Oduu Haaraya

Hundeeffama Wagga Tokkoffa OMN moo kuffinsaa OMN wagga tokkoffa booda jedhama laata?

Ashama harka fuune jaallewan kiyya iddo jirtanittii Nageeyyi koo kan onnerra madduu isiin haa qaqabuu jecha yaada fi Oduu tokko isiniif dabarsuun barbaada. Dura otuu ijjoo dubbi kooti hin calqabiin, wa’ee OMN hin dubbadhuu jedheetani waada isiniif seene ture. Garuu waada san nan cabsa! Dhifamaa isiin gaafadha. Yaa ‪#‎Dhugaa‬ ‪#‎Baasi‬ keenyya waada nuuf galtee maaf cabsitaa jechuu keessan hin oolu.

Maal ree ijjoo dubbi kooti kan harra akkas jedha.

OMN ergaa hundeefamee wagga tokko guutera, anaafis ummata Oromoofis gammachuu gudda akka nuuf ta’ee ni ibsanna. Wagga tokko kana keessatti waa hedduutu dabarfamee. Isa guddan ammo, wa’ee rakkoole OMN kessa jiruu dha. Innis Journalist achii keessa hojjatuu mirga ykn dhiibba isaan irra gahama turee fi gahamaa jiruu. Bifa social Media dhan Oduun gara hawaasatti faffacha’ee ture. Gaazixeesan tokko akka jedheetti namnii nu hojjachiisa jiruu (technically Jawar) dha. Akkasumas hojiin raawwachiisa (Editorial Chief) ammo biyya Austraaliya waan jiruuf dhiibba heddutu nurra gahama jira. Yeroon nuuf aduun dhiitu Autraaliyati aduun baatii. Yeroo nuuf baatu ammo isaanif ni dhiitti kanaafu hojii sa’ati murtaa’een hojjachuun nama dhibaa. Hayyama nama Autraaliya jiruu eegachuu irra maaf asuma walumaan mariyanne hin hojjanne jechu dhan gaaffile gaggaafatan. Gaaffii kana waan gaafataniif Gaazixeesitoonni lama hojii irra ugguran. Gazixeessan Kadiro Elemo fi Ahmed Yasin ilaalcha adda qabdanii jechuu dhan akka hojittii hin deebine xalayaa barressanif turan.

Kana malees hojjata sagantaa Afaan Amaara OMN fi manager studio kessa kan ta’e Befiqadu Morada namoonni quuqama Oromoofi Oromumma qabuu ittii qosa ture. Kuniis dhiibba Gaazixeesitoota keenyya irra gahaa ture.

Guyya Kaleessa namnii kunii hojii isaa akka dhiise ragaale studio OMN kessarra nuuf hima jiru. Akkasumas Editorial Chief kan ta’ee Dr. Birhaanu Olaana Dirriba waggaa tokko booda hojii isaa dhiisera. Dr. Birhanuun ETV(EBC) keessa hojjata turee yoo ta’uu kan inni jiraatu biyya Austraaliyaa dha. Qeeqa Dr. Birhanu malee warri studio OMN kessa jiru hojii hojjachuu hin danda’amu. OMN erga hundeefame hanga amma Gaazixeesitoonni 2 hojii irraa uguraman yoo ta’uu Gaazixeesitoonni 3 hojii isaani dhiibba wan jiruuf fedhii isaanin hojii lakkisan.

Akka ilaalcha keessanitti wagga tokko keessa Gaazixeesitoota 5 dhabuun laaffina OMN akka ta’ee hubadha. Nutii hundinuu OMN guddatee sadarkaa adunyyatti akka calaqisuu barbaanna garuu haala kanaan yoo itti fufe OMN kuni hin kufa malee hin guddatu.

Rakko kana furuuf maaltu hojjatamuu qaba gaaffi sammu keessan kessa isiin ciinquu hin oolu. Hojii Raawwachiisa (Editorial Chief) biyya ameerika irra madduu qaba. Namnii tokko laga gama ta’ee laga asii kana hogganuu hin danda’uu kuni gonkumaa wan hin fakkaane. Kanaafu warri OMN wanta kana ciminaan itti hojjachuu qaba! Kan biras ammo Gaazixeesan tokko yeroo qacaramuu waada waraqa (contract) wagga 1 ykn 2 seenu qaba kun maaf barbaachisaa yoo yaaddan ta’ee. Namnii kontraata seene kontraata sana hanga dhumutti hojii isaa akka dhiisu hin hayyamamuf. Kunii jajjabinaa media kana guddisa. Namnii ammo otuu kontraatarra jiruu hojii irra ugguramee yoo jiraate nama saniif beenyyan(compensation) kafalamuuf qaba.

Hundaafu OMN akka jabaatuu barbaanna.
Hora Bula!

Waada koo cabsuu kootif ammo dhiifama!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Obbo dhgabaas,
    OMN woggaa tokkoffaa kabachuun isa, jiraachuu isaati agarsiisa malee, kufaatii isaa hin agarsiisu siin jechuu ka barbaachisu natti hin fakkaatu. maalif yoo jette, utuu kufee, woggaa tokkoffaa kabachuu hin dandayu ture. Sababoonni ati akka kufaatii gootee tarrifte hundi, asxaa kufaatii miti. Asxaa rakkoolee ti malee. Rakkooleen yoo jiraattees, waan haraa osoo hin tahin, wahuma jaarmayoota hunda kessatti argamu. Woggaa tokko keessatti namoota lama hujiirraa baasuun wnam ajaa’ibsiisuu miti. Namni tokko hojii ni jalqaba, ni dhiisa, nillee ni arihama. Akkusumatti jaarmayni tokko hojjattoota qacaruufii arihullee ni dandaya. Mirga isaa ti. Dr. Birhanuun Editor -in-chief or Chief Editor. Oduun ykn qophiin tokko utuu qilleensarra hin oolle, laaluun ifii yoo barbaachise jijjiirama godhuufii waa garii irraa hanbisuufii, garii itti ida’uun daladgaa isaa ti. Kun maalif akka haraa sitti tahe, an hin beeku. Eeyye! OMN uggurama diinarraa yeroo hedduu itti godhame irra aanee, oromiyaa fii biyyoota Oromoonni jiraatan hundatti tamsaasaa woggaa tokko gahee jira. Namni kanatti hin gammanne DIINA qofa je’eetin amana. Atilleen yoo Oromoo ykn fira Oromoollee taate gammaduu qabda je’eetin amana. Kufaatii jaarmaya jaalatamaa kanaa farrisuun immoo nama gadisiisa.