Categories: Oduu Oromiyaa

Hawaasni Oromoo Biyya Sa’ud Arabiyaatti Argamu Irree fi Gaachana Ummata Oromoo WBO Jabeessuuf Gumaacha Maallaqaa Taasisu Cimsee Itti Fufuun Riyaala Sa’udii 117,371.00 Arjoome

Biyya Sa’ud Arabiyaatti kan argaman ilmaan Oromoo kan yeroo kamii caalaatti tokkummaa fi jabina isaanii ijaarratuun akkasumas tumsaa fi deggersa QBO ABOn durfamu keessatti bakka mul’ataa qabaachaa turan iddootti deebifatuun qabsicha jabeessuu fi hunda irra ammoo bilisummaa ummata Oromoo deebisuu fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf diina kuffisee kufaa, adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo of fuula dura tarkaanfachiisaa kan jiru WBO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisan haala jajjabeessaa fi kaaniif illee fakkii guddaa ta’uun itti fufanii jiran.

Haaluma kanaan hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa jiraatu Ayyaana Iid Al-Afaxirii kan baranaa 2015 sababeeffachuun magaalota adda addaatti walitti dhufan WBO daran jabeessuuf Riyaala Sa’udii 117,371.00 (Kuma Dhibba Tokkoo fi Kuma Kudha-Torbaa fi Dhibba Sadii fi Torbaatamii-Tokko) gumaachuun dhugumatti WBO cina jiraachuu isaanii hojiin mirkaneessanii jiran.
Haaluma kanaan Adoolessa 19,2015 hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee sirna kabajaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun achumaanis dhimma QBO ABO durfamuu irratti mari’achuuf walgahii guddaa fi ho’aa geggeeffatuu isaanii oduun bakkicha irraa SBO dhaqqabe ifa godhee jira.

Bakki itti Ayyaanni Iid Al-Faxirii fi mariin dhimma QBO irratti fuulleffate kun geggeeffame Riyaad bakka Israahaa Noofa Makharajaa 18ffaa jedhamutti oggaa ta’u, yeroo duraatiif shamarran Oromoo kan magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee QBO keessatti qooda gama isaanii ba’achuuf walgahii kana irratti hirmaachuu isaanii akka ta’e ibsameera.

Waltajjii kabaja Ayyaana Iid Al-Faxirii fi marii dhimma QBO jabeessuu irratti fuulleffate kana irratti shamarran Oromoo kunniin nyaata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa cufaa kan dhiheessan si’a ta’u, maanguddootni Oromoo waltajjii kana irratti argaman eebbisanii jiran. Kana malees shamarran Oromoo sirna kana irratti argaman nyaata aadaa dhiheessuun gamatti, diraamaalee gara garaa gocha hammeenyaa fi diinummaa wayyaaneen ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagaa jirtu mul’isan agarsiisuun hirmaattota akka boochisanii fi jajjabeessan oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa.

Walgahii kana kan adda taasisu gareen dargaggoota Oromoo lama bakka adda addaa jiraatan garee WALIIN WALIIF fi garee ADDA BILISUMMAA OROMOO jedhamuun mala walquunnamtii baranee WHATS APP jedhamu irratti walijaaran karaa walquunnamtii qilleensa irraan qooda fudhatuu fi karuma kana WBO jabeessuudhaaf maallaqa walitti qaban galii taasisuu isaanii akka ta’e barameera.

Haaluma kanaan gareen WALIIN WALIIF WBO jabeessuuf maallaqa walitti qabe Riyaala Sa’udii 10,150.00 (Kuma Kudhanii fi Dhibba Tokkoo fi Shantama) yeroo gumaachu, gareen ADDA BILISUMMAA OROMOO ammoo WBO jabeessuuf Riyaala Sa’dii 4,200.00 (Kuma Afurii fi Dhibba Lama) arjoomee jira.

Waytuma kanattis gareeleen lamaan konyaa ABO Riyaad waliin ta’uudhaan QBO keessatti qooda isaanii bahuu akkaataa itti fufuu danda’an irratti mariin taasifamuun ibsamee jira.

Haaluma walfakkaatuun Adoolessa 19,2015ttis Konyaan ABO magaalaa Makkaa fi Jaarmayni Tokkummaa Oromoota Makkaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffatanii walgahii godhataniin, dhimma QBO ABOn durfamuu fi akkaataa itti caalaatti tokkummaa hawaasa isaanii jabeeffachuu danda’an irratti marii godhatuu isaanii oduun walqabatee nu gahe ifa godhee jira.

Dura ta’aan Konyaa Makkaa haala QBOn ABOn durfamu irra jiru irratti hirmaattota waltajjichaaf ibsa bal’aa kan kennan oggaa ta’u, hirmaattotnis gaaffilee adda addaa kaasuun deebii quubsaa akka argatan beekuun danda’ameera. Dura ta’aan Konyaa Makkaa hawaasni akka qabsicha jabeessanii fi dhaabbatummaan WBO cina dhaabbatanii gargaaran hubachiisaniiru.

Maanguddoon Oromoo Abbaa Leencaa jedhaman sirna kana irratti argamuun dhaamsa dabarsaniin, bilisummaa fi birmadummaan kan dhufuu danda’u yoo nuti qabsoo keenya qabeenya, humna, lubbuu fi waa maraan bira dhaabbannee gargaarre qofa waan ta’eef, tumsii fi deggersi goonu itti fufuu qaba jechuun hawaasa walgahii kana irratti argameef dhaamsa jabaa dabarsanii jiran.

Walgahiima kanaan Konyaan ABO Makkaa fi Tokkummaan Oromoota Makkaa QBO ABOn durfamuu fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’udii 12,280.00 (Kuma Kudha Lamaa fi Dhibba Lamaa fi Saddeettama) arjoomaniiru.

Dhuma irratti hirmaattotni walgahii Makkaa ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa qabu baafachuun akkasumas maanguddootni eebbisuun sirnichi milkii fi injifannoon xumuramuu oduun SBO dhaqqabe kun addeessee jira.

Hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa tumsaa fi deggersa WBOf godhan itti fufuun Adoolessa 18,2015s Konyaan ABO magaalaa Koof fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoo Koof ayyaana guyyaa Iid Al-Faxirii sababa godhachuudhaan walitti dhufanii walgahii godhachuudhaan dhimmoota QBO ABOn hoogganamuu irratti marii bal’aa geggeessuu isaanii oduun walqabatee nu dhaqqabe ifa godhee jira.

Dura ta’aan Konyaa ABO Koof dhimma QBO ABOn durfamuu yeroo ammaa irra jiru irratti hirmaattotaaf ibsa bal’aa laataniiru. Walgahii kana irratti Itti Aanaan Konyaa Tabuukii fi Gaafatamaan Damee Dinagdee Konyaa Tabuuk akka keessummaatti walgahii kana irratti kan argaman yeroo ta’u, hawaasa magaalaa Koof walgahii kana irraa qooda fudhataniif haasaa godhaniin, hawaasni magaalaa Koof akka tokkummaa isaanii daran jabeeffatanii fi WBO jabeessuuf ogguu maraa huu akka qophii ta’an dhaamsa isaanii dabarsaniifii jiran. Waltajjii kana irratti walalooleen adda addaa nama jajjabeessanii fi ergaa dabarsan dhihaatuunis gabaafameera.

Dhuma irratti Konyaan ABO Koofii fi Tokkummaan Oromoo Koof walgahii kana irratti hoggana QBO ABO fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 64,221.00 (Kuma Jahatamii Afurii fi Dhibba Lamaa fi Digdamii Tokko) arjoomuu isaanii oduu nu dhaqqabe irraa hubachuun danda’ameera. Hanga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti deggersa godhan ciminaan kan itti fufan ta’uus waadaa seenaniiru. Maayii irrattis walgahiin isaanii eebba maanguddootaan milkiidhaan akka gudunfame beekuun danda’ameera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Baankii biraa hin qabu; Baankiin WBO nu Oromoota kan jedhan sabboontotni ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaatti argaman tumsa ykn deggersa WBO jabeessuuf taasisan haala nama boonsuun itti fufuun Adoolessa 22,2015ttis Jiddaa keessatti kanuma mirkaneessan.

Haaluma kanaan Adoolessa 22,2015 Konyaan ABO fi Jaarmayni Gamtaa Oromoota Jiddaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuudhaan Jiddaa bakka Kiiloo 10 jedhamutti walgahii dhimma QBO irratti fuulleffate godhatanii jiran. Dura ta’aan Konyaa Jiddaa walgahii kana irratti hawaasa Oromoo magaalaa Jiddaa sirna kana irratti argameef dhimma QBO ABOn durfamu, haala Oromiyaa keessa jiru, badii mootummaan wayyaanee ummata Oromoo irraan gahaa jirtuu fi dhimmota adda addaa irratti ibsa bal’aa kan kennan oggaa ta’u, hawaasni Oromoo akka qabsoo isaanii duukaa dhaabbatan, waan danda’aniin WBOtti akka dirmatan yaamicha godhaniiru.

Hawaasni Oromoo Jiddaa fi naannoo sabboontotni qabsoo saba isaaniif naatoo qaban nuuf jedhee dhiiga isaa kan dhangalaasuu fi lubbuu isaas dabarsee kennaa jiru WBO bira dhaabbachuun dirqama dhaloota biyyaa fi bilisummaa isaa barbaaduu ti jechuun, deggersa WBOf Riyaala Sa’udii 21,370.00 (Kuma Digdamii Tokkoo fi Dhibba Sadii fi Torbaatama) gumaachuu isaanii oduun Jiddaa irraa nu dhaqqabe ni mirkaneessa. Xumura irrattis hirmaattotni walgahii kanaa ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa of jalaa qabu baafachuun walgahii isaanii injifannoon obbaasanii jiran.

Dargaggootni sabboontotni Oromoo of beekan biyya Sa’ud Arabiyaatti argaman maqaa Dhaloota Qubee (Qubee Generation) kan Oromiyaa keessaa QBO finiinsaa fi mootummaa gabroomfattuu wayyaanee guyyuu FDGn lafa itti dhiphisaa jiraniin wal ijaaranis WBO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisaniiru. Dargaggootni saboontotni Oromoo kunniin bakka adda addaa jiraatanis karaa mala walquunnamtii baraneen wal ijaaranii karuma kanaanis walgahii godhatuudhaan WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 5,150.00 (Kuma Shanii fi Dhibba Tokkoo fi Shantama) akka arjoomanii jiran oduun SBO dhaqqabe mirkaneessee jira.

Walumaa galatti hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee, gareen WALIIN WALIIF fi garee ADDA BILISUMMAA OROMOO, Konyaan ABO magaalaa Makkaa fi Jaarmayni Tokkummaa Oromoota Makkaa, Konyaan ABO magaalaa Koof fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoo Koof, Konyaan ABO fi Jaarmayni Gamtaa Oromoota Jiddaa fi dargaggootni Dhaloota Qubee (Qubee Generation) QBO ABOn hoogganamuu fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 117,371.00 (Kuma Dhibba Tokkoo fi Kuma Kudha Torbaa fi Dhibba Sadii fi Torbaatamii Tokko) gumaachanii jiran. Deggersii fi gumaachi isaaniis cimee kan itti fufu ta’uu waadaa seenaniiru.

Biyya Sa’ud Arabiyaatti Konyaan ABO Makkaa fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoota Makkaa Waxabajjii 26,2015 QASRII HILLAAL AL AHMAR irratti walitti dhufuudhaan dhimma QBO ABOn furfamuu irratti wayta mari’atanitti WBO daran cimsuuf battalumatti Riyaala Sa’udii 31,000 (Kuma Soddomii Tokko) arjoomuu isaanii akkasumas Konyaan ABO Tabuukii fi jaarmayaan Tokkummaa Oromoota Tabuuk Waxabajjii 14,2015 walitti dhufuudhaan dhimma qabsoo irratti marii gochuun, akkasumas tarkaanfilee WBOn diina irratti fudhataa jirutti gammaduudhaan WBO caalaatti jabeessuuf Riyaala Sa’udii 82,260 (Kuma Saddettamii Lamaa fi Dhibba Lamaa fi Jahaatama) arjoomuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Addi Bilisummaa Oromoo ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaa fakkii jabaa ta’aa jiran akkasumas kanneen bakkoota adda addaa jiraatanii qabsoo sabaa jabeessuu fi WBO cimsuuf tinnisa bifa gara garaa godhaa turanii fi jiraniin galatni keessan bilisummaa ummata Oromoo haa ta’u erga jedheen booda, bilisummaa fi biyya isaa gonfachuuf Oromoon keessaa fi alaan tokkummaa isaa daran jabeeffatee qabsoo bilisummaa isaaf tumsa gochuu fi qabsichattis hirmaatee finiinsuun ala fala biraa akka hin qabne hubachiisee jira.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago