Categories: Yaada

Hiriyaa Jaldeessaa Galgalli Hallayyaadha!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Ingiliizonni, Faransaayi, Portugaal, Ispeeyeenii fi koloneeffattoonni
Awuroopaa bayyeen ennaa Afrikaa fi biyyoota kibba Ameerikaatti
duulanii koloneeffataa  turanitti; biyya isaanitii waraana xiqqoo
qabatanii biyyoota weeraran kana erga seenanaii booda saba tokko
tokkorratti ijaaruun hidhachiisanii walirratti duulchisaa turan. Isa
tokko hikkachiisuun isa biraaf meeshaa waraanaa kennuunis  wal
ficciisiisaa ofii ammoo saamicha gaggeessaa turan. Giduuu saboota
biyya tokkoo ykn ollaa walii jiru gidduutti holola sobaa facaasuun
jibba uumaa, wal shakkisiisaa fi gargar qooduun bitaa turanis seenaan
katabee dhalootaaf kaa’eera.
Koloneeffattoonni kun keessuumaa toftaa xiqqaa guddaarratti  kakaasuu,
sabuma koneeffatan keessaa garaaf bultoota, warra samuu garaan
gurgure, ykn kan afaan ingilzitiin(mercenary) jedhaman ofitti qabuun
waraana  fi tika keessatti itti fayyadamuun akka lammii irraa dhalanne
jedhan deebi’anii ajjeesan, dararanii fi saamanii saamsisan
taasisaniiru. Wayyaaneen har’a ummata Oromoo  fixaa jirtu  tunis
yakki ishiin OPDO ijaarun  raawwachaa turtee fi jirtus kanuma.
Ergamtoonni, garaaf bultoonni gabroonfattootaa kunneen akka seenaan
katabee lafa kaa’eetti biyya baayyee keessatti gabroonfattootarra gara
jaboo akka turan himama.  Ergamtoonni kun of jaalachiisuuf jecha
ennaa lammii isaanii ajjeesan , ennaa  saba ollaa isaanii barootaaf
waliin jiraatan weeranii qayee fi qabeenyarraa buqqisan biyyoota
baayyee keessatti muldhateera. Gara jabinnii isaanii kolaneeffattoota
yoo  caalu, xiqqumalleen naatoo namaa kan hin qabne, garaa guuttannaan
abbaa fedhe, hidhuu, dararuu, saamuu fi ajjeessuun hojii isaaniiti.
ergamtoonni wayyaanee, jala deemanii har’a ummata Oromoo ficcisiisaa
jiran OPDO fi fakkaattoonni isaaniis kanuma dalagaa jiru.

Garaaf bultoonni, ergamtoonni Akka OPDO lammiirra ofitti citan
eessattuu, jaarraa kam keessattuu, saba kam keessattuu hamoo  fi
badoodha, gara jaboo fi bor hin beeknee dha. Har’a nyaatanii bullaan
kan bor-ifataanii dantaa isaanitii miti, akkuma yaa sangaa marga malee
hallayyaa hin argine afoola jedhuu san  garaan gunnaan isaaniif kan
isa caalu hin jiru,  hallayyaa kamuu ni bu’u. Ajjeesi jedhamnaan ni
ajjeesu, hidhi jennaan akkasuma. Dararaanis isaaniif hojii ittiin
beekamaniidha.OPDO fi ergamtoonni kanneen biroo Impaayeera
itiyoophiyaa keessa jiranis wanti isaan waggootan 25n darbaniif
wayyaanee jala fiiguun hojjechaa turanii fi jiran kanuma.
Wayyaaneen gaafa impaayeera itiyoophiyaa qawween weerartee qabattee
kaaftee hojiin ishiin tokko jettee eegalte garaaf bultoota warra garaa
malee sammuu hin qabne ofitti qabuudha. Sassaabdee ergamtoota
godhachuu dha,  Dhaabooleen maqaa OPDO, DHDN,BADN,ESODN,GHDD,BGDD
jedhaman dhimmi dhaabbataniif kanuma. Wayyaaneen  garaaf bultootaa fi
ergamtoota erga haala kanaan walitti qabdee dhaaboota kana bixxiltee
booda akkuma koloneeffattoonni Awuroopaa gochaa turan  bu’aa xixiqqoo
bubuutuu jala qabdee garaaf bultoota kana ergachuudha.  Miseensoonni
dhaaboolee kanaas  wayyaanee dura deemuun saba irraa dhalanne jedhan
dararuu,hiidhuu, saamanii fi saamsiisuu akkasumas ajjeesuu gahummaan
bahachaa turan ammas itti jiru. Keessuumaa dhaabni maqaa Oromootiin
waamamu kan wayyaaneef hojii ergamtummaa raawwachaa jiru OPDO fi
miseensonni isaa xiqqumalleen warra sammuu itti hin uumiin, warra
garaan sammuu itti caale ta’uun yakki isaan wayyaanee waliin ta’uun
waggoottan 25n darban keessumaa ammoo waggaa 2n as ummata Oromoorratti
raawwataa turan akkaan suukanneessadha.
OPDOn Harree baattee hin dadhabne ta’anii wayyaanee tajaajiluu
caalaayyuu yeroo baayyee wayyaanee biratti jaalatamuuf jecha ofumaafuu
ta’e jedhanii ummata Oromoo hidhaa, saamaa, ajjeesaa fi biyyaa
baqachiisaa turaniiru, ammalleen itti jiru.  warri kun yoo wayyaaneen
waggoota 25n darbaniif Oromoo ajjeeftu, warra qawwee baatee jala
fiigaa turee fi jiruudha, yoo darartu, yoo saamtus akkasuma fuundura
fiiganii ilmaan Oromoo qabanii dabarsanii  keennaa turaniiru.
Keessumaa waggaa 2n as erga FXG sadarakaa olaanutti cehee wanti OPDOn
ummata Oromoorratti raawwatte ergamtummaa ishii kan caalaatti
saaxileedha.Yoo wayyaaneen AMBO, Haromaayaa, Naqamte, Gimbii, Arsii
Magaalota hedduu keessatti,  Finfinnee fi naannwa finfinnee, Booranaa
fi gujii, Walloo, Jimama, Iluu Abbaaoor  fi Baalee keessatti
addabaabaayitti  barattoota harka duwwaa bahanii mirga uumaa fi
dimookiraasii Oromoof falman fixxu;  wayyaanee deeggaranii ibsa baasuu
malee lakkii sirrii miti hin jenne. Ummata ittiin of yaaman san cinaa
hin ejjenne. Irreecharrattis haaluma walfakkaatuun yoo ajjeechaan
jumlaa fi sukanneessaan sana fakkaatu ilmaan Oromoo irratti raawwatu
OPDON asan jira hin jenne. Haacaaluu akka labsiin yeroo muddamaa
labsamuuf wayyaanee jala kaatanii kadhachaa turan. Inumaawuu wayyaanee
caalaa dallananii kan ajjeechaan sun sirriidha jedhanii morman isaan
akka ta’e Oromoo mitii addunyaatu beeka.
Ergamtoonni  miseensoonni OPDO kun kan biraa haa hafuutii ergamtoonni
akka isaanii kan “naannoo sumaalee Bulchaa jirra” jedhan yeroo ammaa
kana  yoo waraana liyyuu hayil jedhamu ummata Oromoo Baha Oromiyaa fi
kibba baha Oromiyaa jirutti duulchisanii yakkoota danuu hojjetan afaan
ittiin dubbatan dhabanii callisanii ilaalaa turan, jiran. Garaaf
Bultoonni ergamtoonni naannoo Sumaalee Bulchaa jirra jedhan kun
waggoottan 25n darbaniif Duula ONLF balleessina jedhuun yakka meeqa
akka saba irraa dhalanne jedhanirratti raawwatan addunyaatu quba qaba.
Ammammoo  kunoo ummata Oromoo daangaa isaanii jiraaturratti  liyyuu
poolis ykn liyyuu hayil jedhamu itti duulchisanii ajjeechaa dararaa fi
saamicha raawwachaa jiru.  Qayee fi qabeenyarraa godaansisaa jiru.
Egamtoonni weerartootaa kun akkuma warri Awurooppaa ennaa Afrikaa
kolneeffatan saba tokko tokkorratti kaasanii isa tokko tokkoon
hacuucaa turan san  warreen naannoo sumaalee bulchina jedhan garaaf
bultoonni  kun  waraana liyyuu hayil jedhamu  ajajjaa fi deeggarsa
wayyaaneetiin ijaarame  fudhatanii   kunoo akkuma argaa fi dhagahaa
jirru ummata Oromoo ollaa isaanii barootaaf jiraachaa turee fi jiru,
ummata gaaf rakkoo waliin dabrse, ummata akkuma isaanii hacuuccaa jala
jiru  goolaa jiru. Kun ergamtummaa isaa hamaa fi duubni isaas
hallayyaa ta’e; kan  waan ka’aniif ittiin fiixa baasu hindandeenye
carraaqqii  bu’aa hin qabnee ta’uun eenyufuu ifaa dha.  Walumaa
Galatti Akkuma “Hiriyaa Jaldeessaa Galagalli Hallayyaadha” jedhamu san
Daandii Wayyaanee Duubni Qilee ykn Halayyaadha!  Kana Hubatanii yeroon
Wayyaanee Biraa Hafuun Dansaadha!
Har’a ergamtichi Lammaa Magarsaa Ani bulchaa naannoo Oromiyaati,
Oromiyaan dhaaba keenya OPDOn gaggeeffaa jirti, nuti Oromoof
quuqamaadha jedhee yoo hololu dhagahaa jirra. Ummanni Oromoo garuu
wayyaaneedhaan akkasumas warreen wayyaaneen ergattu kanneen akka
Bulchiinsa naannoo Sumaaleetiin dhumaa jira. Ergamtichii fi garaaf
bultichi Lammaa Magarsaa amma eessa jira?essa seene? Maaf gadi bahee
wayyaanees ta’e ergamtoota akka isaa warra liyuu hayilii ummata
Oromootti bobbaasee Oromoo fixaa fi saamaa jiru balaaleeffachuu ykn
innis akkuma isaanii waraana bobbaasee ummata Oromoorraa roorroo
qolachuu dide? Ykn dadhabe..?  Deebiin isaa salphaadha, innuu hojiin
isaa, kan dhaabni inni keessa jiru OPDOn  wayyaaneedhaan bixxilameef
ergamaa ta’ee Oromoo saamsisuu, dararsiisuu fi ajjeechisiisuufi. waan
ta’eef  ni gammada malee gaddi itti dhagahamee Oromoon miidhame jedhee
goftolii saatti afaan  guutee dubbatuuf hin jiru. Dandeettiis, mirgas
itti hin qabu. Ummanni Oromoos Lammaa Magarsaas ta’e gutummaa
miseensota OPDO irraa homaa hin eegu eegees hin beeku.
Ummanni Oromoo gutummaa Oromiyaa keessa jirus ta’e inni ala jiru mirga
isaa ofiin kabachiifachuuf qabsoorra jira. FXG gaggeessaa jira.
Wayyaanees ta’ee ergamtoota akka bulchitoota naannoo sumaalee warra
liyyuu hayilii ajaja wayyaaneetiin oromootti bobbaasan ofirraa
qolachaa akkuma ture, funduraafis roorroo kamuu ni qolata. Itti
jirasi. Kun jabaatee itti fufuu qaba. weerara naannoo sumaaleetiin
itti dhufes Oromoon naannoo san jirus haa ta’u innii gutummaa Oromiyaa
keessa jiru mirmatee jarreen kun adaba godhachuu qabu.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago