Categories: Oduu Oromiyaa

Ibsa Gurmuu Qabsaawota fi Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO) …

 

Ibsa GQM–ABO irraa dhimma “Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO” Caamsaa 27, 2015 irratti labsa bahee ilaalchiisee

Akkuma beekamuu fi hubatamuuti GQM-ABO yeroo “ABOn Jijjiiramaa” sagantaa siyaasaa ABO tarttiibaa ala jijjiiruun enyumaa Ioophiyumaa fudhatee, caasaa jaarmayichaa gara isaaniif toleetti jijjiiruuf yaalaa turameetti hoggannootaa fi miseensoota haalla sana dura dhaabachuun dhawwaataan irraa hafaniin utubame. Galiin GQM-ABO guddaa fi ol aanaan himbaabsii tokko malee gareeleen maqaa ABO qaban kan kaayyoo dhaabbichi irratti ijaarame kanneen hin faalleesiin akka tokkomanii fi dhaabbichiis humnoomu irratti hojjachuun mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsuu fi qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa hunda tasgabeesuuf gahee fi dandeetti ofii bahuu dha ture. Ammas akkasuma.

Haala kanarraa ka’uun gareelee dhaabbii siyaasaa ifaa fi qulqullumina sagantaa siyaasaa ABOn irratti utubame qaban waliini fi ULFO waliinis jila ramaduun mariin bara lama ol adeema osoo jiru, as kaluu kana garee “ABO jijjiiramaa” Kan General Kamal Gelchuun hoggannamu irraa sababaa adeemsaa irraa murna gargar bahee waliin mariin akka jalqabamu qaama hoggansa waloo keessa jili itti ramadame mariin hanga tokko deemee ilaalcha kana dura irratti gargar nuu baase irratti garaagarumaan GQM-ABO keessatti mul’ate. Haala kana irratti qaamni hoggansa waloo fi miseensootni GQM-ABO osoo akkaataa garaagarumaa kan hikuuf marii adda addaa gaggeessa jirruu qaama hoggansa waloo GQM-ABO keessaa jaallan rakkoo kanaaf mari’atanii furmaata akka hoggannootaa fi miseensootaaf akeekan dirqamni itti kenname hoggoon tokko labsa waliitti makamuu fi hoggnna tokko qaamoota maqaaleen isaanii labsa kana irratti dhawwame waliin baasan. Haalli kun tarttiiba sirna waliitti makamu ykn tokkoomu waan hin hordofinii fi qaamni hoggansa waloo GQM-ABO fi miseensootni biyyaa fi ollaa biyyaa jiraniis waan hin dhugoomsiinii fi wal hubannoon irra hin gahamin jecha, walii galteen labsame kun waan miseensoota qaama hoggansa waloo keessaa haggoo ilaalu malee GQM-ABO guutuu akka hin laale /taane/ ibsina.

GQM-ABO marii kana dura ABO fi ULFO waliin kaayyoo qulqulluu fi ifaa ta’ee fi bakka wal hubannooni irra gahee, 1. Kaayyoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa, heeraa fi seera dhaabichaa, akkasumas qabeenyaa fi dandeetti keenya walitti dachaasu irratti waliif gallee sadarkaa xumuraa irra geenye ture irraa kaasne jila haaraya ramaduun gahee keenya kan ABO tokkoomsuu fi humnoomsu irratti ni hojjanna. Haalli amma ta’ee kuni ammo kan haala kana gufachiisuuf shira xaxame kan nutt fakkaatuuf, nutti GQM-ABO Adda Bilisummaa Oromoo tokkummatti beekna. Kanaafuu GQM-ABO ofiin jenne. Tokkummaa dhaabichaa fiduuf hookora hin barbaachisne umuun akka hin taanes waan hubanuufi. Gama keenyaan yeroo hunda, nam –tokkees ta’ee murnii kamuu yeroo isa feesisee fi bakka isa feesiiseetti ejjanno mataa isaa fudhachuuf mirga hin goomne akka qabu ni hubanna. Waan hubatamu qabu garuu, yeroo jaarmaya tokko heeraa fi seeraan diigan ykn jaarmaya biro waliin waliitti galan tartiiba wal hubannootaa hoggannaa fi wal hubannoota miseensootaatin yoo xumuurame irra tasagabaawaa fi fudhatama qabaata jenna. Ibsa kana kan baasuu dirqamneef sirnii fi tarttiibni, akkasumatilee qabxiin ejjannoo siyaasaa kan kana dura gargar nu faccaasee kan tumsa G-7 waliin waliitti hidhata qabaachaa turan sirnaan waan hin xumuuraminiif akka ta’ee akka beekamu barbaadna. Gama keenyaan dogggoora jaarmayni ykn gareen tokko tarsimoo irratti godhe osoo jaarmayichi ummata dogoggoorse fuulduratti hin sireeffatin tokkummaan umamamu waaraa akka hin taane muuxannoo bara 2009 irraa waan barane qabna. Kanaaf, walitti makamuun amma ta’ee jedhamu kun GQM-ABO hin laalu jenna.

ABO akeeka irratti waliif galee kaayyoo ifaa irratti akka tokkumuu fi humnoomu gochuuf gahee keenya ni baana jenneetti amana. Haalli qabatamaan lafa irra jiruus haala kana yeroo gababaa keessatti akka xumuuramu kan nu dirqu waan ta’eef shaffiisaan irratti hojjachuun dirqama GQM-ABOti. Kannumatti dabalees, garaagarumaa ilaalcha xixinnoo irra tarsimoo ifaa ta’ee irratti gareeleen hundi osoo uummata Oromoo fuulduratti of qulqulleessanii badii kana dura godhaniifis sababaa wajjiin ibsachuun shakkii irraa of baasanii tokkummaan hawwatamu kun yeroo gabaaba keessatti milkaahuu danda’a jenneetti amana.

Tokkummaan Qulqullimina irratti dhugoomu waaraada!

Oromiyaan ni bilisoomti!

Injifanno ummata Oromoof!

Ibsaa Nagawoo

Miseensa qaama hoggansa waloo fi barressaa GQM-ABO

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago