Categories: Yaada

Imala Qondaaltota Mootummaa fi Simannaa Diaspooraa Oromoo!!

 

Akkuma Beekamu Imalli Qondaaltonni Mootummaa dhimma Hin beekamneef gara Ameerikaa fi Awuurooppaatti godhanii fi Simannaan Diaspooraan Oromoo taasisaniif bifa garaa garaan wal falmisiisaa jira.Mee bakkeewwan kanneen tokko tokkoon haa ilaallu.

Qondaaltota Mootummaa keessaa Gara Awurooppaa Magaalaa Miilboornitti Diaspooraa Oromoo waliin mari’achuu dhaaf kan ergaman Obbo Abdulaziiz Mohaammad turan.bakka kanatti Haala nama ajaayibsiisuun Waan guddaatu Dalagame.osoo Diaspooraan Oromoo Hin dhaga’in akka tasaa gara magaalaa Miilboornitti kan Imalan obbo Abdulaziiz Mohaammed haala baayyee nama Saalfachiisuun Imbaasii Xoobbiyaa Milboornitti argamu waliin qaanii guddaa keessa seenaniiru.

Dubbiin akkas Taate.Erga obbo Abdulaziiz Miilboorn Ga’anii booda Oduu kana kan dhaga’e Waldaan Hawaasa Diaspooraa Oromoo Magaalaa Miilboorn battaluma Oduu kana dhaga’anitti bakka isaan Jiran qulqulleeffatanii Xalayaa fi Wantoota garaa garaa Hawaasa Magaalaa Miilboorn Jiraatuuf raabsuu dhaan haala kamiin jara kana simachuu akka danda’an irratti mari’atan.kana booda Mormii guddaa dhaan Jara kana simachuuf sagalee guutuu dhaan irratti walii galan.Ganama barii yeroo Obbo Abdulaziiz bakka maree ga’anitti Diaspooraan keenya Suuraawwan Barattoota Oromoo dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee irratti ajjeefaman,akkasumas­ Suuraawwan Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo mana hidhaa keessatti badii tokko malee adabamaa jiran qabachuu dhaan Haala Ajaayibsiisaa fi Hawwataa ta’een dhaadowwan ciccimoo ta’an dhageessisaa Qondaaltota Mootummaa kana fuuldura dhaabbatan.yeroo kanatti Tasuma wanti isaan hin eegne kan isaan mudate Qondaaltotni Mootummaa Obbo Abdulaziiziin durfamu Imbaasii Xoobbiyaa Miilboorn jiru keessatti mari’chuuf murteessan.battaluma­tti Waldaan Hawaasa Diaspooraa Oromoo magaalaa Miilboorn Mootummaa Biyyittiitiif Mormii Cimaan waan jiruuf Wal Ga’iin kun biyya kana keessatti akka hin ta’amneef Xalayaa barreesse.

Mootumman biyyattiis bakka Mormii kanatti argamuu dhaan haala jiru hunda erga hubatee booda Walga’iin Obbo Abdulaziiz Mohaammad Diaspooraa Oromoo magaalaa Miilboorn Jiraatan waliin gochuuf turan akka dhaabbatuuf Mootummaan biyyattii ajaja dabarse!! akkasumas bifa wal fakkaataa Ta’een Mormiin Firaankfurt,Jarman keessatti Qondaaltota Mootummaa obbo Dhaabaa Dabaleen Durfamu irratti ka’e Walga’iin kun Haala Yaadameen osoo hin milkaa’in Hafeera!!Hojii Boonsaa Diaspooraan Oromoo fi Waldaan Hawaasa Diaspooraa Oromoo Magaalaa kana Lamaan jiraatan Hojjatan jechi ittiin ibsan na hanqatus Wanti “Magaalaa Oromiyaa Xiqqittii jedhamtee Kan Beekamtu Minisootaa MN,keessatti muldhate garuu kan mataaf miilla hin qabne ta’ee mul’ateera.

Magaalaan Kun biyyoota Ambaa Oromoo hedduu of keessatti qabattee argamtu keessaa tokkoffaa dha.Uummanni Oromoo Magaalaa kana keessa jiraatan naannoo 45,000tti tilaamamu.Jiraattota­ kanneen waliin mari’achuuf garasitti kan Imalan Qondaaltota Mootummaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaatiin Durfamu dha.bakka kanatti namoonni Muraasni karaa Nagaa ta’een gaaffii Gaafachuu dhaaf Simatanis namoonni Muraasni ammoo Bifa Mormiitiin Qondaaltota Mootummaa kana simataniiru.bakka Lamaan isaatti garuu hanga barbaadamuun Diaspooraan keenya irratti hin hirmaanne.Karaa nagaa ta’een Gaaffii rakkoo uummata Oromoo ibsan gaafachuun gaarii dha.bifa Mormiitiin simachuunis Waan fudhatama qabu dha.garuu Walakkaan as goree walakkaan achi goree osoo hin taane akkuma warra Miilboornii fi Firaankfurt bifa tokko qabaachuutu irra ture.kun akka hin taanee fi namoonni dhuunfaa Ija keessa akka seenaniif Sababa guddaa kan ta’e dadhabina “Waldaa Hawwaasa Diaspooraa Oromoo Magaalaa Minisootaa” dha.Waldaan kun hirriba guddaa keessa jira.Adeemsa Qondaaltota Mootummaa Diaspooraan Oromoo hundi guyyaa tokkicha dhaga’e.garuu Waldaan Hawwaasa Oromoo Miilboorn Jiruufi Firaankfurt jiru battalumatti waan irratti dalaganiif milkaa’uu danda’aniiru.

Waldaan­ Hawwaasa Oromoo Minisootaa jiru garuu rakkoo namoota dhuunfaa gidduu jiru illee hiikuu dadhabuu dhaan Oduun Fokkisaa ta’e Jiraattota Oromoo Magaalaa kana jiraatan irratti akka odeeffamuuf sababa guddaa ta’eera.kun waan ta’ee darbe dha.boriif garuu waan sirriitti itti yaadamuu qabu dha.Warri namoota dhuunfaa irratti quba keessan qabdanii jirtan osoo sirriitti dhaabbattanii ilaaltanii gaarii dha.osoo ana ta’ees Biyya walii galteen hin jirre keessatti yoon dhuguma uummataafan carraaqa ta’e Maqaa koof Jiraachuu dhiisee waan ni ta’a jedhee itti amanu dalaguu irraa boodatti hin deebi’u.waan kun ni ta’a moo hin ta’u jedhee kan mari’achiisuun irra ture Waldaa Diaspooraati.kun hanga hin taanetti ammoo Murtoon Gaazexeessitoota OMN fi namoota Dhuunfaa tokko,tokkoon fudhatame waan ta’uu qabuu fi Adeemsa Filannoo kan biroo hi qabne dha.kanaafuu waan darbe irratti wal falmuu dhiisaatii Injifannoo kan biroof adeemsa Jalqaba.Dhimmuma kana qofa qabannee hafarsina taanaan Adeemsi Mootummaan Diaspooraa Gidduutti summii Facaasuuf kaate akka milkaa’e hin dagatinaa!! Horaa,Bulaa Galatoomaa!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago