodies) malee qaama ummataa (civil society) miti. Kanaafuu kun jecha rakkoo guddaa qabuu dha. Kun injifannoo ummataa saamanii abbaa itti tahuu dha. Hogganoonni dhaabichaa bakka adda addaatti bobba’anii ummataaf haasaa godhaa turan kan dubbataa turanirraas ibsi kun adda. Akkuman gaafa gaafatama ibsa dhaabaa barreessuu irra turee sanitti beeku, ibsa kana barreessanii facaasuu irratti nama lamaan tokko qofatu hirmaate natti fakkaata. Ibsi akkasitti wareegama ummanni akka ummataatti kafalee asiin gahe haalu kun yaada miseensota hoggana dhaabichaa hundaa natti hin fakkaatu.

Jarana lakkisaa dhiisaa! wareegama ummanni baasee jijjiirama kana fiduudhaan isinuu biyyatti galche irratti abbaa of hin godhinaa. Wareegama Team Lammaas undermine hin godhinaa. Eenyunuu kan amanuu qabu Team Lammaan hunda caalaa bakka lubbuu isaaniif balaa guddaa qabu keessa taa’anii qabsoo godhaa turan. Jijjiiramni amma argame kun osoo jarri muratoon sun bakka san hin jirree kan milkaahu hin fakkaatu. Yoo milkaahes kallattii biyya diiguu fi hundumtuu wal waraansaan dhiiga wal dhangalaasutti geessa ture.

Dantaa aangoo dhuunfaaf jecha ibsa gaafatamummaan itti hin dhagahamne akkasii baasanii labsuun ummataa fi jagnoota haaromsa kana seeraan fidan tuffachuu dha. Oromoota hariiroo dhaaba siyaasaa kamiiyyuun alatti Oromummaa isaanii qofaaf golee Oromiyaa adda addaa keessatti hiriira bahanii ajjeefaman, dhaanaman, madaahan, qaama hir’atanii fi hidhaman gatii dhowwachuu dha. Ilaalcha dogoggoraa akkasii ummata iccitii siyaasichaa quba hin qabne keessa facaasuun ummata rukuchiisuu waan tahuuf balaa bor dhufuuf itti gaafatamaa nama godha. Haqa jiru walitti himaa jirra. Abbaan fedhe yoo mufate dhimma koo miti. Kana booda lubbuun Oromoo tokkoollee sababa bolola jaarmayaalee siyaasaa Oromootiin akka badu arguu hin fedhu. Ummannis dhugaa jiru kana beekuu qaba. Kan sanii achii abbaatu of mara jedhe boftii dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Adaraa abbaa koo Ortomoo qoqqooduuf hin dhama’in! Eenyu akka Oromoof dhama’aa turee fi jiru; eenyu akka wareegamee wareegamaas jiru ummatni Oromoo sirriitti ni beeka. Barcuma bareechattee finfinnee ykn bakka qabbanaa teessee, isa osoo jiraachuu danda’uu – lammii isaaf jecha – bu’aa bayii jireenya hin mallee keessatti gubachaa, du’aa fi beela’aa qabsoo Oromoo daandii qabachiise; taa’anii qeequun salphaa dha. Dubbiin akka mangoo qolaan nyaatan miti, gurbayyo. Beela, dheebuu, ari’uu, baqachuu, du’uu, ajjeesuu … qaba dhimmi bilisummaa. Utuu hantuuta gola aayyoo keetii gumbii uru ajjeesuu hin dandeenye; gootota Oromoo qeequuf arraba dheeressuun, salphina! Maaloo, dhugaa fi bilisummaaf haa falminu.