Oduu Haaraya

Ilillii International Hotel!!!

Torbee kana Akka Addunyaatti Hoteelonni Addunyaa kanarra jiran wal dorgomanii Sadarkaa 5Star(Five Star) yookaan kanneen Akka Addunyaatti Keessumoota Ol’aanoo Simachuuf Humna qaban ykn Hoteelota Adda Duree jedhamanii kanneen Beekamtii Argatan 230,000 akka guutan Beekameera.kanneen keessaas Biyyittii kana keessatti Hoteelota ta’anii wal teessisan keessaa Hoteelonni Sadii qofti akka Addunyaatti Beekamtii “Five Star Hotel” jedhamu Goonfataniiru.Hoteelonni kun Sadeen Magaalaa Finfinnee keessatti argamu.kanneen Keessaas Albuuda Keenya Lafa keessaa Guuree Fixuuf kan deemu Hoteela Allaammuddiin kan waggoota hedduuf biyyittii kana keessatti qofaa nyaachaa ture Hoteela “Sheraton” tokko yoo ta’u abbootiin qabeenyaa Tigiree waliin gurmooftee kan Ijaarratte Hoteelli ” Redisson Blu Hotel” jedhamu Hoteelota Biyyittii kana keessaa Beekamtii “Five Star Hotel” jedhamu argatani dha!!

Hoteelli Sadaffaan Addunyaan Biyyittii kana keessaa beekamtii Laatteefii Goomattuu fi Hattuu kan gumgumsiisaa jiru, erga Hojii Jalqabee waggaa lama kan hin guunne Finfinnee Naannoo Kaasaanchisitti kan argamu Hoteela dhala OromooIlillii Internatishional Hotel” dha.Hoteelli kun abbaa qabeenyummaan isaa Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu Wallaggaatti dhalatanii kan guddatan kan obbo Gamshuu Bayyanaa Booxxee yoo ta’u akka Maaneejera walii galaa(General Maneger)tti kan hoogganan Prooseefar Abdullaahii Baareentoo dha.Hoteela kana keessa Faranjoota Nyaata tolchan irraan kan hafe Gubbaa irraa hanga godaatti(hanga karra eegduutti) kan Dalagan Oromoota qofa dha.Beeksisni Hojii Hoteela kana keessatti ba’u hundumtuu dhuma irratti “Afaan Oromoo is Mandatory” jedha.Hoteela kana keessa seentee dalaguuf Afaan Oromoo Beekuun dirqama jechuu isaati!!!

Wanti baayyee nama dhibu Hoteelonni Biyya Ethiopia keessaa beekamtii Adda Duree(Five Star) jedhamu argatan Sadan keessaa Sheratonii fi Redisson Blu Maqaa Internationaalaa(Brand) yookaan maqaa Addunyaa kana keessatti Hoteelonni gurguddoo fi Beekamoo ta’an Baafatan kan Ofitti Moggaasan yoo ta’u Ilillii International Hotel garuu Maqaadhuma Afaan Oromoo ofitti moggaasuu dhaan waggaa lama osoo hin guutin Sadarkaa Five Star Goonfateera.Hoteelli kun Waan hunda kan of keessatti qabate yoo ta’u Mana Shaqaxaa irraa jalqabee hanga Baankiitti achi keessaa argachuu dandeessu.kanneen Keessaas “Ateetee Beuty Salon,Qeerroo Quality Photo fi Tokkummaa shop” kanneen jedhan Hoteela kana keessatti kanneen argamani dha.Maqaawwan Hoteela kana keessatti mogga’an Duudhaa Oromoo irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u Galmi Guddichi Hoteela kana keessatti Tajaajila Konfiraansii fi Walga’ii addunyaawaa ta’aniif oolu ” Geda Meeting Hall” jedhama.

Walumaa gala Hoteelota Addunyaa kana keessatti Beekamtii adda durummaa kan argatan muraasa keessaa tokko kan ta’e Ilillii International Hotel keessi isaas ta’e bakkeen isaa Eenyummaa Oromoo kan calaqisiisan yoo ta’u torbanitti Guyyaa gaafa Facaasaa,Kamisaa fi Sanbata Xiqqaa weellistoota Oromoo kanneen akka Dr Artist Alii Birraa Fi Qamar Yusufaatu Faranjii kana shubbisiisaa bula.Hoteela kana keessatti Konkolaataa daandiirra dhaabuun hin danda’amu Konkolaataafis bakki waan dalagameef Gamootti olbaastanii dhaabdu.kun immoo Xoobbiyaa keessatti mitii Afrika keessatti illee warra adda duree isa taasisa.

Waa’ee Ilillii Hotel Battalumatti Waan hunda jechuuf yaaluun kan hin danda’amne yoo ta’u dhalli Oromoo tokko Duwwaa irraa ka’ee dorgommii rakkisaa keessa darbee sadarkaa kanarra ga’uun isaa Oromoo hundaaf Gammachuu fi Hamilee Guddaa dha.Obbo Gamshuu Bayyanaa Booxxee Maatii Harka qalleessaa keessatti kan dhalatan yoo ta’u gargaartuu konkolaachisaa irraa jalqabanii yeroo ammaa kana kontiraaktaroota Biyyittii keessaa adda dureen beekamani dha.Kontiraaktara obbo Gamshuu(Gamshu Beyene Con PLC) kan hoogganu Dargaggoo Qalbeessaa Diimoo yoo ta’u hanga Shufeeraa fi qulqulleesituutti dhala Oromoo qofatu to’atee argama.Hoteela Ilillii fi Gamshu beyene constraction plc keessaa dargaggoonni hedduun of danda’anii kan ba’an yoo ta’u isaaniin kan bakka bu’es Oromoo qofa dha.sababni isaas “Afaan Oromoo is Mandatory” jetti dubbiin!! Torbee kana beekamtii Hoteelli kun argateen Artistonnii fi Gudguddaan nama keenyaa achii lafa dhiitaa jiru Smiley smile.

Waa’ee Hoteela kanaa kanan kaaseef beeksisa dalaguuf osoo hin taane waa akka irraa barannuufi.Bara jireenya kee keessatti nama ta’uuf carraaqi.dhagaattis mukattis bu’ii addunyaa waliin dorgomi.yoo siif milkaa’eef Lammii kee kan biroof daandii bani.naannoo kee hunda Lammii keetiin Haguugi.gaafas hirriba raftee bulta.kan kee jechuun kan lammii kee waan ta’eef naannoo kee Lammii keetiin yoo marsite ofii hirriba dhabanii waardiyyaa siif dhaabbachaa bulu keessumattuu Finfinneetti!! Alagaan sirkaa nyaattee gaafa kufaatii kee sitti kolfaa deemti Lammiin kee garuu Kufaatiin kee Kufaatii isaa waan ta’eef gaafa kufaatii kee si faana kufa.kanaafuu gaafa ati kuftu innis akka kufu waan beekuuf cimsee siif dalaga.haa rakkatu,namaa gadi haa ta’u Lammii kee ofitti aansi!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …

One comment

  1. kun injiffannoo guddaa dha!