Ibsa dubbii H/maariyam Dassaaleny ilaalchisee, atileet Fayyisaa Leellisaa irra kename

Fulbaana 22, 2016
Waan muummichi ministeeraa Itoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny mormii Rio irratti ani agarsiisee fi gara Ameerikaa dhufuu dhufuu koo irratti jedhe argeen jira. Baay’ee na hin dinqine. Sababni isaas, namni yeroo hunda namaan durfamu tokko akkuma ofii isaatti nama ilaala waan ta’eef. Ani yeroo hundumaa dhimma mataa kootiirrattan hundaa’a. Namni kamiyyuu akka isaa kanatti gara dukkanaatti yoo kan na oofan ta’e, hin deemu. Ofan danda’a jechuu kooti.

Anatu gara Rio erge jedhee dubbatee ture. Atileetota waliin gaggeessaa godheefin tures jedha. Ani gonkumaa masara mootummaa isaanii seenee nyaadhes hin beeku. Gaggeeffamees hin beeku. Nama fira koo ajjeese waliin hin nyaadhus, hin dhugus. Ragaadhaaf suurri atileettonni gaafa sana ka’an keessaa suuraa koo barbaadee mirkaneeffachuu ni danda’a. Atileetota kan waamee gaggeesse, pirezidaantii biyyatti ture malee, gonkumaa isa miti. Kan biraa yaa hafuutii, ofiifuu irratti waan hirmaate natti hin fakkaatu. Akka aadaa fi safuu Oromoo ani dhaalee ittin guddadhetti namni guddaa ta’e tokko, keessumattuu namni gadaa of harkaa qabu, hin sobu. Hin soba jechuudhaafu nan qaana’e. Sababnisaas, ani ilma safuu fi duudhaa Oromoo dhaalee guddatedha.

Egaa kaa dubbiin akka H/Maariyaam jedhu sanaa miti. Waanti inni jedhe arrabsoo dha. Hojii isaanii kan dursu yeroo mara arrabsoo fi maqaa namatti baasudha. Fayyisaan dandeetti akkanaa hin qabu miseensota ABOtu akka inni mormii agarsiisu godhe jedhee ture. Duraan dursee nabeekaa dandeetti koo? Akkamiin namadaalee laata?
Kan biroo, anaan miseensota ABO miti akkan sagalee uummata koo dhageessisu kan nataasise. Eenyummaa kooti. dhiittaa mirga namummaa biyyaa sana keessa jiruuti. akka fakkeenyatti hiriyaa koo Kabbadaa Fayyisaa hidhamee ji’a osoo hin guutiin gaafa guyyaa Fulbaana 3/2016 rukutamee,hidhamtoota biraa waliin mana hidhaa keessatti ibiddaan gubataniiru. Kan hafan immoo dararaa mootummaan Itoophiyaa haala gaariin dhandhamachaa jiru.
Kana ABO miti kan dhaqee natti agarsiisee. Miidhaa ummata koo irra ga’u argaa dhaga’aan guddadhe. Anaanis na dhaqabe jira. Ani ABO hin deeggarus hin jibbus. Sababnisaa, ani nama siyaasaa miti, atileeti dha. Uummata koo nan jaalladha.

Yeroo kamiyyuu uummata kootif du’uuf qophiidha. Yeroo baay’ee hidhamtoota deddeebi’een gaafachaan ture, mana hidhaa qilinxoo fi mahaakkalaawwitti yoon seenu maqaa koo galmeessen seenee gaafachaan ture. Kanaaf maqaa koo achii argachuu dandeessu. Rakkina biyya sana keessa jiru sirrittin beeka jechuu kooti.
Dhugaadhaf yoo ta’e, gara biyya USA kan nafide uummata Oromoo fi firoottan Oromooti malee ABO miti. Maqaa ABO deegartan jedhuun namoota heddu hidhaa fi ajjeessa turaniiru. kana booda uummata Oromoo gowoomsun dhaabbateera. Ani intalashee (ashaangulliitii) miti riimootin hin socho’u akkasaa. Akka nama tokkootti ofan danda’a. Ofittan amana. Osoo amma dhugaa dhoksuuf fiigu dhugaa mul’isuuf fiigee, biyyattii keessatti dhiigni namaa akka galaana hin lola’u. Kanaafuu ani akka H/Maariyaam kan namni natti kenne hin dubbisu . Ani ergamtuu miti. Ergaa gaggeessuf oliif gadi kaadhee,hin beeku, gara fuula duraas hin kaadhu.
Fayyisaa Leellisaati.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago