Categories: Yaada

HOGGANSA SABA TOKKOO PAARLAMAAN BIYYA TOKKOO BITTIMSUU DANDAYAA?

                                               

Taammanaa Bitimaa irraa           

Raajii dha! Ani hardha ganama (gaafa 07. 11. 20) intarneetii “Ayyaantuu.org yommuun bane, laallee (“information“) guyyaa kanaa isa jalqabaa keessattin: “Ethiopian Parliament Dissolves Tigray Leadership” kan jedhu arge. Ani  ennasuman ofumaan ofitti dubbachaa: “Leadership saba tokkoo paarlamaan biyya tokkoo bittimsuu, (dissolve) gochuu ni dandayaa? Ofiin jedhee of-gaafaddhe! Paarlamaan Itoophiyaa yookaan paarlamaan Afrikaa, dabreetuu Paarlamaan Addunyaa (UNO) mootummaa yookaan paarlamaa saba tokkoo “dissolve” gochuu ni dandayaayyii?    Laallee tana “Reuters“-itu: “Ethiopia’s Parliament has voted to dissolve the government of the northern Tigray region, amid a dispute which has escalated into armed confilct“, jedheetoo dabarse. Mootummaan Itoophiyaa kan ammaas tayee, kan durii heera fi seera biyyaatti waan hin bulleef, gaafa fedhe abbaa fedhetti duuluun hojii isaa ti. Itoophiyaan impaayera dullattii qawween ijaaramtee, qawween eegamaa jirtu waan taateef, kun waan nama dhinqisiisu wayii hin tahu. Ammoo, kan sonaan nama dinqisiisu mootummaan dhiigaa fi lafee dhaloota qubeetiin taayitaa kore kun, muummichi ministeeraa “The Noble Peace Price” badhafame kun, kana gochuu isaatu nama raajeffachiisa!   Ilmi Oromoo kun, eeyyee inni qeerroo fi qarreen Oromoo wareegama addunyaa tana maalalche gochuun, masaraa Tulluu Daalattii seensisan kun kanaa fi wanneen biroo kanneen hedduu nama dinqan dalagaa jiraachuu isaati. Inni hojii irra dalaga baay’ee beeka, jaalatasi! Inni otoo daangaa alagaa cabsee irra tarkaanfachuun Tigraayitti hin duuliin, dursee foonii fi dhiiga isaa kan tayaan Oromoo Wallaggaa, Oromoo Gujii fi Booranaatti duulee dhuulchise. Inni Oromoo dha malee, nama Oromummaattis, Gadaattis amanuu miti. Abjuun isaa inni duraasaa akkuma innuu jedhutti: “Toophiyaa bakka shiitti,giloorii” shiitti deebisuu dha. Inni kan amanu “Waaqa-ittis”, “Allah“-ittis, “God“-ittis otoo hin taane, ekeraa Minilikii fi ekeraa Hayila-Sillaaseetti! Inni safuu fi safeeffata Oromoo raajeffatamaa san bututtuun maree, erga lagaa fi bosonatti darbatee daran bubbulee jira.   Inni Itoophiyaa isaa kana bakka shiitti deebisuuf, akka duritti deebisee “giloorii” ishii gonfachiisuuf, Masaraa “Tulluu Daalattii keessatti nafxanyootaan marfamee, nafxanyootaan gorfamee takka Oromoo Lixaa fi Oromoo Kibbaatti duulee, duulchisee hojii suukaneessaa abbaan bideenaa isaa, Mallas Zeenaa-llee hin hojjanne, hojjachaa ammammoo uummataa fi saba Tigraayitti duulaa, balaliyaa (roopphilaa) waraanatiin gandeeni fi manneen barbadeessaa jira. Harra nafxanyoonni ijji isaanii jibba Oromoo fi Oromiyaatiin cufame, isa marsanii uummata Oromoo fi uummata Tigreetti isa duulchisaa jiru.   Inni ammaan tana heeraa fi seeraan ala impaayerittii bitaa jira. Yeroon mootummaa isaa erga dhumee turee jira. Amma inni seera biyyattiitii ala biyya “bulchaa” jira. Kunoo, ijuma teenya duratti shiftoomuun, akka shiftaa tokkootti abbaa fedhetti, gaafa fedhe duulaa, akka fedhetti gandeeni fi manneen Oromiyaa fi Tigraay irbaata ibiddaa gochuu irratti argama. Inni durumaan seera malee, jaarmaa EPRD jedhamu diigee bittimsuun paartii PP jedhamutti ijaarratee, abbaa fedhe hidhaa, hiisisaa, abbaa fedhe taayitaa irraa buqqisaa, shiftaa fedhe siree mootummaa korsiisaa jira. Inni ija nyaatee, maal-naan-jedhuu manaa baasee darbatee, kan biraa hafee namoota isa sadarkaa kanaan gayan, kanneen akka Jawaar Mahaammadii fi Lammaa Magarsaa faa yookiin karchalleetti darbatee, yookiin immoo taayitaa irraa hari’ee, daaqonii fi gaanonii nafxanyaatiin marfamee sirna federaalaa kan uummatoota fi saboota cunqurfamootiin bu’ureeffame, diigee diigsisee sirna: “biyya tokko, saba tokko, afaan tokko, amantii tokko, alaabaa tokko” jedhamu deebisuuf halkanii-guyyaa dhama’a jira!   Filmaata Itoophiyaa guutuutti mootummaan Abiyyi kun seera malee, humnumaan dabarsee jira. Mootummaan Tigraay garuu, naannoo isaatti filmaata kana adeemsee jira. Kanas warri abbootii irree, Dr. Abiyyi faa warri Tigraay akka waan yakka hojjataniitti lakkaawani. Mee amma warreen biroo isa kana akkamitti akka ilaalan, armaan gaditti haa mildhannu!   “He (Dr. Abiyyi) unilaterally delayed the elections indefinitely and started arresting all the influential Oromo politicians. Abiy brutally crackdown the Oromo protests whilst he killed hundreds of innocent peoples and arresting thousands of Oromo civilians. The highest number ever killed in one instance in recent history.”   Kana mara keessatti Abiyyi Aahimad kophaa isaa miti. Gocha yakkamaa kana Biyya Oromoo, Oromiyaa keessattis tayee, Biyya Tigeetti kana deemsisuuf inni ifumatti nafxanyoota moofeyyii fi nafxanyoota haareyyiin marfamee ti. Harra aangoon impaayerittii harka Abiyyi keessa qofaa otoo hin taane, baarruu nafxanyoota keessas galeeti argama. Garuu, nafxanyoota irraa waan saboota, sablammoota fi uummatoota koloneeffamaniif tolu eeguun, gaangeen dorrobdeettii ni dhalti jedhanii eeguu taha.    Kanaaf, uummata Oromoos tahee, uummatoonni obbolaa isaa warri akkuma isaa Minilik faashitticha Afrikaatiin koloneeffamanii fi dabalees uummanni Tigree, harka walqabatanii mirga ofiitiif sochowuu malee, filmaata biraa tokkollee hin qabani! Uummanni Amaaraas akka uummataatti gabroofatamoo kanneen cinaa gora abdii jedhu qabna. Dabaleesoo, harra nafxanyoonni Amaartota Oromiyaa keessa nagaan jiratan irratti tarkaanfii tokko tokko fudhachuu irratti argamu. Isaan Amaartota kanneen jeeqanii Oromootu kana godhee jechuun maqaa Oromoo fi Oromiyaa xureessuuf hidhatanii ka’aa jiru. Kun gonkumaa waan tahuu hin qabne waan taheef, Oromoonni keessumaa qarree fi qeerroon uummata kamuu kan nagaa fi nageenyaan Oromiyaa keessa jiraatu akka hin tuqameef eeguu qabu! Nuti kana kan goonu namaa jennee, maqaaf jennee otoo hin taane, aadaa keenya raajeffatamaa sanii fi sirna Gadaa dinqisiifamaa sanitu nu dhoowwa!                 ==============    //    ==============

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago