Oduu Haaraya

Guyyaa har’aa Caamsaa 20,2007 barattootni Yunivarsitii ‪#‎BuleeHoraa‬ Fincilaa Diddaa Gabrummaa haalaa namaa gammachiisun itti fufaniiru.

 Walgahi ganamaa sa’aa saditti sababaa fincilaa waa’ee filmaatarratti ka’ee mari’achiisuf tattaaffi ergamtootni wayyaanee godhan harkaa fashaleessaniru. Akkumaa walgahiin kun jalqabeen, barattootni Oromoo gaafiwwaan armaan gadii kaasani walgahichaa dhiitani bahaniru:
1.Walgahiin kun afaan Oromootin nuuf haa jalqabuu
2. Afaan Oromoo Afaan Federaalaa ta’u hin qabu warra jedhuu waliin wal gahii hin teenyu
3. Filannoon godhamee kan kijibaatii
4. Ammaa boodaa kijibaa mootummaa kanaa dhagawuu hin feenu
5.Caamsaa 20n Oromoodhaaf guyyaa gaddaati diinaa Oromootif garuu guyyaa gammachuuti
6.Mootummaan korojoo hatu motummaa osoo hin tahin shiftaa waan taheef , shiftaa waliin maariin goonu hin jiru
7.Filannoo baranaa kanarratti KFOn akka moowatee dhibbaan dhibbatti itti amanna
……………………..
AKkas Barattoota Y. BuleeHoraa !
Qabsoon KFO hanga Oromiyaan bilisoomtutti itti fufa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …