Oduu Haaraya

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo ‘gurguramaa jira’ jechuun namootni BBCtti dubbise komatan.

Haa ta’u malee, himannaa qindoominni hin jiru akkasumas ‘gurguramaa jira’ jedhu aangawaan BBC’n dubbise mormaniiru.

midhaan gargaarsa booranaa

Deeggarsa ummata Booranaa sababa hongeen miidhamaniif koreen sadarkaa federaalaa hanga aanaa ijaaramee hojjechaa akka jiran mootummaan ibseera.

Ummata Booranaa hongee kibbaafi kibba bahaa Itoophiyaatti hammaateen miidhamaniif mootummaa fi qaamoleen garagaraa garee fi dhuunfaan deeggarsa kennuun cimee itti fufeera.

Leellisaa Adamii fi hiriyyootni isaa deeggarsa ummata miidhameef geessuuf yoo deeman waan garaa isaan yakke arguu himan.

”Boqolloo bitnee daaksifnee uummata keenyaaf kennina jennee mana kuusaa yoo deemnu, deeggarsa kana dura hawwaasaaf fe’ametu isaanitti gurguramee isaan irraa deebisnee bitne. Bifa dhoksaadhaanidha kan gurgurame.

”Nuyis kana dhageenyee suuraa kaafnee ummataaf qoodne,” jedhe Leellisaa Adam.

Leellisaan gargaarsa bitan ”asitti buusaa nu jedhan jennaan didnee uummataa biraan geenyee kennineef,” jedhe.

Gargaarsichas aanaa Dubluq keessa akka geessan hime.

‘’Hawaasa akkasitti beela’e kana irratti shira akkanaa dalaguun waan dabaati. Mootummaanis deeggarsa hawwaasaaf fe’ame mana kuusaa sanatti buusuu irra uummata biraan gahee kennuu qaba jenna.”

Angawaan mootummaa dhimma kana irratti deebii kennan erga gargaarsi mankuusaatti kuufamee booda ummataaf akka qoodamu ibsan.

Leellisaan torban dura hawaasa aanaa biraa irraa buqqa’uun aanaa Dubluq keessa buufatan bira deemee, boqolloo bitanii daaksisuun akka rabsaafii turan hime.

Leellisaan boqolloo kana kan bitan aanaa Yaabelloo keessaa tahuu dubbata.

Namni biraa BBC’n dubbise tokko namoota gargaarsa kennan waliin deemuun waan taajjabe yoo dubbatu, ”gargaarsi uummataaf ergamu qindoomina hin qabu,” jedhe.

”Gargaarsi olii ni dhufa. Garuu warri godinaa gargaarsa dhufe qindeessanii bakka dhaquu qabu geesisuu irratti rakkootu jira. Dafee ni dhufa garuu qindoomina irratti laafinatu jira,’’ jedhe.

Karaa irra deemanii waan kennaniif deeggarsi kun baadiyyaa kanneen akka Areeroo fa’aa hin dhaqqabu jedhe.

”Bakka tokko tokkotti gargaarsi walirra bu’a, bakka kaan ammoo homaa yeroo dhaban jira,” jechuun waan arge hime.

”Warra buusaa gonofaa gaafannee ture. Koree federaalaa hanga godinaafi gandaatti ijaaramee ture. Garuu hanqinni baajataas waan jiruuf hin milkoofne nuun jedhan,’’ jedhe.

Deeggarsi namoota dhuunfaa biyya keessaa fi alaa irraa miliyoona hedduun walitti qabamaa ture.

Garuu namootni dhuunfaan gargaarsa walitti qabaa waan turaniif hordoffii fi qindoominni isaa maal akka fakkaatu beekuun ulfaataadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama Biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa qarshiin gargaarsa hawaasaafi dhaabbilee garagaraan walitti qabame miiliyoona 850 gahu torban kana ibseera.

Qaamolee kana keessa qooda bahanis galateeffate. Kanneen qofa qofa qarshii walitti qaban gara Buusaa Gonofaatti akka fidan ibsaas ture.

Jiraataan BBCtti hime kun konkolaachistootni deeggarsa fe’anii dhaqanis ”gara baadiyaa fi kaanii hin gallu, haga asii qofa nuuf kaffalame,” jedhanii daandii gubbaatti qofa buusu jedhe.

Deeggarsi garas ergamaa ture harka namoota dhuunfaa galuu akka malu innis taajjabuu hime.

‘’Midhaan harka daldalaa seenuu mala. Aniyuu akka nama tokkootti waanin hubadhe, midhaan dhufee keellaa irratti bu’e abbumaan fedhe dhufee nuuf kennaa yoo jedhe namni hordofu hin jiru. Fudhachuu danda’a.”

Nami kuni bishaan hawaasaaf qoodan boodarra suuqii keessa gurguramaa turuu arguu dubbatu.

”Waan kana uummata gurgurate jechuu hin dandeenyu,” kan jedhu namni kun hordoffiin jiraachuu qaba jechuun ibsu.

Bulchaan Godina Booraanaa Obbo Abdusalaam Waariyoo ammo gargaarsi ummataaf karuma sirrii qoodamaa jiraachuu himan.

Dabalataan deeggarsi ergame gurguramaa jira himata jedhu ‘’soba’’ jedhan.

”Gargaarsi kallattii garaagaraan dhufaa jira. Warri gargaaramuu qaban adda bahuun koreen warra federaalaas of keessaa qabu gidduugala tokkotti qindeessaa jiru,’’ jedhan qondaalli mootummaa kun.

Gargaarsi Yaabelloo darbuu hin dandeenye mana kuusaa qophaa’etti akka buusan tahaa jiraachus dubbatan.

Sana booda ammoo bakka dhaqqabuu qabutti ergamaa jira jedhan.

”Madaabaraa buusa gonofaa kan ofirraa qabu namni waa ittiin bitachuu fi gurgurachuu danda’a malee namni gurgure hin jiru.”

”Namnuu beela’aa jira waan taheef kan gurgurus hin jiru,” jedhan.

Waggoota afurii oliif roobni walitti aansee osoo hin roobiin waan tureef horiin ummata Booranaa hedduun dhumaniiru.

Lubbuu namaa irrattis miidhaa guddaa geessisaa jira. Mootummaa naannoo Oromiyaas lammiileen biyyattii waan danda’aniin uumata kana deeggaruu akka qaban dhaameera.

Horiin ala hongeen kuni lubbuu galaafatu maatiin kana dura BBC’n dubbise himaniiru.

Garuu mootummaan sababa beelaan lubbuu namaa darbe hin jiru, sababa dhukkubaan taha malee jechuun haala.

Itoophiyaatti godina Booranaa qofa osoo hin taane naannoo Somaalee fi Oomoo Kibbaa dabalatee sababa gogiinsaan ummatni hedduu rakkoof saaxilamaniiru.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ummata miliyoona 20 ol Itoophiyaa keessa sababoota garagaraan gargaarsi barbaachisuuf dolaarri biiliyoona 4 akka isa barbaachisu ibsuun ni yaadatama.

Maddi BBC afaan Oromoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *