Oduu Haaraya

Guyyaa kabajamma Ashuura Ilaalchise Qabxii Murteeysoo muraasa Raadiyoo Daandii Haqaa {RDH}

 

Baatin nut keeysa jiru Baati Muharamaat .Baatin Muharamma kun akka laakofsaa Hijrat Baati Jalqabaat.Eyyeen Bara 1436 xumure Bara 1437 jalqabneera . akkumma beekammu Amantii keenya keeysati Ayaani wogaa haarawa jedhammu hin jiru .Guyyaa Rasuul Keenya S.A.W Makkah irraa gamma Madiinat Hiijira deeman sababeeyfate Ayyaani nut kabajnu hin jiru .Ossoo kan jiru Tahe Sahaabon Rasuulicha ni kabaju ture .Guyyaa kana kabajuun kheyr kan qabu ossoo tahe Sahaabon qaqaalin sun ni kabaju ture .Kanaafu Ibaadan Sahaabon hin beekne fudhatama hin qabu . kufaadha !!!Baati Muharamma kana keeysati Guyyootta Ashuura ilaalchisee Qabxiwwan muraasa haa ilaalu .1, Suuratul Towbaa Laakofsaa 36 keeysat Rabbiin Baatin kun Baati kabajamaa tahu nuf Himeera . Akkasummas Rasuul keenya S.A.W Akkas jedhaniiru << Wogaan Tokko Baati 12 qaba .Kaneen keeysa Isaan Afur Kabajamoodha.(kaneen kabajaman keeysa ) isaan sadi wol faana buhu Zulqiida,Zulhijja, Muharamma fi Jumaada fi Sha’aban gidu kan jiru Baati Mudar Rajabiidha .Bukhaar 29582,Baati Muharamma Soomun Hojii Sadarkaa guddaa qabuudha .Rasuul S.A.W akkas jedhaniiru .<< Baati Ramadaanat Aane Sooman sadarkaa guddaa qabu Baati Rabbi kan tahe Baati Muharamat >> Muslim 1163 .Baatin huundu Baati Rabbi tahe osso jiru Rasuul S.A.W Baati Muharam baati Rabbi jechuun isaan Sadarkaa Baatin kun qabu kan agarsiisudha .Akkumma Masjiidotin huundu manaRabbi tahan Kaabban haala adda taheen << Mana Rabbi >> akkuma jedhamu huunda . kan barbaadame sadarkaa baatin kun qabu agarsisudhaaf .Baati Muharama guutu Soomun hin egammu .Sababni isaas Haadhi keenya A’ishaan akka nuf Gabaasanit Rasuul S.A.W baati Ramadaana ala kan guutu sooman akka hin jire nuf himaniiru . Bukhaari fi Muslim gabasaniiru .3, Baati kana keeysa Guyyaan guddaan jira .Inis Muharama 10 . << Ashuura >> jedhamuun beekama .Ergamaan Rabbii S.A.W Makka irraa gamma Madiina yoo seenan Yahuudon Ashuura ni soomu ture yeroo kanat << Maalidha guyyaan sooma jirtan kun ? >> jechuun gaafate . isaanis << Guyyaan kun guyyaa Rabbiin Muusa Naja baase Fira’onafi Hordoftoota issa barbadeeyse guyya gudaadha ,Muusan Rabbii galatonfachuudhaf soomaniiru kanaaf nutis ni soomna >> jedhaniin .Rasuul keenya S.A.W yeroo kanat << Isin caala nut Muusaf kan maluudha >> jechuun sooman.akka soomamus ajajan . Bukhaar 2004, Muslim 11304, Guyyaa kana ,jechuun Muharama 10 soomun Sadarkaa guddaa qaba .Badii wogaa Tokko kan dabre kan nama dhiisus ykn nama irra haxaa’u tahu Rasuul keenya S.A.W dubataniiru . Muslimitu gabaase5, Guyyaa kana ( Muharama 10 ) soomuf yoo murteysine guyyaa Saglafas soomun nura jiraata . sababni isaas Rasuulkeenya S.A.W akkas wanta jedhaniif << Wogaa dhufuuf yoo lubbuun ture Guyyaa Saglafas nin sooma >> Musliim 1134 gabbasaniiru .6/ Guyyaa Saglaffa Sababni soomnuf maal ? Ergamaan Rabbi Guyyaa Ashuura Yeroo Somaanif yeroo ajajan << Guyyaan kun Guyyaa Yahuudoni fi Kirstaanon kabajaniidha>> jedhan .Ergamaan Rabbii S.A.W In sha Allah wogaan dhufu yoo dhaqabne guyyaa saglafas ni soomna >> jedhaniiru .Haa tahu malee Ergamaan Rabbi S.A.W Wogaan Dhufu osso hin dhaqabin aduunya kana irra godaanan . Musliim 1134 gabaasera .Kana irra kahuudhan Yahuudota wajjiin wol fakaachu dhabuudhaf Guyyaa Ashuura guyyaa tokko dursan soomun hojii gaaridha .7/ Guyyaa Ashuura Mushirkitootin Makkas sooma turan.Rasuul keenyas S.A.W Gara Madiinat osso hin godaniin Makkah yeroo turanit ni soomu ture .Osso Soomni Ramadaana Dirqama hin taasifamni dura Ashuura soomun muslimtoota irrat dirqama ture .Dhugaawwan kana kan nuf ragaasiftu haadha keenya kabajamtuu A’isha akkas jechuunkan dubateedha .<< Ashuura Qureeshon zabana jaahilumma ( Jaara dukanaa ) guyyaa sooma turaniidha.Rasuulis S.A.W ni soomu ture .Yeroo Madiina dhufanit isaanis Sooman Namoonis akka sooman ajajan .Yeroo Dirqamni Sooma Ramadaana buhet Dirqamaan kan soomamu Baati Ramadaana tahe .Ashuura akka sooman ajaju dhaaban .kanaaf kan barbaade ni sooma kan barbaades ni dhiisa . Bukhaari fi Muslim gabasaniiru .8/ Ofi Eegannoo ! Guyyaa Ashuura soomu malee akkaata kamiinu Ayaana godhani kabajuun hin hayamammu .Abbu Muusan R.A.A Akka gabaasanit Ashhura Yahuudon ni soomu ni ayaanefatus .Dubartoota isaan huccuu fi faayya gagaari ufisu ture .Rasuul S.A.W garuu << Isin Sooma >> jechuun sooma malee akka Iidat akka hin yaadatamne Eraniiru . Bukhaari fi Muslim gabasaniiru9/ Yaadachiisa ; Bara kanat Ashuuran kan olu Muhaarama

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …