Oduu Haaraya

GOOTA MURTII DHUGAA……!

 

Hayyuu meeqa kan biyyaaf abdatame,
Du’aa jala bu’ee humnaan nurraa saamee,
Diinaatu aagibeeysee ifaan saanii dhaamee,
Guyyaa akka malee addunyaa irraa deeme.

Goota murtii dhugaa kan akka usmaayyoo,
Diinaatu dhidhimse obboleessa ilma aayyoo,
Abdii sabaa yaa agartuu too qarayyoo,
Jannataan haa qananiisu waaqayyo.

Yartuun namaan quune, nu beeysite ijaa,
Usmee koo abshir kee ni baafanna hijaa,
Kafalanna qofa nuti gumaa keessan mara,
Akkuma isaan isin godhan nutiis goona jara,
Naasuu nuun qabanii hin dheeysine yeyyii,
Dhiiga kee cunfatte jarattiin sanyii bineeyyii.

“Sodaa lubbuu tiyyaaf ja’ee,
Biyyaa ba’ee, garba ce’ee,
Hin jiraadhu kan bir ta’ee,
Biyyaafi biyyee too irratti,
Sabaafi aanaa koo keessatti,
Haqa falmachuu naaf murti,”

Akkuma jatte murtii kee dhugaa goote,
Nuuf jatteeti fedhii lubbuu teetii foote,
Leenca leenca caalu kan waan ja’en dhiifne,
Suma qofaan arke kan ja’ee murtiin diiyne.

Sodaaf bir-bir jattee biyyarraa hin baanee,
Garba ceetee ati ambaaf wandaqan taane,
Gabrummaa takkarraa tan biraattin ce’u,
Biyyi too badhaadha mirgi kankoo ta’uu.”

Jatte bar dhaadannoo dhugaatiin ammallee,
“Haa cilaawuu daaraa ta’e” jatte sodaa malee,
Diinni gara jabeessi mana siif godhe gaashiree,
Guggubanii, si cafaqaniis murtii tee hin jijjiirre.
——————————-
Silaa akkuma keetitti murtii qabaatee namuu,
Silaa bara dhufaa dabraa diinni nutti hin gamu,
Lubbuu tee jannataan badhaasinna waaqayyo,
Goota murtii dhugaa, leenca keenya usmaayyo.

‪#‎Saphaloo_Kadiir‬/ Abdulbasit K.
Waxabajjii, 2015

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …

One comment

  1. Jabadhaa oromo ko eduu nuu bonsitaan Gaalani keessaan bilisuumaa haa ta’uu