Oduu Haaraya
daawud ibsaa 201311

Gareen maqaa qabsootiin Asmaraarraa ilmaan Oromoo sobaa baate, wayee koraa hawaasa Oromoo Atlaantaa laalchisee maal jedhu laata?

“HOGGANTOOTA OROMOO” JECHUUN,,
MAAL JECHUUDHAA ??????
SEENAA Y.G (2005)

Alam addunyaa
Ummati Oromoo, Gootummaa Ijoollee isaa Biyya keessaatti boonaa, gama biraaan , gocha qaanfachiisaa beektoota isaa muraasaan ammoo hedduu gaddaa jira. Qabsoon Oromoo shira diinaas ta’uu firaan gufachuu irra taree , diinaaf yaaddoo ta’eera. Haqa kana eenyullee haaluu hin danda’uu. Wayita qabsoon akkas finiintee jirtutti, maal gochuun akka nama barbaachisu walitti himuun, warra gabrummaa jala waggaa 150f jiraateef qaaniidha. Qaaniin kana caalu ammoo gabrummaa jala waggaa 150 jiraatanii, akkaataa itti gabrummaa jalaa ba’aan ykn gabrummaa ofirraa kaasan wallaaluudha.
Kachachalummaa beektoota keenyaa, Biyya keessaa nu mudataa turetti akka malee aaraa jiraanne. Har’allee warri Ummata isaaniif furmaata fidu jedhaman diina jala galanii , ijoollee isaanii irratti murtii hidhaa fi ajjeechaa dabarsaa jiran. sammuun namoota kanaa ega bratanii jalaa badee ta’ee, ega baratanii jalaa bade ta’ee waaqayyoo haa beeku. garuu yeroon isa kaaniif barnoota ta’anii itti qaanfatan fagoo hin taatu.
Beektoonni keenya Biyya alaas, dhiheenya kanaa kaasee waan raajitti jiru. abbummaan qabsoo dhaaluuf fiigichii itti jiranu hedduu nama qaanfachiisa. Diinni lafa keenya dhaala. Isaan ammoo qabsoo dhaaluuf lafa ciru. Ani akka nama tokkotti, humni kamiyyuu of ijaaree furmaata Ummata Oromoof argamsiisuu irratti xiyyeeffatu irraa mormiis jibbas hin qabu. Nama dhuunfaanillee yoo ta’ee, waan furmaata jedhanii itti amanan Ummataaf dhiheessuun gonkumaa mormii hin qabu. Garuu waggaa 150 boodallee rakkoo hedduu qabnaa, Hogganoonni qabsoos hanqina hedduu qabuu jechaa , rakkina caaluu, kan qabsoo Ummatichaa fuudhee baduu yennaa arginu, bira taruun hin taatu.kanaafn mata duree har’aa kaase.
Wal ga’iileen qabsoo Oromoo qajeelchuuf ykn araara buusuuf jedhamee gaggeeffamaa jiru irraa akka nama tokkotti gammachuu hin qabu. Ummati kiyyas gammachuu irraa akka qabaatu hin fedhu. Maaliif jennaan, adeemsa isaatu warra gabrummaa waggaa 150 irraa baratee furmaata waliif soqu osoo hin taanee, fonqolchaa fi saamicha dhiiga ijoollee irratti tapha taphatamu waan ta’eef. Ani holola gaggeessaa hin jiru. garuu beektoonni keenya gadi deebi’anii waan furmaataaf nuuf ta’uu wallaalani karaa hin taanee yennaa tarkaanfatan arguun hedduu nama qaanfachiisa.
Wal ga’ii londoniif maallaqa meeqatu ba’ee ? furmaata maaliitu argame??? Isa boooda waaltu itti fufee ? warri waan kana yaadan itti milkaa’anii abdii ummataaf dhiheessan qabuu ? isaan mari qaama hundaa hirmaachisu jedhanii ega qopheessanii , inni Atilaaltaatti of waamu kunimmoo maalii ? maaliif durmaan yaada tokko hin qabaannee ? waan akkasii akka itti hin fufneef abdiin ykn wabiin maalii ? kana adda baasanii ilaaluu barbaachisa. inni amma atilaaltaatti gaggeffamaa jiru dolaara meeqa fixe ? bu’aan isaa maal taa’aa ? ammatti anaan kan natti mul’atuu , qabsichi bakka ga’ee jiru irraa itti fufsiisuuf maal gochuu qabnaa ? qofaatu furmaata jedheen fudha. Akka kanaan Doolaarri akka malee badaa jiru kun meeshaa fi qallaba waraanaa osoo bitee karaa nuuf hin gabaabsuu ? qeerroo Biyya keessaa dhumaa jiruuf wal ga’iileen lameen of tuulummaa irratti calqisan kun furmaata maalii fidu ? sa’aatii kanatti maaltu nurraa eegama ? kan amma itti jirruu kanaa ? Ummati Oromoo Biyya keessaa fi alatti qeerroo waliin dhaabbachuu akka qabu waamicha kanneen taasisaa turan, yaa’ii fi mariin qabamanii argamuun maal irraatii ? maallaqa waliitti guuraa jedhamee kan fiigamaa ture dhiifamee, har’aa wal ga’ii fi durgoof sochiin jiru maal irraatii ?
Mee ilaalaa !!!!!!!!! “YAA’II HOGGANOOTA OROMOO” ammatti kan biyya keessaa gaggeeffamaa jiruu fi mata dureen kun maaliin wal sima ? hin jiru. wareegama dachaa gaafatamaa jirra moo …..Hogganummaa gaafatamaa jirra ? Hoggana Oromoo ta’uu eenyutu muuda ? akkamiin nuuti Hogganoota OROMOO ofiin jedhanii ba’uu danda’an ? eenyutu isaan file ? akka anaaf galutti Hogganoota Oromoo Oromootu Walabummaa booda filata. ABOnu waggaa 40 boodallee Hoggana Oromoo ofiin hin jenne. Hoggana qabsoo oromoo jedhe. Kana jechuu ni danda’a waan ta’eef. Warri umurii guutu itti ifaajjan kanneen hanga har’aatti Hogganoota Oromoo ofiin hin jenne. Maarree har’aa jechii kun eessaa dhufe ? furmaata barbaachaaf, mariif ega jedhamee mata duree cufamaa irratti mariin maalii ? ani akkan itti amanutti , wal ga’iin kunis itti bahaa tokkollee hin qabaatu. Ibsa ejjannoon xumurama. Isa booda akkuma waggaa 40 argaa jiraannee ta’aa.
Isa dhugaa dubbachuuf,,,Oromoon dimokiraatawaa ofiin jenna malee , keessa hin jirru. OROMOON warra gadaan bulu jenna malee, keessa keenya hin jiru. beektoonni keenya qaamni sadaffaan ka biroo ammoo maal akka qopheeffatan arguuf teenya. Dhugaa hedduu nama qaanfachisa. Waggaa 5 fi 10 jedhanii shira diinaa raawwachiisuuf imaluun hedduu nama gaddisiisa . beektoonni keenya haalaa fi wareegama baasuu jibbaaf callisanii jiru malee, rakkoo guddaan dhalootaaf ta’aan isaanidha . beektoota yennaan jedhu muraasa . kaleessa beektoonni biyya alaatti jiganii jiran maaliif qabsoo kana keessatti sagalee tokkon hin hirmaatan ? jennee of gaafachaa fi walii keenya gaafachaa turre. Har’a deebii quubsaa argannee jirra.dhiigaan oromoo ta’uun gonkumaa amala habashummaa akka hin injifannee ifatti argaa jirra. Warri waan kana of keessatti injifachuu hin dandeenye, wareegamaa fi dhiiga ijoollee bishaanitti makuun hin hafu.
Warri waan gaggeeffamaa jiru kana irraa abdii guddaa horatan waa hedduu jechaa fi katabaa jiru. ani akka nama tokkotti ofitti amanamummaan gorsuu , waa tokkollee akka hin jirreedhaa. Waan abdii qabaatu tokkollee hin jiru. shira harka dheeraa ABO irraa ummata galagalfatanii hojii biraa itti fufu qofaatu mirkanaa’aa jira. Wal ga’iin furmaata jedhamee gaggeeffamu hundinuu gonkumaa bu’aa Oromoof fidu miti. amma beekumsaa fi muuxannoo keenyaa hojjachaa hin jirru. Waan dursuu qabu hin dursine. Hoggana qabsoo oromoo kanneen ta’aniif jibbi wayyaanee fi nafxanyaa qabu keenyarraa adda ta’uu qaba.hanguma diinaa kana jibbina taanaan kun fayyummaa miti. diina caalaa hojjannee jigisuuf deemna taanaan kunis maraatummaadha. Karoorri ba;uu bifa kanaan ilaalamuu qaba. Hoogganoota qabsoo bakka dhabsiifnaa jedhanii saganteeffachuun, kakuu waliif seenuun oromummaadhaafii ???????maallaqi adeemsa kanaaf ba’uu dhuguma kiisha oromoo keessaa walitti bu’aa ?? maallaqi kun maaliif qabsoof olchinaatti hin luucca’uu ?
Maaliif qeerroo ittiin hin ijaarru ? qeerroo ofii hogganaan maaliif barbaadu ? Hogganni Oromoo jedhamu kun boruu Oromoo bakka bu’ee haasaa wayyaanee waliin taa’amuuf dubbachuu danda’aa ? Ormoon yoom bakka isaan buufate ? ani namoota fayyaalessuummaan gama hundaan arreedaa jirtan , ni hojjannaatti qabsoo ummata keessanii gufachiiftuu ykn osoo hin beeknee nama waliin hiriirtanii diina gargaartuu keessa ilaalladhaa .
Dhaamsi Ummata kiyya Biyya keessaa fi ala jiruuf qabuu, daandii eegaltee jabiinaan itti fufuun ala, furmaata biraa akka hin qabneedhaa. ABOn dadhabiin amma fedhee qabaatus, qaamaa qalbii qabatamaatti qabsootti jiraa haa jabeeffannu !!!!!! dorgommiin Hogganummaa , Dorgommiin jaarsummaa ,Ummataan murteeffama !!!!
jaarsummaan kamuu jaarsumaan xumurama malee, galii kaayyoo ofiif jaarsummaa barbaachuun miti. Oromoo ofiin jennaan Oromoo ta’anii argamuudha. Amala habashummaan gonkumaa adeemsa Oromummaan walii galuun hin jiraatu. Oromoon bubbee waliin bubbiisuu waggaa 150 boodallee barachuu dhabee dhagaadhaa. Beekumsii fi dandeettiin gabrummaa keessaan dantaa ofiif nama fiigsuu dhugumatti maraatummaadhaa yaa firaa.
GALATOOMAA !!!!!!!!!
HORAA BULAA !!!!!!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

13 comments

  1. AMAZING DISASTER
    How come the talkative and endlessily bubling dude who has just emerged recently from OPDO’s domain dares to control and mess up with Oromo Liberation Struggle?Especially at this era ! Have we fallen down to the pit to that extent?
    Juwar Mohanned listed all persons he has ever met and had coffee together or whom he was taken pictures together(what he does here and there for show off) as his cabinets/minsters and shamelessly put himself at the uppermost.Under his “Dergue members” he generously(he could have even deny them that-because he’s the Almighty) assigned the Oromo political organizations to certain duties of his choices.Did they ever ask for it?Or you can just do it because you’re their master!Calling together few people,mainly from one area(with exception of some naives ignorant of the scheme)and inaugurating one’s kingship over the entire Oromo is unimaginable.Leave alone abput liberation stuggle of a nation,it’e absolutely against Orom norm and safuu.Disgraceful act by bunches of traitors and treacherous.Know your place,or else you will be told.
    Follow the link below.
    http://oromiapress.com/wp-content/uploads/2016/11/Atlenta_leak-2.pdf

    • Must Read: The Atlanta Leadership Convention: A blessing in disguise?

      ByAdmin
      Posted on November 13, 2016

      COMMENTS

      Information is slowly trickling out of the much hyped about Atlanta Leadership Convention, despite organizers’ plea not to record video and audio and the tight security to enforce the rule. We anticipate that they will release some kind of a resolution declaring the convention was very successful and that it laid a foundation for the formation of an Oromo Freedom Charter. We wanted to reflect upon pieces of information that we gathered thus far about the convention and present our own prediction of the next phase of the Oromo struggle.
      Our struggle for freedom failed to succeed for over a century not because of the strength of our external enemies but the damage caused by our internal enemies. What made the current phase of Oromo revolution unique is the fact that it was able to break the myth that Oromo cannot be united and to mobilize our people from all corners of Oromia. True there were still traitors who spied for the enemy camp and resulted in deaths of precious Oromo sons and daughters but they were defeated and their spy rings were destroyed. Despite such glorious achievement of unifying our people in Oromia, divisions and bickering remained among the diaspora. Some attribute the lack of unity among Oromo diaspora to regional and religious differences. We strongly disagree. All of us in diaspora understand that we were all Oromo and descended from the same root before we settled in different regions and before we adopted different religions. We also understand that we were subjected to the same atrocities irrespective of our region and religion. In our opinion, the division among the diaspora is the result of self-righteousness among the elites and egocentric drive to put themselves in leadership positions by some individuals. We declared the Atlanta Leadership Convention as a blessing in disguise in the title of this document because it exposed the kind of people that we believe created the division for their personal gains.
      Early last week, we posted a cautionary note about the planned Atlanta Leadership Convention and disclosed what our investigation revealed regarding the motives of the organizers (http://oromiapress.com/questioning-motives-atlanta-leadership-convention/). We concluded at that time that the convention is being organized by groups who wanted to hijack the raging Oromo revolution in Oromia and change its course. We believe we were vindicated because information reaching us from Atlanta shows that the document that was prepared by an individual and presented for discussion received a pushback from the participants because it does not address the needs of the Oromo people. In fact, the document was written to appease the Ethiopianist camps by declaring that we will form a democratic system that will benefit everyone. Rumor has it that it was tabled for further discussion with in Oromo communities and religious organizations and civic associations. We believe this is good because a charter about the future of the Oromo nation should have been written by the Oromo people to begin with, not by an individual or groups of individuals with personal agenda.
      Although the original document about the convention stated the objective of the meeting was to create unity among the Oromo people, a video that leaked out of the conference hall indicates that the participants were literally insulting Oromo groups that were not participating in the convention. The attack dog who was picked for this task was groomed by none other than the OMN and, like many of the organizers of the convention, has ties to the OPDO first and KWO currently. He surely received the loudest cheers and laughs from the audience showing that most of the attendees were handpicked to rubberstamp the document as that of the TPLF’s parliamentarians. It was also easy to discern from the reaction of some of the innocent participants that such attacks were unexpected. Equally laughable, however, is the fact that the leaders, after clapping loudly for the poem, took the stage to appeal to the participants that attacks against other Oromo groups need to stop. It appears the leader forgot that it was already announced on stage that the poem has been heard somewhere else before and producers knew its content beforehand. So, how is it the Atlanta Convention is going to create unity among Oromo groups while insulting groups that were not present at the convention?
      Another interesting observation was the format of the conference itself. Participants were placed in different discussion groups and trusted leaders were assigned to each group to lead the discussion in the direction the organizers wanted. Basically, the format was meant only to discuss the contents of the document and make minor edits. Participants did not get a chance to ask why the document was needed and who wrote the document, among other things. It does appear that the leaders have learned a thing or two from the TPLF about manipulating audiences to get the outcome that they wanted.
      In the name of mobilizing resources for the struggle, they also discussed how to coordinate the effort in the diaspora. On the surface, this appears to be a noble idea. The fact of the matter, however, is that the group who wants to put itself in charge of this activity has no clue as to who is leading the struggle on the ground. They might assume that receiving notices from the “Qeerroo” on social media entitles them to lead the revolution but they are dead wrong. Their greed and inflated ego has been noted by “Qeerroo” and the only group they can fool now is the few uninformed and hateful individuals in diaspora.
      When we thought we have seen and heard all the political maneuvering and behind the screen manipulations, a document that was being distributed outside the meeting hall made its way to social media. We also heard that the leaders, using their usual childish tactics, asked the audience not to distribute any document outside or inside. This tactic is similar to the use of the attack dog and then denouncing his actions so that they appear true leaders and unifiers before the audience. We truly hope that the leaders were truthful in their denouncement of distributing documents and the document that we read on social media was not prepared and secretly distributed by them because it is the most divisive document that any Oromo group ever published, not to mention its lack of substance. If it is determined that the leaders of the Atlanta Convention drafted and distributed this document, however, it proves without the shadow of doubt that they are interested in power grabbing so that they can change the course of Oromo revolution as leaders. What is more interesting is the fact that they place Bekele Gerba, a person who is in TPLF prison, as the leader of what they call Oromo Council. This is just an attempt by the group to use the good name of true Oromo revolutionary for their sinister motive of taking over the Oromo struggle. This may also prove true the rumor that was going around about the alleged letter from Bekele Gerba, while he was in Kilinto prison, was in fact not written by him. Of course, only Bekele Gerba and his comrades can verify if this is indeed the case.
      Finally, we would like to make it clear that we do not, for a moment, believe that every Oromo person who attended the Atlanta conference was there to hijack the Oromo revolution. The fact that the audience pushed back on the so called Oromo Freedom Charter indicates that most of the attendees were there to find a true solution to the quagmire that we are in here in diaspora. We are convinced, however, that most of the organizers of this convention were motivated by personal and selfish interests. We believe this is a big lesson for true Oromo nationalists and a blessing in disguise because we now know what we did not clearly know before. What remains now is to tighten our belts and focus on fighting the enemy by supporting our gallant people in whichever way we can. Lastly, are we coming to an era where we condemn the group that actually working on the ground but praise the group that has been killing Oromo’s for the last 25 years?

      Oromia Shall Be Free!!!
      Concerned Oromo Group.

  2. Obbo Y. G ykn hojataa raadiyoo shanee SBO furaa kan turtee fi amma tigree Asmaraa fuutee kan Ugaandaa jirtu Andulam Gamadaa mooralii ittiin beektota oromoo tuffattuu fi cabsitu hin qabdu. Asmaraadhaa dhalaa tigree wal jala fuudhaa wahee qabsoo ololtu. Asmaraa shabiyaaf dalagaa jirtu malee oromoof mit. Bakka oromoon dhaqu ni baqattu. Yakkamtoota shanee

    • @Qeellam
      Asmaraa moo Atilaantaatu caalaa Oromiyaatti dhihaata. Dhalaa Faranjii ta ati hudduu arraabdu moo ta Ertiraatu caalaa Oromootti dhihaatawoo? Raqa !

  3. Kkkkkkk kkkkkkk kkkkkkk Qellaam

  4. Kkkkkkkk
    Arruma akka gaaritti yaada keysan ifa gootee mr Dawid galatomi.
    Barru kee wanti ati kakaafte mara warra ati irratti barreesitee caalaa isinuma fakkaata.

    1. Malaqa: me isin horii baroottan dheeraaf sobaan guuraa turtan kan qabsaawoonni dheebuufi beelaan bosna keysatti waadamu eysa akka geysitan nuuf ibsitu?
    Kan biraa haa hafuu bara 91 -92 keysa horii ummata oromo irraa bilionaan walitti qabattanii nama bira dabree gaalaa fii harreen fe’attan sun eysa akka bu’e ykn eysa akka qabdan nuuf himtuu?

    2. Waan hogganaa dubbattan, isin saba oromo isin filee moo Waaqa isin ergee? Hoggana Amanti, kan hawaasa kan barmota tahuullee namaaf hin hayyamtan jechuu? Isin male sabni dhimmaa ofii marihatuu hin dandayu jechuu?
    Isin malee QBO warri biraa qabsa’uu hin dandayuu? Isin qofa kontoraata fudhatee?

    3. Wa’ee diina waliin dhaabbatuu dubbattee: me if duuba gara galii waanuma isin hojjatu turtanifii ammaas itti jirtan ilaali? Eenyu warri akka sareetti saba ofii facaasee diina jala fiigu nuuf himuu dandeysaa? Kun ammaa beekkamaa akka araada ykn ( addicted) itti taatan sabni marti akka hubatu beekkamaadha. Barruun kee, waan heeddu dubbachuu nama hin barbaachisu ifaadha.

    Gabaabdutti, rakkon keysan Sabni kheenya akka jabaatu, tokkummaa qabaatu, qaroomuu fii rorroo jalaa bahu hin feetan.

    Wanti irra deddeebitee dollara dollara jettufiis, waan biraa miti, maaf nuuf hin ergine akkuma durgoonu gonaa. Maaf afaan nu qabdanii jechuudha. Akkasumaa mii obbo Dawid?

    Wanti nama qaanfachiisu kana. Oromon hegere isaa tifi biyya isaaf walitti dhufee mari’atuun kholkoloo nama hin qaanfachiisu nama boonsa malee. Silaa idda halaala teysee bakka kamiin qaawa argadhee irratti olola oofa irra, achuma deemtee irraa hirmaatte yo feetees challenge gotee, siif wayya.

    Mayyirratti, hogganoonni kora kun motummaa wajjin ni mari’atuu jettan? Motummaa tam baantan? Wayyaanee dhaa? Moo dubbiin nubira tartee nu waamaa jettanii itti iyyattanii?
    Garuu isaanillee akkuma kheysan Sabni bira khutee jira.

    Yaa mr Dawid Oromon qooda ilma namaa hindagatu. Adeemsa QBO keysatti waan tolchitaniif isin galatoonfata tan balleysitan dhiifama isiniif godha. Oftuulummaa dhiisaa qabso dhalotatti dabarsaa.

  5. Itti dabalaan, mr Dawid waan ango irra deddeebitee dubbatte. Eenyu warri aangoo ittiin hin hojjannetti cichaa jiru? Wantumti si baareysee, qaanfachuu dhabdee kora hayyoonni oromo ta’een maqaa balleysa jatte ifuma sabliftee. Kun akka gaaritti akka ati boloola angoof qabdu saaxila.

  6. @Jiraa Liiban
    Barreeffama kee irraa wanti an hubadhu ati nama waan J/Daawud Ibsaa beekuun haa hafuu waanuma Oromoo fi QBO jedhamu nama haasawu dabaree dabree dhagahuu malee (sanumaayyuu warra Daawud hamatu qofatu gurra bira si bahe) waa takka akka ati hin beekne dha.
    Dhagahi ! Daawud Ibsaa barreeffama akkanaa barreessuu dhiisiitii dhimma jajjabaa QBO ilaalchisee dhaamsa cuunfaa jajjabaa fi gaggabaabaa isatti ergamuu fi isa irraa ergamu, akkasumaas tel. dhimma QBO jajjabduuf isatti bilbilamuu fi ofii bilbiluufuu yeroon isa hin geessu. Hirriba hin qabu. Raqa akka keetii kanaatu olola isa irratti oofamu qofa dhagahee waan akka ati haasoytuu kana haawawa. Raqa.

  7. Ani asiin Dura ABO isa Qaama shaneen geegeyfamu deeggaruu ture garuu amma wanti naafgale yoo jiraate, osoo warri qabsaawaan dhaaba kana keessa jiruu akka dhaabdi kuni guutumatti warra diinaatiin geegefamu naaf gale kana keessatti ilmaan Oromoo warri dhaaba kanatti amanan akka hedduun isaanii warra kanaan diina harka seenanii lubbuu isaanii dhaban nanhubadha. Keessattuu Da,ud Ibsa baastota Tigree wajjiin ilmaan oromoo irratti badii kana hin jedhamne akka irratti hojjate ni hubatama ,namoota akka Xuruna ka Da,ud wajjiin hojjatee ilmaan oromoo harka Tigree galchee lubbuu nisaanii wareegsise ni hubadha. Ardhas Walgayii Hayyoota Oromoo kana akka fashalamu akka tattaaffii gochaa turantu naa ifa bahe,xalayaa ufii fakkeessanii barreessaniin SBO webside isaaniirratti akka baasanii akka waan warri biraa baase fakkeessudhaan ibsan kunis ifa galaadha, amma garuu wanti heddu waan ifa naaf galee jiruuf isaan kuni diina wajjji ummata oromoo,irratti dalagaa waan jiraniif kana hubannee irraa uf eeguu qabna. Garuu oromoonni akka gaaritti hubatanii jiru waan taheef nama hin geddisiisu.

  8. @Barii
    Akka gaarittin QBO hubadha je”een yaada, wanin kesatti dhaladhee guddadheef. Akka namoonni gariin qabsoon qee’itti itti dhufnaan ayyaan laallata itti dabalamee miti. Raqa waan tahee beytaa dura? Raqni nama kijibni gootee kan akka keeti kana. Warra nama arrabsu malee waa hubatuu hindandeenyee. Warra shaneen dhamaaftee, akka sareetti dutuu malee bu’aa hin qabne. Rakko afaanii qabda natti fakkaata, afaan amaaraa tiin sif irra debisu? Barru koo nama akka kheeti kanaaf barnota guddaa qabaa irra deddeebi’i dubbisi.

  9. @Jiraa Liiban
    Raqni waanuma akka keetii kana. Humaa hin sodaatinii liqimsi kun keetuma.
    Maaliif beektaa?
    Warri ati arrabsituu fi mormitu warra QBOf jecha jireenya isaanii wareeganii dha.
    Warri ati faarsitu ammoo warra waan qabsoon taateehuu beekuu dhabuu qofa osoo hin taane gariin isaanii warra akeeka diinaa milkeessuuf socho’uu dha.
    Kanaaf Raqa jechuun sitti hin guddatu.

  10. Ever again we never go back to old style manipulation by old guards determined to distroy Oromuma and collaborate with habashas for theire personal values and egos. Jowar, Gabisa and co are god gift savour of Oromia they are capable, determined and know what they do.