Oduu Haaraya

IBSa Ejjannoo

============
Labsiin Fulbaana 21/2008 caffeen Oromiyaa raggaasise heera sirna federalummaan buluuf ba’e kan diiguu waan ta’eef jabeessinee balaaleffachaa akka haqamu gaafanna
============================================

Mootummoonni habashaa waggoota dhibbaan dura humna qawween deeggaramanii lafa Oromoo fi ummata kibbaa weeraranii qabachuun Qe’ee fi lafa isaarraa buqqisanii aangoo isaaniitti dhimma ba’uudhaan dinagdee saba humnaan bitan laaffisuuf sadarkaa adda addaatti aangoo siyaasa murteessaa ta’e namoota isaanii muuddatanii magaalota waraanni isaanii keessa qubatu hundeeffachuun jiraattoota naannoo balleessuun aangoo siyaas-dinagdee isaanii cimsatanii aadaaf afaan jiraattoota naannoo keessumaa kan Oromoo balleessuun aadaa, afaanii fi amantii isaanii hundeessanii cimsachaa akka turan ni beekkama.Haaluma kanaan mootonni isaanii jijjiiramanus tooftaa ittiin ummata Oromoo dadhabsiisaanii qe’ee fi lafa isaarraa buqqisan baafachuun samichi lafa isaan gaggeessan itti fufeeti argama.

Seeronni isaaan baafatan hundi sirna saamichaa fi garboofannaa isaanii qofa kan jabeessu ture. Har’as waggoota dhibba tokkoo booda mootummaan ADWUI wayyaaneen hoogganamu karoora ummata Oromoo gabroomsuu, qe’ee isaarraa buqqisuun saamicha lafaa karoorfamee cimsee itti fufuudhaaf akka isaatti tolutti maqaa misoomaa magaalaa fi investimentiitiin Finfinneerraa ka’ee kallattii arfaniinuu hanga kilo-metira dhibba tokkoof shantamaatti jiru hunda qonnaan bultoota Oromoo hedduu buqqisuun aangoo murteessaaa fi mirga ofiin-of-bulchuu naannolee heera mootummaan tumame cabsuun mirga ofiin of bulchuu ummata Oromoo sarbuun weerara Miinilikii as yeroo lammaffaaf jibbaaf gara jabeenyaan ummata Oromoo qe’eesaarraa buqqisuuf karaa bakka buutoota DHDUO/OPDO saba Oromoo irraatti labsii baasee jira. Labsiin Caffeen Oromiyaa ajajamee Oromoo hedduu qe’eef lafa isaarraa buqqisuuf baase kun seera ofiin of bulchuu heeraan tumame sabni Oromoo qabu kan irraa mulquu fi qonnaan bultoota Oromoo daran buqqisuuf kan karoorfame waan ta’eef hatattamaan akka haqamee bulchiinsi magaalota Oromiyaa handhura Oromiyaa finfinnee dabalatee aangoo siyaasaa murteessaa ta’ee Oromoon akka argatu qabsoo karaa nagaatiin aarsaa gafatamu hunda baasuuf qophoofnee jirra.

Yeroo ammaa kana itti yaadamee maqaa misooma magaalaa fi investimeentiitiin qonnaan bultoota Oromoo naannoo magaalaa jiran dachee isaaniirraaa buqqisuuf Maaster pilaanii Finfinnee fi magaalota godina addaa naannawaa finfinnee walitti hiina jechuun Minilikiitti aanee waggoottan dhibbaa booda yeroo lammaaffaaf Oromoo lafa isaarra buqqisuuf dabni Ummata keenyarratti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu Cimsinee ni balaaleffanna akkanni dhaabbatus ni gaafanna! Kanarraatti hundaa’uudhaan ibsa ejjaannoo qabxii sagal qabu kana baafnee jirra.

1. Qonnaan bulaan Oromoo lafa isaa irratti of ijaaree iddoo jirutti abbaa qabeenyaa akka ta’u gaafanna. Lafti isaa misoomaaf yo barbaadame Yeroo ammaa kana itti yaadamee maqaa misooma magaalaa fi investimeentiitiin qonnaan bultoota Oromoo naannoo magaalaa qubatan dachee isaaniirraaa buqqisuuf Maaster pilaanii Finfinnee fi magaalota godina addaa naannawaa finfinnee walitti hiina jechuun dabna Ummata keenyarratti raawwatamaa jiru Cimsinee ni balaaleffanna akkanni dhaabbatus ni gaafanna!
2. Labsiin magaalota Oromiyaa hundeessu jedhuun caffeen Oromiyaa gafa Fulbaana 21/2008 raggaasise;
a. Aangoo Oromoo Naannoo isaa bulchuuf heera Motummaatiin kennameef mulquun jiraattoota magaalaatii kan kennu waan ta’eef
b. Maqaa misoomaatiin Qonnaan bultoota Oromoo hedduu lafa isaarraa buqqisuuf kan karoorfamee waan ta’eef
c. Jiraattoota Oromoo Naannawaa Finfinnee buqqisuun Aadaa, Afaan, Seenaa fi Eenyummaa Saba Oromoo dhabamsiisuuf waan ta’eef
Seera sirna fideraalummaa diiguu fi faallaa heera mootummaa waan ta’eef akka haqamu jabeessinee gafanna. Hanga haqamee mirgii hiree murteeffaannaa Oromoo mirkanaa’utti Oromoo hundi cichee akka falmatu waamicha dhiyeessina.
3. Dacheen Oromoo yeroo saamamuu fi fudhatamu Ummanni Oromoo callisee laalee hin beeku. Mirga isaatiif gara kuteenyaan falmaa akka ture seenaan raga ni ba’a. Har’as taanaan saamicha lafa Oromoo mormuun karaa nagaa osoo qabsaa’anii kan kufan maraa ni yaadanna. Keessumaa barattoota Oromoo karoora master pilaanii magaalaa Finfinnee fi godina addaa naannawaa Finfinnee walitti hidhuu fi saba Oromoo lafasaarraa buqqisu mormuun Eebla 22/2006 fi karaa nagaa osoo falmanii gootummaadhaan lubbuu kaffalan guyyaa isaan itti wareegaman yaadachuun qabsoo mirgaaf abbaa biyyummaa ummanni Oromoo godhu keessatti iddoo seenaa guddaa qabatee jiru ta’uu amannee guyyaan kun seenaa qabsoo Oromoo keessatti weerara isa lammaffaa dura dhaabbachuun guyyaa itti du’an waan ta’eef Oromoon Eebla-22 hanga qabsoon Oromoo galma ga’ee mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomutti guyyaa gaddaa guddaa ta’ee waggaa waggaan akka yaadatamee kabajamu jennee labsineerra. Ummanni keenyaas kanuma hubatee akka hojiirra oolchu waamicha dabarsina.
4. Qabsoon ummanni Oromoo mirgaa fi abbaa biyyummaa isaatii karaa nagaatiin godhu daran akka cimee galma isaa ga’uuf Oromoon hundi ilaalcha: naannummaa, siyaasaa fi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee ijaarsa tooftaa qabsoof barbaachisuun hundeeffatee ciminaan akka itti fufu waamicha dhiyeessina!
5. Bakka Oromoon jiru hundatti mormii fi diddaan karaa nagaa cimuun qabsoon itti fufinsa qabu akka qindaa’uuf soda tokko malee Oromoo hundi aarsaa bilisummaaf kanfalee akka waliif birmatu ta’ee Sagantaan hiriira nagaa Oromiyaa iddoo hundatti kan qophaa’u ta’uu ibsina. Qabsaa’oonni Oromoo hundi qabsoo saba isaanii waliin tokko ta’anii akka dhaabbatan waamicha seenaa dabarsina.
6. Mirgi sabummaa fi dimokiraasummaa ummata Oromoo kabajamee hireen murteeffaannaa hanga dhugoomutti arsaa qabsoon karaa nagaa gaafatu hunda cichaan Oromoon marti biyya keessaas ta’ee biyya ambaa jiran walta’uudhaan milkaa’ina qabsoo saba Oromoof qooda keessan akka gumaachitan waamicha isiniif goona!
7. Sabaa fi sablammoonni biyya keenyaa deeggartoonnii fi falmitoonni mirga namoomaa yeroo rakkoo eenyummaan Oromoo sarbamee lafarraa buqqifamuuf qophiin godhamaa jiru kanatti waliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu gochuudhaan sirna gabroofataa kana dhaabamsiisuun jaalalaaf kabajaan wal qixxummaan akka waliin jiraannu ga’ee keessan akka gumaachitan waamicha seenaa isiniif goona.
8. Oromoon Hojjattoota mootummaa, raayyaa ittisa biyyaa ,poolisii humni tikaa fi abbootii amantaa taatan hundi seerri yeroo amma Oromoo Miliyoonotaan dachee isaarraa buqqisuun dhabamsiif weerara lafaa fi fixinsa sanyii yeroo lammaffaa Oromoo irratti aggaamamaa jiru ta’uu hubattanii qabsoo seena qabeessa Oromoon mirga isaatii gochaa jiru bira akka daabattan waamicha isinii goona
9.Seer a faallaa heera mootummaa ta’ee fi sirna federaalizimii diigu baasuudhaan Ummata keenya dachee isaarra dhamsiisuuf godhaamaa jiru mormuuf qabsoo karaa nagaa ummaanni keenya gochaa jiru gufachisuuf tarkaanfii fudhatamaa tureefi fudhatamuuf jiru motummaan biyya bulchaa jiru itti gaafatamaa fudhachuu kan qabu ta’uusaa addunyaan akka nuuf hubatu gaafanna

Injifannoo Ummata Oromootiif
Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Onkololeessa 18/2015
Finfinnee

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …