Oduu Haaraya

IBSA WAAJJIRA HAYYU DUREE ABO SHANEE IRRAA KENNAME ILALCHIISE XINXAALA OBBO BORUU BARRAAQAATTIN DHIHAATE .

Baatii lamaan tokko dura dubbii basaasutummaa Girmaa Xurunaatiin irratti odeessa deemaa ture namuu ni yaadata. Warri ABO Shanee wayta sanatti dhimma nama kanaa irratti maa ibsa kennuu didan jedhamanii yeroo gaafataman ‘Girmaa Xurunaa nama jedhamu hin beeynu’ jechuu turani. Har’a garuu bakka riphanii turanii dammaqanii ibsa ‘miseensota qofaaf’ jedhame, garuu kan duruu dirree guutee aduu qaqqaamate baasanii jiru. Ibsa Waajjira Hayyu Duree irraa kenname kana anis akkuma nama tokkoo internet irraa argadhee dubbiseen jira. Dubbisee garuu callisee bira dabruu hin dandeenye. Kijibaa fi afanfaajjii hedduutu keessa jira. Kanas akka armaan gadiitti tuttuquun yaala.

1) Ibsa kana keessatti keeyyatni xiyyeeffannoo koo harkise kan duraa akkas jedha. “Tokkummaa qabsaawotaa fi ummata keenyaa laaffisuuf, wal shakkisiisuu fi wal afaan deebisuuf diinni tooftaalee gara garaatti dhimma baha. Waan hin jirre uumee olola farra ABO fi farra QBO bittinneessa. Olola diinaa kan akkasiif gurra ergisuun ittiin afanfaajja’uu fi goolamuun fedhii diinaa guutuu dha. Haala kana fakkaatuun uumamee ololli gidduu dabre kana qalbii ummataa fi miseensota keenyaas hawataa ture irratti gara Dhaabaatiin waan miseensotni beekuu qaban beeksisuun barbaachiseera. Kunis waa’ee Girmaa Xurunaa (GX) ti.” Hubadhaa! Waa’ee basaastummaa Girmaa Xurunaa kan irraa laalatee dubbataa ture joollee Oromoo inni hiisise, reebisee fi ukkaamsise, akkasumas aktiivistoota Oromoo qabsoo keenyaaf qooda olaanaa gumaachuun ummata biratti beekamanii dha. Dhimmi namicha kanaa Oromoo boquu cabsee Habashoota gammachiise. Kanaafuu dhimma kana irratti kulkulfatee kan dubbataa ture numa qabsaayotaa fi deeggartoota qabsichaa ti malee diina miti. Dhugaan jiru kana tahee osoo jiruu, ABOn Shaneen duula ilmaan Oromoo mooraan qabsoo keenyaa xaliilawuu qaba jechuun duulan walitti qabee ‘OLOLA DIINAA’ ittiin jedhe. Sanuu sabboontotaa Oromoo karaa danda’an hundaan qabsoo kana keessatti qooda cululuqaa gumaachanii addunyaa ajaa’ibsiisaa jiraniif tuffii qabaachuu irraa ‘ibsa’ isaanii miseensota isaanii lakkoofsa qubaa qofaaf godhan.

2) Keeyyanni biraa tokko immoo akkas jedha. “GX miseensa jaarmayaa dargaggoota Oromoo biyya keessaa akka ture, deemsa keessa warra waliin hojjetan wajjin wal dhabuu, warri wal dhaban kanneen gara lachuutuu harka diinaa bu’uu fi hiraarfamanii gadi lakkifamuu, tokko kaan saaxilee akka hiisisetti wal shakkuu fi adda fagaataa deemuu fi wal injifachuuf olola wal irratti oofuun akka ture Dhaabni quba qaba.” Ajaa’iba! ABO Shaneen dhimma kanarratti nama Girmaa Xurunaa jedhamu hin beeknu, hariiroo hojii tokkos waliin hin qabnu jechaa hin turree? Fakkeenyaaf miseensa Gumii Sabaa dhaabichaa kan tahe Odaa Xasee irra deddeebi’ee akkasitti ibsaa turuu ni yaadanna. Of gowwoomsu moo Oromoo gowwoomsu? Nama kaleessa miseensummaa isaa waakkatan har’a ibsa irratti kennuun maalf barbaachise?

3) Bakka bu’oota Qeerroo warri jedhaman gara miidiyaa Shaneetin Girmaan Qeerroo waliin hariiroo homaatuu hin qabu hin jennee? Namni maqaan hin dhahamin kan wayta sanatti Qeerroon bakka bu’a ofiin jedhu tokko paltalk irratti dhihaatee kana hin dubbannee? Yoo miseensota isaaniif kabajaa qabaataniif, yeroo sanitti wayta miseensonni isaanii fi ummanni Oromoo as bahaa dhimma kana irratti ibsa nuu kennaa jedhee gaafatu maaliif gaaffii ummataa tuffatanii har’a waan gaafas joollee gowwoomsanii dubbachiisaa bahan haalan? Namni kaleessa ‘hogganni qeerroo’ hin beeku jedhe har’a akkamiin ‘daraggoota wajjiin hojjataa ture’ jedhama?

4) Ibsi amma miseensotaaf ergame kun ” Battaluma wal-dhabbichi dhalatee fi wal himatuun jalqabametti furuuf qaamni suduudaan hojichi ilaalu qorannoolee geggesse” jedha. Battalli kun yoomi? Girmaa Xurunaa basaasa ta’uun shakkamee waajjira Hayyu dureef kan gabaafame bara 2014 keessa ta’uu namuu beeka. Maarree qorannoon kun Waggaa lama fudhate jechuudhaa? Moo hanga gaafa VOAn saaxila baaseetti waajjirri hayyu duree hin beeku ture? Moo koreen qorannoo kun erguma VOAn gabaasee dhaabbate?

5) Ibsi kun ‘waldhibdee warra wajjiin hojjatan keessatti uumameen’ jedha. Bakka bu’oonni Qeerroo nama kana hin beeknu jechaa akkamiin isa waliin waldhibdee godhatu? Girmaan basaasa ta’uu warra waliin dalagu qofa osoo hin taane kanneen inni mana hidhaatti guursisetu ragaa baha. Namoota inni hiisise keessaa kan gonkumaa san dura isaan wal hin beekne, kan dhaabni biyya ollaatii bobbaasee isaan akka walqunnaman godhe hedduudha. Nama dura walhin beekneen Girmaan akkamiin waldhabuu danda’a?

6) Gabaasni koreen qorannoo “ragaan tokko faarsee kaan ammoo kan hammeessu of keessatti waan aammateef haala shakkii hin qabneen murtii dhumaa irra geessisuu hin dandeenye” jedha. Qorannoon kun Girmaa Xurunaa basaasa ta’uu kan alaan himaamaa ture keessaan akka mirkaneesse shakkin hin jiru. Hayyu Dureen garuu gabaasa koree qorannoo ofii dhaabes fudhtama dhabsiisee jira. Komii dargaggoota Girmaan hiisisee waggoota lamaa oliif gurra itti cufatee, iyya ummanni baatii lamaan dabre kana dhageessise tuffatee, amma ammoo bu’aa qorannoo koree miseensa Gumii Sabaatin hogganamteetuu fudhachuu dide. Kana jechuun ragaafi yaada nama hundaa didee kan Girmaa Xurunaa qofa fudhate jechuudha.

7) Murtiin hayyu dureen amma dabarse jedhu Girmaa Xurunaa hojiirra dhaabne kan jedhuudha. Mee tarkaanfii hayyudureen fudhate kana sirritti haa laallu. Gaafa waggaa lama dura Girmaan basaasa ta’uu itti gabaafamu, gabaasa saniin soba jedhee Girmaaf loogee badii isaa itti fufsiise. Gaafa dubbiin gara VOA ifa bahee Girmaan nama qabsiisuu ragaan namaa fi barreeffama mana murtii itti as bahu, Girmaan ABO fi Qeerroo waliin hariiroo tokkollee hin qabu jedhe. Amma gaafa koreen inni mataa isaatiin dhaabe waan ummanni Girmaa irratti dhiheesse mirkaneessu, gabaasa koree kanaatis fudhatama dhabsiise. Maarree jarana Hayyu duree malee namni hundi Girmaa Xurunaa basaasa ta’uu irratti waliif galee jira. Hayyu dureen maalif ejjannoo addaa fudhate?

Kan nama raaju, ABOn Shanee nama hoggansa isaanii irraa abdii muratee jaarmayaa Oromoo biraatti dabalamu yookiis dhunfaadhaan diina afoo dhaabbatee qabsoo Oromoof gumaachu ‘gantuu’ fi maarree maarree jechuun maqaa xureessa. Namni hoggansa isaanii jalaa bahe tokko odoma mooraa qabsoo keessatti qooda cululuqaa qabsichaaf gumaachaa jiruugantuu’ ittiin jedhu. Nama isaanirraa ganee Wayyaaneetti galee wajjin akkuma tokkotti waamu.

Fakkenyaaf ibsa walgahii qondaalota isaanii dhihoo kana bahe irratti saalfii tokko malee ana Boruu Barraaqaa nama mooraa qabsoo keessatti akkuma kaleessaatti har’as cichee hiriiree jiruu fi Lichoo Bukraa kan waraana Oromoo hidhannoo guutuu waliin hiriirsee diinatti gane akka tokkotti ‘gantuu ibsani. (https://bilisummaa.com/cuunfaa-walgahii-qondaaloota-kut…/) Kana gochuu isaaniitiin daranuu Oromoo ofitti kofalchiisan malee kabajaa ummanni naaf qabu gad xiqqeessuu hin dandeenye. Akka jaarmaya waraanaa kamittuu namni basaasummaan qabame adabbii cimaatu isa mudata. Jaarmayni kun namoota badii kanaa gadii dalagan jedhamniihuu adabbii dhumaa irratti fudhataa turuun ni beekama. Girmaa Xurunaa kan dachii samiin basaasa ilmaan Oromoo nyaatu ta’uu ragaa itti baate maalif irra dabrame?

Girmaa Xurunaa ilaalchisee ‘adabbiif jecha hojii irraa dhaabnee jirra’ jedhanii jiru. Odeessi qabatamaan amma Finfinnee irraa arganne kan agarsiisu garuu akka namichi hojii isaa itti fufee jiruufi studiyoo “Haawwisoo Qeerroo Bilisummaa” jedhee moggaase banatee hojjataa jira. Mee ilaalaa Namnii ji’a lama guutuuf maqaaf suuraan isaa miidiyaan faca’aa ture, kan amma ammoo ABOf dalagaa turuun hayyu dureen labsame, nagayaan Finfinnee keessatti Istuudiyoo banatee yoo jiraatu!
Maaltu deemaa jira jarana? Namni dhaaba goototnni meeqa itti wareegaman hogganuu basaastuu ilmaan Oromoo dhibbataman galaafate irraa maalif garaa kutatuu dide? Waatu jira

Obbo Boruu Barraaqaa

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

3 comments

  1. Boruu Barraaqaa, “beekte beekte jennaan jaartiin qeesi kitaaba miicce” jedhan. Kan nama gaddisiisuu ni guddatta seene akka waan dargaggeessi hogganummaa ABO dhaaf of qopheessaa jiruutti abdii dhaan harka siif dhahaa turu keenya dha. Akka ati akkas rakasha taate hanga ofi kee of saaxiltutti beekuu hin dandeenye turre. Bara Bayan, Hasan, Leencoo….hundi ba’an burra-karrayyuu yeroo jechaa turte akka ofii keemmo isaan faana dhahuuf deemtu hin beekne turte? Namni akka kee daaraa keessa fuudhame gubbaa sanitti fannifame silaas eessa beeku danda’a? “of hin beekneen raafu lagatti” jedhani. Sanyii keetuu qoratuun barbaachisaa ta’ee mullataa jira. Kulloon hundi Oromoo dha ofiin jette waa xibaaruun ummata keenya mudataa jira natti fakkaata, malee eessaa namni Jaarmiyaa keessa ture tokko doggori uumamelle jaarmiya sanaaf kabajaa ni qabaata. Akka dhageenyyutti enyummaan kee fi guddinni kee kabajaa waliin waan wal hin beekneef sirra kabajaa eeguun tisisa irra damma eeguu waliin wal-qixa. Mee dibbeen ati rukkuttu kuni Qabsoo Oromoo ati ABO keessa baatee OFC jalatti “hiriirtee wareegama qaali kafalaa” jirtu kun attamiin mooraa Ummata Oromoo fayyada? Olololaan ABOn saaxila jette yadda yoo ta’e nama xinno akka kee haa turu mootummaan wayyaanee inni USA fi WORLD Bank irra bajata argatuyyu jedhee dadhabee dhiise. Achumma Kaayiroo ta’iitii afaan kee bani. Hanga achirraammoo joormaa kee gara Auropaa ykn Amerikaatti itti fuftuutti “Xiinxala” kee itti fufi, Dinqeem Xiinxala siyaasa. Ati kaleesaa SBO irra warra harra akka bulguutti dhiheessitu kanas sami irra keessee faarsaa turte. Ammammoo “Hero” haaraa ofuman tolfattee sami irra kaa’aa jirta. Ati waan jijjiiramte sitti fakkaata garuu ati hin jijjiiramne goofta itti salaattu jijjiirrate malee. Gooftaan kee inni itti aanu eenyu laata?

    • Boruu Barraaqaa kan ofiin jedhu kun nama akka malee ayyaan-laallataa fakkaata.Oromoo dura of dursa.Utuu warri hanga isaatuu hin baranne jiranii “Nan baradha.”jedhee qabsoo dhiisee deemuun kana agarsiisa.Kan ABOtti dhufee tureef qabsoof utuu hin tahin “maraqa”achi keessaa argamtu kan akka utuu hin wareegaminii fi hin hifaajion maqaa argachuu,aangoo argachuu,qanani’uu fi bu’aa bulchiinsa diinaa jalatti dhabe saroobbachuufi.warri akkasii akkuma bulaniin waan saaxilamaniif ABO keessatti umrii hin qabani.Hojiin malee kabajaan bakka irraa dhufanii fi waan ofii himataniin argatu hin jirtu.Gurbaan san eegee dhabnaan futtaafate.Bahee ammoo afaan isaa qabatee hin teenyee qaanii tokko malee fagaa jira.Yoo ganeera tahes GX akkuma isaa gane.Kan Boruu fi Girmaa caalan hedduun gananiiru,garuu qabsoo bilisummaa Oromoo if duuba deebisuu hin dandeeny;hin danda’anis.Boruun waan xibaaru dhabnaan kana wada malee kun dilas waan nama dubbisu tahee miti.”Goomattuun bulgaatii daa’ma namaatti gammaddi”jedhan.Gurbaan ifitti duulaa,of xinneessaa jira.Kan ofiifuu hin yaadne sabaaf yaada,waa tara,jedhanii herreguun dogoggora.Kosiitti lakkaawanii dhiisuu dha.

  2. Boruun kosii dha. Eyyeen kosii dha. Hin qaanfatummoo “Qabsoo itti fufeen jiraa….” jedha. Bara kana namuu akkuma Mangee durii titila ofitti baayyisuu kana hojii godhatee jira. Erga OMN dhufee waan Oromoon heddumminaan hoomishate yoo jiraate maqooti akka Xinxalaa Siyaasa, Activist, Gazexeessaa, Artist………waa meeqa lakkoofna. Jabana youTube kanammoo Gazexeessaan bashbasha.
    Boruu Barraaqaa amma waan hedduu dammaqe itti fakkaatee jira, Gurbaan duruu mirqaanaan jiraata. Ammas OFC dhaaf waan diskuur godhuu eegaleef mirqaanee jira. Uggum Saaxilaa basaasaa, xinxalaa siyaasaa, activist, Kitaabessaa (Fixeensaa isa ofuma isaa keessatti of arge sana) shakka-mukaa…….!! Puuuuuuuhhhhhhhhhhh!!