Oduu Haaraya

IBSA EEJJANNOO ARIIFACHIISAA QEERROO OROMIYAA IRRAA KENNAME.

1, Ibsi Koomishiniin Poolisii Oromiyaa baase argineerra. Ibsichi Dhugaa Oromoo awwaaluuf Jawar Mohammed irratti kan xiyyeeffateedha, kanaaf Doorsisaa fi Aggaammii Jawar Mohammed irratti godhamu kamuu gadi baanee ni balaaleffanna.

2, Ilmaan Oromoo guyyuma guyyaan kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti hidhamaa, gidirfamaa (torture) godhamaa ajjeefamaa jiran gocha duguuggaa Sanyii (Genocide) ummata Oromoo irratti ajaja Abiyyiin Humna Agaazii fi Humna addaa Poolisii Oromiyaatin raawwachaa jirtu gadi baanee Sagalee keenya dhageesisuun ni mormina.

3, Jawar Mohammed tuquun Ethiopia keessatti guyyaa qiyaamaa ofiratti labsuu akka tahe warri Bilxiginnaa cimsanii hubachuu qabu.

4, Maatii Sabboontoota fi Sabboontoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti Kaadiree Bilxiginnaatu Humna Agaazii fayyadamuun Tarkaanfii suukanneessaa irratti fudhataa jira waan taheef gocha kana hatattamaan hin dhaaban taanaqn Qeerroon Oromiyaa Maatii Kaadiroota Bilxiginnaa Naannoo keenyatti argamu irratti Tarkaanfii fudhachuuf qophii ta’uu keenya isiin hubachiisuu barbaanna.

5, Fincilli xumura gabrummaa (Warraaqsi Galaana ummataa) guutuu Oromiyaatti keessatti Cimee akka itti fufu murteessinee jirra.

6, Abiy Ahmed Aangoo hatattamaan gadi dhiisuu qaba, Ethiopia eenyummaa oromoo hin feene wajjiin jiraachuun nu gaheera.

7, Bilxiginnaan yoo nuti Callifne akkuma amala ishee Jawar Mohammed Ragaa sobaa qopheeffattee hidhuu fi doorsisuuf deemti waan taheef qeerroon oromoo tokkummaan dura dhaabbannee hooggansa keenya ni tikfanna.

8, Sirna Nafxanyaa (Bilxiginnaa) ofirraa buqqaasuuf Ummaanni Oromoo, Qeerroo fi qarreen Oromiyaa Tokkummaan akka falmannu murteesineerra

9, Nuti Qeerroon Oromiyaa Jawar Mohammed wajjiin jirra, jawaar dura duunee banna malee abadan Jawar hin tuqamu!Kana Diinnis firris akka beekuu barbaanna!! Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa hanga Bilisummaa Oromoof Walabummaa Oromiyaatti itti fufa!!!Haqa!Qabna!Tarsiimoon masakamna!IN Injifanna!WALIIF DABARSAA!!June 9/ 2020.Ibsa eejjannoo Qeerroo Oromiyaa irraa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …