Oduu Haaraya

Haxxishoo! Guddadhu!

Obboo Amaan Kamsaree

Amaan Kamsareetiin

Waan Mootummaa Bilxiginnaa Buqqiftee Aangoo Oromiyaa Fudhachuu Dubbadhu!

Seenaa fi maalummaa riphee-lolaa ilaalchisee ammaan dura gulantaalee guddinna loltuu walabummaa babbay’suun kiyya ni yaadatama. Riphee-lolaan mootummaa cunqursaa buqqisee aangoo mootummaa qabachuuf sadarkaale tarsimoo 3 keessa akka qaxxaamuru akeekee ture.

Gulantaan jalqabaa gulantaa malqaqqummaatii fi godaantummaati (embryonic and nomadic stage) jedhe ture.

Riphee-lolaan guddinna gulanta kanarraati argamu tooftaa rukutanii dheessuu (hit-and-run) akka hordofu saayinsiin siyaasaa waraantummaa ni balbaloomsa.

Riphee-lolaan guddinna sadarkaa kanaa irratti argamu qurxummii bishaan daakuun (hawweenuun) walfakkaata. Akkuma yaadatamu Mootummaan Bilxiginnaa galaana goggoysuu fi qurxummii qabuuf imaammatee ture. Gabaasaa ardhaa keessatti Shanee 1000 ajjeesuu hin dhoksine.Garuu qurxummiin sun kaayoo dhugaatii fi duubbee ummata isaa malee jogola dhaabbataa (fixed base) waan hin qabneef abjuun Bilxiginnaa marraa hedduuf fashalee jira

Guddinni sadarkaa lammataa gulantaa lola socho’aati ykn lola godaansaati (mobile warfare) akka taye ibsuun kiyya hin dagatamu. Riphee-lolaan guddinna gulantaa kana gubbaa jiru duubbee dhaabbataa fi jogola socho’aa (mobile base) akka qabaatu babbay’suu kiyya ni yaadadha.

Gulantaan sadeessoo gulantaa lola dhaabbataati (positional warfare)ti. Oduun ardha biyya irraa dhuftu akka addeessitutti loltoonni walabummaa Oromiyaatii fi Gambeellaa magaalota gurguddoo lama qabatanii jiru.

Gaafiin guddoon “riphee-loltonni walabummaa kun magaalota kanneen keessa ni turan moo haleelanii bawu ta jettuu miti. Deebii gaafii tana isaaniif dhiifna!

Garuu dhugaan diida jirtu ta armaa gadiiti

Dhugaa tokkoffaa: mootummaan Bilxiginnaa galaana llee goggoysuu qurxummii llee qabuu dadhabuu muldhisa

Dhugaan lammeessoo riphee-loltonni guddinna gulanta xumuraa irra gawuu fi madaalli humnaa conqola’uuf dhiyaachuu (strategic stalemate).

Dhugaan sadeessoo Bilxiginnaan filmaata dhabamuu/jiraachuu keessa seenuu. Kana jechuun Bilxiginnaan kachachalaa fi sagaagalummaa siyaasaa dhiisee, gadi taa’ee OLA-OLF wajjiin mariyachuu ykn buqqa’uu dha.

Sooqidda mi’aayi yoo didde dhagaadha!

Feta accompli!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …