Categories: Oduu Oromiyaa

Guyyaa WBO fi bara haarawaa 2016 ilaalchisuun dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo

 

2015 xumurree, 2016 yeroo jalqamnu akkuma hunda keenyan hubatamu gaddafi gammachuu uf duuba deebine itti

yaadannu, kan itti deemnu bifa haarayaan simannu ykn saganteefannu taha. dhaabni keenya ABOn seenaa boonsa

tokkummaa qabsaaa’ota kan Ummanni keenya hawwaa turan xurree saaqne keessa isa tokko, hardhaas akkuma

kaleessaa qabsoo roga hundaan haqaafi abbaa biyyumma Oromoo dhugoomsuuf goonu Falmaa hadhawaa adda hin cinne

godhaa turre, ammaas itti jirrudha. Guyyaan WBO fi barri haarawaan mooraa qabsoo Oromoo fi ummata Oromoo biratti

ulfinaa guddaan kabajama. Guyyaa WBO lafee ilmaan Oromoo sirna garboonfattuu cabsuuf caccabde yaadachuu

duwwaa osoo hin taane, dhaamsa isaan nu qabsaawota hardhaaf dabarsan haaromfannee haqa Oromoo isaan kaleessa

irratti darban akka galmaan geenyu dirqama keenya wal yaadachiisuu fi irrattis wal jajjabeesuuf kabajama.

Guyyaa WBO bara 2016 seenaa qabsoo Oromoo keessatti waanti adda isa taasisu, dhalooti qubee qabsoo abbootiin

isaanii irratti wareegamanii asiin gahan, dhaamsaa fi hirbuu gootota wareegamanii golee Oromiyaa hunda keessatt,

kaabaa kibbaatti, bahaa lixaatti lubbuu itti wareegamanii tokkummaan mooraa Wayyaanee yeroo diigaa jiranitti

kabajama. Goototni ilmaan Oromoo abbaa biyyummaa fi bilisummaa Oromoo amma galma isaa gahutti qabsoon roga

hundaan finiinee kan itti fufu ta’uu isaa addunyaaf ifa taasisanii jiru. qabsoon roga hundaa yeroo ammaa Oromiyaa

keessatti finiinee jiru, humni kamuu dhaamsuu akka hin dandeenye dhugoomee jira. Wayyaaneen amma feete dhugaa fi

haqa ilmaan Oromoo humnaan sarbitee aangoorra jiraachuuf tattaaffii taasiftuus, dhalootni qubee haarsaa qaqqaalii

kaffaluun yeroo dhumaaf akka sirna bittuu Wayyaanee awwaalu dhugoomsee jira. kun ummata Oromoo fi qabsa’ota

isaaf injifannoo guddaa dha. Guyyaa eebbifamaa kana sababa taasifachuun ABOn dhaamsa aarmaan gadii qabsa’otaa fi

ummata Oromoof dhaama.

Diinni keenya kan nurra bubbulee fi bara baraan kan nu ajjeessaa, saamaa fi biyyoo biyya keenya irraa nubuqisaa

jiraateef tokkummaa dhabiinsa qabsoo keenyaa ti. Diinni keenya yeroo kamuu mooraan qabsoo fi ummati Oromoo akka

tokkummaan dhaabbatu hin barbaadu. Kana hubachuudhaan akkuma ilmaan Oromiyaa dhalooti qubee tokkummaan

dhaabbachuun mooraa diinaa raasaa jiran, ilmaan Oromiyaa martuu garaa garummaan xixiqqoon xaxamuu keessaa

baanee akka tokkummaan diina keenya falmannu waamicha taasisa.

Diinni keenya qabeenyuma keenyaan ilmaan Oromiyaa fi biyya Oromiyaa bitaa jira. qabeenya diinni keenya ittiin

nugarboomsaa jiru mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti deebisuun fardii dha. kanaaf dinagdee diinni keenya ittiin

nurratti goobe hongeessuudhaan akka tinnisa mooraa qabsoo Oromoof taasifamu waamicha godha.

Humna Oromiyaa fi ummati Oromoo qabnu ofirratti beekuu qabna. Wayyaaneen humna Oromoo fi Oromiyaan qabnu

akka ofirratti beeknu tasa hin barbaadu. Empaayera Itiyoophiyaa keessatti kennaa sabni kamuu hin qabne ummati

Oromoo fi Oromiyaan qabna. Humna namaa, dinagdee fi taa’umsa lafa keenyaa gara humna qabsootti jijjiiruu qabna.

Humna sadeen qabnu kana dhimma qabsoof yoo itti gargaaramne diinni keenya guyyaa tokkoof dachee keenya irra

buluu fi qubachuu hin danda’u. kanaaf humna qabnu gara fayidaa qabsootti jijjiruun fardii dha.

Walabummaa,bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromiyaa dhugoomsuuf jecha daandii injifannoo dhalooti qubee

saaqee jiru galii isaan gahuuf ilmaan Oromiyaa biyya alaa fi keessa jirtan, qabsa’onnii fi dhaabbileen siyaasaa mirgaa fi

bilisummaa Oromoof falmiirra jirtan, akka tokkummaa dhaabbannee waanjoo garbummaa ofirraa kaafnu waamcha

Oromummaa dhiheessina.

Dhumma irratti Addi Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessa waadaa ummata Oromoof gale, hanqinootaa fi

dadhabbina qabsoo keessatti numudatan dhoksaa tokko malee ummata Oromoo wajjin tahuudhaan sirreeffachuuf qophii

dha. akkasumas qabsoo Oromoo daran tarsiimoo fi toftaa isaaf malu maddisiisuudhaan, ummata Oromoo, ijaaruu fi

hidhachiisuudhaan Oromoo humneessuuf qophii dha.

Sirni Wayyaanee ummata Oromoo ajjeessuudhaan, hidhuu fi qe’ee isaa irraa buqisuudhaan yakka irratti yoo yakka

dabalate malee, bifa kamiinuu qabsoo Oromoo akka galii isaa irraa dhaabuu hin dandeenye seenaa irraa barachuu qaba.

Wayyaaneen eega aangoo qabatee kaasee, yakkaa fi duguuggii sanyii ilmaan Oromiyaa irratti dalagaa jiru murtee

ummataa jalaa akka hin bane irra deebinee akeekkachiifna.

Carraadhuma kanaan lammii Oromoo taatanii yeroo dhihee jiru kanatti, badii kaleessaa irraa barachuu dadhabdanii,

ammas Wayyaanee wajjin tahuudhaan yakka seenaan dhiifama isiniif hingoone namootiin raawwachaa jirtan,(

keessumaa miseensi OPDO) akka ammas yakka lammii keessan irratti dalagaa jirtan irraa dhaabbattan ABOn isin

hubachiisa. Kana irra darbitanii garuu ammas saba keessan gantanii namootiin diina wajjin ilmaan Oromiyaa fi

Oromiyaa balleessuuf murteeffattan murtee seenaa jalaa akka hin bane hubadhaa.

Injifannoon ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 30, 2015-Amajjii 1, 2016

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago