Oduu Haaraya

IBSA IJJANNOO KOREE DAMDAMACHIIFTUU ABO JIJJIIRAM AFRIKAA KIBBAA‏

 

IBSA IJJANNOO KOREE DANDAMACHIIFTUU DHAABA ABO JIJJIIRAMAA AFRIKAA KIBBAA                                                                                                                                                ABOn jijjiiramaa B/G/Kamaal Galchuutiin hogganamu Augest/Hagayya 2/2015 ibsa ijjannoo baasee jira.Ibsi ijjannoo kunis kaayyoo kaleessa akaakayyootaa fi abbootii teenya irraa dhaaluudhaan jaallan qaqqaaliin irratti wareegaman,barattoonni qaroo ijaa  saba Oromoo ta’an,dhiiraa fi dubartiin Oromoo akkasumas qaamni hawaasa Saba kanaa woliigalatti lubbuu jijjiirraa hin qabne aarsaa itti kafalan,itti hidhaman,qabeenya isaanii itti saamaman,biyyaa itti ari’aman fi Ilmaan Oromoo hayyuu fi gootowwan kumaatamaan lakkaayaman mana hidhaa waayyaannee adda addaa keessatti gidiraa biyya lafaa argaa jiran,gochi bineensummaa irratti raawwatamaa jiran,torture itti ta’aa jiran maqaa Dhaabaa fi Alaabaa teenyaa ta’uu ilmi Oromoo dhiiraa fi dubartiin xiqqaa fi guddaan waan beekudha.

 

Haa ta’uu malee Dhaabni kuni saalfii tokkoon maleetti jijjiirraa hundee taasifna maqaa jedhuun sagantaa siyaasaa,maqaa dhaabaa alaabaa dhaabaa,asxaa dhaabaa,maqaa waraanaa, irbuu miseensotaa,ni jijjiirra jedhee dhuma irratti dhimmoota ciccimoo irratti murtiin maayii ykn dhumaa kan Hayyu Dureeti jedhanii yaaduun hedduu nu raajee jira.Haa ta’uu malee nuti hogganootaa fi qondaalotiin akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa yeroo maqaa,alaabaa fi asxaa dhaabaa kaleessa jaallan qaqqaaliin lubbuu jijjiirraa hin qabne itti kitiman,barattoonni kumootaan lakkaayaman itti wareegaman fi woliigalatti murni qaamoolee hawaasa Oromoo hundi jumlaadhaan ajjeefamanii,qabeenyaa saamamanii,biyyaa ari’amanii isaan kana jalaa hafan baqatanii biyya abbaa isaanii dhiisanii miliyoonni hedduu jireenya baqattummaa geegessaa kan jiran maqaa fi alaabaa ABOf jecha ta’uun odoo beekkamu Oromoo adha siyaasaa tokko jennee jalqaba irraa barsiifna jechuun, lubbuu hanga har’aa kaayyoo qaalii kanaaf wareegamee fi miidhaa maqaa kanaan ilmaan saba Oromoo irra gayee fi gayaa jiru gatii dhabsiisuu qofa osoo hin ta’in tarkaarfii kana duubaan harki diinaa ykn gita bittuu waayyaannee jiraachuu hubanna.

Waan kana ta’eef nuti Hogganootni,qondaalotni akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa Afrikaa kibbaa adda durummaan gocha kana kan balaaleffanu yoo ta’u gonkumaa ibsi ijjannoo Hagayya 2/2015 baye kun nu hin ilaallatu.                                                                                                                                                                                                                                                                      Dhuma irratti gocha ibsa ijjannaa maqaa dhaaba kanaatiin labsame kana akka balaaleffattanii fi dura dhaabbattan akkasumas tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoof irratti ciminaan hojjannee salphina akkanaa keessaa akka baanu waamicha Oromummaa fi Jaallummaa kan isiniif dhiyeessinu;Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hunda,beektotaa fi hayyoota Oromoo,qabsaawota maqaa dhaaba kanaatiin miidhaan isin irra gaye hundi,kanneen mana hidhaa waayyaanneetti gidirfamaa jirtan hundi,barattoota Oromoo bilbisummaa saba kanaaf qabsoo hadhaayaa godhaa jirtan,akaasumas dhiiraa fi dubartoonni Oromoo gabrummaa keessa jiraachuun saba kanaa isin quuqu hundaaf waamicha isiniif dhiyeessinee jirra.

 

Maqaa Koree Damdamachiiftuu ABO Jijjiiramaa Afrikaa Kibbaa:

1-   Yaaddessaa Diinaa  MGS fi Dura taa’aa Koree Seeraa fi Tooyannoo

2-  J/AbdulRahmaan Huseen (WBO)   Itti gaafatamaa Siyaasaa Godina Af/Kibbaa

3-  J/Sh/Mahammad Baddaa———Jaarsa/Think Thank Dhaabaa

4-  J/Abdii Kaawoo——————–Tooyataa Dhaabaa Godina Af/Kibbaa

5- J/Kamaal Aloo———————Dabballee Dhaabaa

6- Abdussamad Kadiir————–Miseensa Dhaabaa

7- Fessel AbdulQaadir————- Itti Gaafatamaa Dargaggootaa

8- Suleyman Huseen—————-Miseensa Dhaabaa

9- Turaa Bashiir———————Miseensa Dhaabaa

10-  Hhseen Amaan—————-Itti Gaafatamaa Hawwisoo; yoo taanu bakka bu’ummaa miseensota keennaa qabaachuu kabajaadhaan  Jaallanii fi Ummata Oromoof mirkaneessina.

Yoomiyyuu ADDI BILISUMMAA OROMOO /ABOn kallacha qabsoo ummata Oromooti!
Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti!
Koree dandamachiiftuu ABO Jijjiiramaa Afrikaa Kibbaa.

 

August/Hagayya 3/2015

 

I U Of!!!

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. yaa Oromoo Jarattiin hidha heysaa mataan gara galee. wanuma isayyaas ja’a jette jedha jiruu waan guddaa itti walin dhibinaa. mee sheekoo tokko isinii himaa: ” gaaf tokko Jeedalloon mooraa namaa seentee ishii re’ee fi lukku qurxutti jirtu, abbaan qabeenyaa irratti dhaqabee dubaan balbala/hulaa itti cufee. duuba baayyee dallanee, arra guyyaa sif dhumaati, jedhee qabee mukatti hidhee, miya ittiin cicciru fidachuun bira kutee. haganuma jidduu jerjeraan Warabeysaa innilleen wahuma barbaada figaa maan dhufin. yero dhufu jedalloo hidhaa argee, isiinis isa arginaan akka waan gammachu qabdu itti if fakkeesitee. Warabesi gamaa gamana ija hirhiraa, yaa tan rabbi maaltu si argattee? je’e gaafatee, warra kanaatu arra wadaaja guddaa qabnaa raqa sif finna j;anii as ka’anii. jetteen. akkana taatu anilleen nabaladhu je’ee kadhatee, hayyee sur godheetiin sitti hidhaa sur godhii narraa hiikii jetteen. akkasitti oso itti hin yaadin gowwaa kiyya sur godhee irraa hiikee, sur gotee itti hiitee biraa tartee. Guyyaa sanirraa jalqabee Warabeysi hidhuma kheysa marrachaa jira dilii namni biraa hojjateef. galatoomaa

  2. Yaadesaa Diinaa yoo K.W.O Anggoo sirraa jijjiree namoota itti aananitti kennee ati maaltu sidhibee akkanati rakkataa shanee mataa dhagaa adabdhuu ufirraa taa’ii oliif gadi hin kaatinii!!!