Oduu Haaraya

“Hoggontoonni keenya afaaniin walbummaa fii bilisummaa Oromiyaa jedhaa isin sobaa turan”

Haxeerarrii Hasawa Jawaar Mohammed kan guyyaa arraa magaalaa guddoo biyya Suweedin Stookholmitti godhe keessaa hanga tokkko

1ffaa An isin sobuu hin barbaadu, sobaan akka harka naaf dhoytan hin barbaadu, feetan na jibbaa malee isinitti kijibuu hin barbaadu.

2ffaa Oromoo bakka turre fii bakka irraa kaane yaadachuun gaariidha, kalee jallaa ormaatti duula baane arraa ammoo jallaa keenyati qabsoo godhaa jirra

3ffaa obboleeyyan lama wal injifaachuu hin danda’an, sabaabni isaa maatiin bakka lamaatti qodama waan ta’eef jecha. Yoo orma tahee malee obboleeyyan lamaan jidduutti wal moohun hin jiru

4ffaa ormii walitti nu qabee “baala taraa” nun jedha, walumatti nu qabee nu arraabsa. Ummanni keenya ummata haqaati, waan wayyaanee nu goote oso hin dagatin, yeroo jallaan keenya ummata Tigray miidhu mootummaa kanaan mormun sirriidha

5ffaa Yeroo hedduu hoggontoonni keenya isin sobu, walabummaa Oromiyaa afaanin soban malee waan afaaniin dubbatan dalagaa fii ejjannoo qabatanii fuulduraatti deemanii hin beekan. Ar’a bakka isaan jiran isinuu ni gartan. Ani akka nama tokkotti sirna federaalizimi kana dimokraateessu qofaan karaa nagayaatiin rakkoo jirtu furuu qofa furmaanni jiru jedheen amana.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …