Categories: Oduu Oromiyaa

Ibsa Ijjannoo Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala Baha Eeeshiyaa

 

Nuti Miseensonni Giddu Gala Baha Eeshiyaa Ayyaana Amajjii 1 , bara 2015 Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo WBO dhaa Sababeeffachuudhaan Walitti DHufnee Haala Gaariidhaa fi Miidhagaan kabajachaa oollee .

Akkuma Beekkamu Ayyaanicha Keenya Eebba Manguddootaatiin Bananne . Kanatti Aansuun Faaruu Alaabaa Faarfachuudhaan , Sababa Guyyaan kun kabajamuu fi bara inni kabajamuu eegalame irratti Ibsa bal’aan Miseensota , Qodaalota , Ummata oromoo bal’aa fi Keessumoota ykn Firoottan Qabsoo Godhuu Wajjiin Haala Oowwaadhaa fi Miidhagaan Kabajannee jirra .

* Haala Guyyaa Ayyaana WBO kana sababeefachuudhaan Gamaaggama Qaxxaamura Qabsoon Bilisummaa Oromoo Kessa dabartee erga goonee booda Mudaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa ture tokko — lama ( 1 — 2 ) jennee barruudhaan lafa kaahuun hin danda’amu .

Sababaan Isaas

A ) Hooggana Warraaqaa DHabuu
B ) Hooggana Tarsiimoo Baraa Wajjiin Deemu dhabuu
C ) Hooggana Waloo fi Gamtaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo gara Galii Barbaadamu geessu dhabuu
D ) Daddaqamiinsi Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti uumamaa turee
E ) Hooggana Ufitti Amanuu fi Qabsoo Bilisummaa Oromootitti amanu dhaburraa rakkoon kun hundi maddaa turee fi kkf kaasuun ni dandahama . Kun Eenyuufuu ifaadha .

** Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kana hooggana warraaqaa fi tarsiimoo baraa wajjiin deemu waan argattee jirtuuf haala kanatti gargaaramuun Ummata Oromoof barbaachisaa jennee itti amanna . kanaaf Ummanni Oromoo Bal’aan Waandii Warraaqsaa isa dhugaa fi ifaadhaa kanatti dhimma akka bahu ibsina .

Ayyaanni Guyyaa WBO Kana Milkii hamilchiiftuun xumurachuu dhaan ibsa ijjaannoo qabxiilee armaan gadii of keessaa qabu Miseensonni Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala baha Eeshiyaa baafannee jirra .

1 / Nuti DHaloonni Haarowni Gaafatama Qabsoon Bilisummaa Oromoo qabdu hunda dachaan fudhannee galmaan ni geenya .

2 / Murna Bicuu Abbaa Irree TPLF / Wayyaaneen Durfamu kan ummata Oromoo , akkasuma sabaa fi sablammoota biyattii hunda shororkeessee mirga lamummaa fi namummaa dhoorgatee biyyaraa ari’atuun akkasuma mana hidhaatti guuraa jiru kana Roga hundaan Qabsoo itti goona .

3 / Murni Bicuu Wayyaanee Adda Durummaan maqaa invastimantii fi kijiba Tiraanformeshiinii jedhuun sababeeffatee gochaa suukannessaa fi Jumlaan Ummata Oromoo lafa isaa irraa Buqqisee Baqattummaaf saaxile kana dura dhaabbannas Qabsoo Itti goona .
4 / Gaafii Mirgaa Abbaa Biyyummaa Barattoonni Oromoo karaa nagaatiin gaafataniif Murni Bicuu Wayyaanee Deebii isaanii Rasaasaa fi Afaan Qawween Wareegaman Gaddaan Yaadanna . kanaaf Wareegama Qaalii Lubbuu Jijjiirama hinqabne baratoonni keenya Aarsaa kafalan kana nutis galmaan gahuuf ni Qabsoofna .

5 / Murni Bicuun Wayyaanee Erga Kooraa Aangoo Biyyattii qabatee hanga ammaatti fedhiidhaa fi karaa nagaatiin ummatoota biyyattii waliin hin jiraanne , jiraachuuf hin deemus . Kanaaf Murni Bicuun kun aangorra turuu kan danda’eef ummattoota biyyattii hunda Gosaan , Amantiin Daangaa lafaa / Naannoon walitti buusuun aangorra turuu danda’e . Murna kana Buqqisuun karaa waloon irratti qabsaa’uun yeroon isaa amma jenna .

6 / Akeeka kayyoo dhaaba keenya hooggana warraqaan durfamu qaama qalbiin hojjannee dirqama qabsoon qabdu rawwannee gamtaan fuula duratti tarkaan fachiisun mul’ata hegeeree saba keenyaa bakkan gayuuf Ni hojjanna.

7 / Dhaamsa jaallaan keenya qaanqee bilisummaa qabsisaanii luubbuu isaanii qaali ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuf Arsaa kafalaan imammata jaallaan keenya galmman gayuudhaaf tokkumman Nihojjanna.

8 / Nuti miseensonni Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala Baha Eeeshiyaa Imaanaa jaallawwa keenya irratti kufan galmaan ga’uuf waadaa keenya bifa haara’aan haaromfannee jirra.

Walumaa Galatti ummanni Oromoo bakka jiruun sirna abaaramaa kana lafaa fi qabeenya isaa kana falmatuudhaan mirgaa Isaa , bilisummaa fi Dimokraasii haqaa biyya isaa irratti Gonfachuuf Qabsoo bilisummaa Wareegama barbaachisu Kamuu kafaluun Dirqama keenya cufaati .

Injifannoon Ummata Oromoof !!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago