Oduu Haaraya

Ilmaan Oromoo hundaaf

 

Duraan dursee, baga bara haaraan isin gahe. Barri haaraan kan fayyaa, nagaa, gammachuu fi akkasumas kan tokkummaan ilmaan Oromoo itti milkaawu fi humni keenyas karaa kanaan cimee; qabsoo bilisummaa keenyaa akka cimsinu Waaqayyo/Rabbi nu haa gargaaru. Hogganoota jaarmayoota keenyaas Waaqni sammuu fi qalbii isaanii gara gaariitti jijjiiree akka waliigalani fi irree tokkoon diina keenyarratti akka duulan haa taasisu. Ergan hawwii koo gabaabinaan ibsadhe booda, mee kunoo walaloo gabaabduu tanaan dhaamsa Oromummaa isiniif ergee jira. Walaloo barreessuuf dandeettii qabaachuu baadhullee, Oromummaan akka guddatu karaa kanaan dhaamsa koo isin biraan gahuun barbaade.

 

Oromummaa

 

Oromummaa yaa Oromummaa,

Siyii bar, ibsituun eenyummaa

 

Calaqqistuu aadaa fi seenaa,

Guddistuu sabbonummaa

Kanaaf si faarfannaa

Kanaaf siinis boonnaa

 

Situ kan hundaa ti, kanaaf dursas argattaa,

Mallattoo eenyummaa, maaltu si dagataa?

 

Amantiin kan dhuunfaa yoo ta’u, ati garuu kan waloo tii,

Kanaaf siin boonuu qaba, Oromoon bakka jirutti

 

Oromoo ta’anii dhalachuun, qofaa gahaa miti,

Hunduu cimuu qabu, Oromummaa guddisutti

 

Guddinni sabboonummaas, Oromummaarraa burqaa,

Isaan kanaan bilchaachuutu, gabrummaa sammuu haqaa

 

Yoo sammuun bilisoomte, bilisummaa biyyaa yaadu,

Yoo kun hin taane garuu, hojii gadhee dalaganii badu

 

Oromummaa yaa Oromummaa,

Mallattoo eenyummaa,

Meeshaa qabsoo bilisummaa,

Kan Oromoo tokko godhus sumaa,

Kanaaf dursa siif kenninaa,

Si guddisnee siin bonnaa!!

 

Tokkummaan ilmaan Oromoo haa jabaatu!!

Abdii Boruu

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …