Categories: Oduu Oromiyaa

Gareen maqaa qabsootiin Asmaraarraa ilmaan Oromoo sobaa baate, wayee koraa hawaasa Oromoo Atlaantaa laalchisee maal jedhu laata?

“HOGGANTOOTA OROMOO” JECHUUN,,
MAAL JECHUUDHAA ??????
SEENAA Y.G (2005)

Alam addunyaa
Ummati Oromoo, Gootummaa Ijoollee isaa Biyya keessaatti boonaa, gama biraaan , gocha qaanfachiisaa beektoota isaa muraasaan ammoo hedduu gaddaa jira. Qabsoon Oromoo shira diinaas ta’uu firaan gufachuu irra taree , diinaaf yaaddoo ta’eera. Haqa kana eenyullee haaluu hin danda’uu. Wayita qabsoon akkas finiintee jirtutti, maal gochuun akka nama barbaachisu walitti himuun, warra gabrummaa jala waggaa 150f jiraateef qaaniidha. Qaaniin kana caalu ammoo gabrummaa jala waggaa 150 jiraatanii, akkaataa itti gabrummaa jalaa ba’aan ykn gabrummaa ofirraa kaasan wallaaluudha.
Kachachalummaa beektoota keenyaa, Biyya keessaa nu mudataa turetti akka malee aaraa jiraanne. Har’allee warri Ummata isaaniif furmaata fidu jedhaman diina jala galanii , ijoollee isaanii irratti murtii hidhaa fi ajjeechaa dabarsaa jiran. sammuun namoota kanaa ega bratanii jalaa badee ta’ee, ega baratanii jalaa bade ta’ee waaqayyoo haa beeku. garuu yeroon isa kaaniif barnoota ta’anii itti qaanfatan fagoo hin taatu.
Beektoonni keenya Biyya alaas, dhiheenya kanaa kaasee waan raajitti jiru. abbummaan qabsoo dhaaluuf fiigichii itti jiranu hedduu nama qaanfachiisa. Diinni lafa keenya dhaala. Isaan ammoo qabsoo dhaaluuf lafa ciru. Ani akka nama tokkotti, humni kamiyyuu of ijaaree furmaata Ummata Oromoof argamsiisuu irratti xiyyeeffatu irraa mormiis jibbas hin qabu. Nama dhuunfaanillee yoo ta’ee, waan furmaata jedhanii itti amanan Ummataaf dhiheessuun gonkumaa mormii hin qabu. Garuu waggaa 150 boodallee rakkoo hedduu qabnaa, Hogganoonni qabsoos hanqina hedduu qabuu jechaa , rakkina caaluu, kan qabsoo Ummatichaa fuudhee baduu yennaa arginu, bira taruun hin taatu.kanaafn mata duree har’aa kaase.
Wal ga’iileen qabsoo Oromoo qajeelchuuf ykn araara buusuuf jedhamee gaggeeffamaa jiru irraa akka nama tokkotti gammachuu hin qabu. Ummati kiyyas gammachuu irraa akka qabaatu hin fedhu. Maaliif jennaan, adeemsa isaatu warra gabrummaa waggaa 150 irraa baratee furmaata waliif soqu osoo hin taanee, fonqolchaa fi saamicha dhiiga ijoollee irratti tapha taphatamu waan ta’eef. Ani holola gaggeessaa hin jiru. garuu beektoonni keenya gadi deebi’anii waan furmaataaf nuuf ta’uu wallaalani karaa hin taanee yennaa tarkaanfatan arguun hedduu nama qaanfachiisa.
Wal ga’ii londoniif maallaqa meeqatu ba’ee ? furmaata maaliitu argame??? Isa boooda waaltu itti fufee ? warri waan kana yaadan itti milkaa’anii abdii ummataaf dhiheessan qabuu ? isaan mari qaama hundaa hirmaachisu jedhanii ega qopheessanii , inni Atilaaltaatti of waamu kunimmoo maalii ? maaliif durmaan yaada tokko hin qabaannee ? waan akkasii akka itti hin fufneef abdiin ykn wabiin maalii ? kana adda baasanii ilaaluu barbaachisa. inni amma atilaaltaatti gaggeffamaa jiru dolaara meeqa fixe ? bu’aan isaa maal taa’aa ? ammatti anaan kan natti mul’atuu , qabsichi bakka ga’ee jiru irraa itti fufsiisuuf maal gochuu qabnaa ? qofaatu furmaata jedheen fudha. Akka kanaan Doolaarri akka malee badaa jiru kun meeshaa fi qallaba waraanaa osoo bitee karaa nuuf hin gabaabsuu ? qeerroo Biyya keessaa dhumaa jiruuf wal ga’iileen lameen of tuulummaa irratti calqisan kun furmaata maalii fidu ? sa’aatii kanatti maaltu nurraa eegama ? kan amma itti jirruu kanaa ? Ummati Oromoo Biyya keessaa fi alatti qeerroo waliin dhaabbachuu akka qabu waamicha kanneen taasisaa turan, yaa’ii fi mariin qabamanii argamuun maal irraatii ? maallaqa waliitti guuraa jedhamee kan fiigamaa ture dhiifamee, har’aa wal ga’ii fi durgoof sochiin jiru maal irraatii ?
Mee ilaalaa !!!!!!!!! “YAA’II HOGGANOOTA OROMOO” ammatti kan biyya keessaa gaggeeffamaa jiruu fi mata dureen kun maaliin wal sima ? hin jiru. wareegama dachaa gaafatamaa jirra moo …..Hogganummaa gaafatamaa jirra ? Hoggana Oromoo ta’uu eenyutu muuda ? akkamiin nuuti Hogganoota OROMOO ofiin jedhanii ba’uu danda’an ? eenyutu isaan file ? akka anaaf galutti Hogganoota Oromoo Oromootu Walabummaa booda filata. ABOnu waggaa 40 boodallee Hoggana Oromoo ofiin hin jenne. Hoggana qabsoo oromoo jedhe. Kana jechuu ni danda’a waan ta’eef. Warri umurii guutu itti ifaajjan kanneen hanga har’aatti Hogganoota Oromoo ofiin hin jenne. Maarree har’aa jechii kun eessaa dhufe ? furmaata barbaachaaf, mariif ega jedhamee mata duree cufamaa irratti mariin maalii ? ani akkan itti amanutti , wal ga’iin kunis itti bahaa tokkollee hin qabaatu. Ibsa ejjannoon xumurama. Isa booda akkuma waggaa 40 argaa jiraannee ta’aa.
Isa dhugaa dubbachuuf,,,Oromoon dimokiraatawaa ofiin jenna malee , keessa hin jirru. OROMOON warra gadaan bulu jenna malee, keessa keenya hin jiru. beektoonni keenya qaamni sadaffaan ka biroo ammoo maal akka qopheeffatan arguuf teenya. Dhugaa hedduu nama qaanfachisa. Waggaa 5 fi 10 jedhanii shira diinaa raawwachiisuuf imaluun hedduu nama gaddisiisa . beektoonni keenya haalaa fi wareegama baasuu jibbaaf callisanii jiru malee, rakkoo guddaan dhalootaaf ta’aan isaanidha . beektoota yennaan jedhu muraasa . kaleessa beektoonni biyya alaatti jiganii jiran maaliif qabsoo kana keessatti sagalee tokkon hin hirmaatan ? jennee of gaafachaa fi walii keenya gaafachaa turre. Har’a deebii quubsaa argannee jirra.dhiigaan oromoo ta’uun gonkumaa amala habashummaa akka hin injifannee ifatti argaa jirra. Warri waan kana of keessatti injifachuu hin dandeenye, wareegamaa fi dhiiga ijoollee bishaanitti makuun hin hafu.
Warri waan gaggeeffamaa jiru kana irraa abdii guddaa horatan waa hedduu jechaa fi katabaa jiru. ani akka nama tokkotti ofitti amanamummaan gorsuu , waa tokkollee akka hin jirreedhaa. Waan abdii qabaatu tokkollee hin jiru. shira harka dheeraa ABO irraa ummata galagalfatanii hojii biraa itti fufu qofaatu mirkanaa’aa jira. Wal ga’iin furmaata jedhamee gaggeeffamu hundinuu gonkumaa bu’aa Oromoof fidu miti. amma beekumsaa fi muuxannoo keenyaa hojjachaa hin jirru. Waan dursuu qabu hin dursine. Hoggana qabsoo oromoo kanneen ta’aniif jibbi wayyaanee fi nafxanyaa qabu keenyarraa adda ta’uu qaba.hanguma diinaa kana jibbina taanaan kun fayyummaa miti. diina caalaa hojjannee jigisuuf deemna taanaan kunis maraatummaadha. Karoorri ba;uu bifa kanaan ilaalamuu qaba. Hoogganoota qabsoo bakka dhabsiifnaa jedhanii saganteeffachuun, kakuu waliif seenuun oromummaadhaafii ???????maallaqi adeemsa kanaaf ba’uu dhuguma kiisha oromoo keessaa walitti bu’aa ?? maallaqi kun maaliif qabsoof olchinaatti hin luucca’uu ?
Maaliif qeerroo ittiin hin ijaarru ? qeerroo ofii hogganaan maaliif barbaadu ? Hogganni Oromoo jedhamu kun boruu Oromoo bakka bu’ee haasaa wayyaanee waliin taa’amuuf dubbachuu danda’aa ? Ormoon yoom bakka isaan buufate ? ani namoota fayyaalessuummaan gama hundaan arreedaa jirtan , ni hojjannaatti qabsoo ummata keessanii gufachiiftuu ykn osoo hin beeknee nama waliin hiriirtanii diina gargaartuu keessa ilaalladhaa .
Dhaamsi Ummata kiyya Biyya keessaa fi ala jiruuf qabuu, daandii eegaltee jabiinaan itti fufuun ala, furmaata biraa akka hin qabneedhaa. ABOn dadhabiin amma fedhee qabaatus, qaamaa qalbii qabatamaatti qabsootti jiraa haa jabeeffannu !!!!!! dorgommiin Hogganummaa , Dorgommiin jaarsummaa ,Ummataan murteeffama !!!!
jaarsummaan kamuu jaarsumaan xumurama malee, galii kaayyoo ofiif jaarsummaa barbaachuun miti. Oromoo ofiin jennaan Oromoo ta’anii argamuudha. Amala habashummaan gonkumaa adeemsa Oromummaan walii galuun hin jiraatu. Oromoon bubbee waliin bubbiisuu waggaa 150 boodallee barachuu dhabee dhagaadhaa. Beekumsii fi dandeettiin gabrummaa keessaan dantaa ofiif nama fiigsuu dhugumatti maraatummaadhaa yaa firaa.
GALATOOMAA !!!!!!!!!
HORAA BULAA !!!!!!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago