Oduu Haaraya

Irra Deddeebi’anii Himaniif Sobi Dhugaa Hin Ta’u (Sirreessa Gaaffii fi Deebii Obbo Daawud Ibsaa)

Adoolessaa 2014
Labsa Waxabajjii 28, 2014 baasaniin, dhaabotni SHG-ABO fi QC-ABO “jedhamuun beekamaa turre gargarummaa nu gidduu jiru furannee, dhaabicha deebisnee tokkoomsuu keenya ummata Oromoo, deggertoota fi firoottan Qabsoo Oromoo hunda oggaa beeksisnu gammachuu guddaani.” Jechuun saanii ni yaadatama.
Labsa kanatti aansuunis, mataan SHG-ABO, Obbo Daawud Ibsaa, midiyaalee Oromoo addaddaaf dhimma kana irratti bifa gaaffii fi deebiin ibsa kennaa turuun saanii ni beekkama.
Akeekin xalayaa kana gaaffiilee gaafataman keessaa dhimma baqaqa ABO (2001), araara SHG-ABO fi QC-ABO, fi barnoota baqaqiinsa kana irraa horatame jechuun deebii isaan kennaan xinnxaluu fi bakka sirreessuun fessisutti sirreessuu dha. Xiinxala kanaaf Gaaffii fi Deebiin irratti hundoofinu kan OMN isaan wajjin geggeesse fi kan kutaa sadii qabu Adoolessa 14, 16 fi 17, 2014 raabse taha.
Gaffii “Duraan maal irratti wal dhabdan, amma hoo maal irratti walii galtan?” jedhuu yeroo deebisan, Obbo Daawud;
“QnC kan himatan , kaayyootu caphe ykn sharafame jedhan. Gama keenyaan kan jenne, kaayyoon caphe hin turre; kan sharafames hin jiru, seera caphsitan janneeni;
Teenyee eega marihanne booda, wanni irratti wal dhabne, waanuma xixiqqaa waan taheef, isa kana mariin fixannee jirra;
Rakkoo jirtu jarmayaa keessatti furatuu dha malee jarmaaya keessa achi bahanii of ijaaruun QC-ABO dhaaba keenya miidhe, dadhabsiise; uumata fi miseensaa keessati illee kun rakko guddaa uumee jira. QnC akka achi itti bahe, sirrii tahuu dhabuu isaa itti himaa baane. Kana walii galchinee ykn “sort-out goone” jirra
Jechuun, rakkoo dhaabicha keessatti dhalatee dhaaba keenya facaase fi QBO bara hedduu boodatti deebise jedhamee tilmaamamuf QC-ABO cubbamaa godhanii maqaa saanii fi maqaa Shanee qulqulleessuu yaalan.
Dhimma kana irratti deebiin Obbo Daawud kennan gonkumaa kan dhugaa irraa fagaate fi kan sirressuun barbaachisu dha. Warri waliigaltee kana maqaa QC-ABOn Obbo Daawud wajjin mallatteessan akka Obbo Dawuud jedhetti walii galan miti yoo ta’e akka qajeelchaniif yeroo hamma tokko kennineefii dhaggeeffannee turre. Ha ta’u mlaee, hamma ammaatti deebii hin kennin jiru. Gaaffii fi deebii kana dhagahuu dhabuu ykn akkuma Obbo Daawud ibsetti balleessaan kan saanii ta’uu fudhatanii waliif galan irraa ta’u mala – waan beeknnu hin jiru. Kan nuti beeknnu garuu dharri (sobin) irra deddeebi’ee himame fi osoo hin sirreffamin ture dhugaa fakkaacaa deemuu isaa ti.
Kanaaf, nuti, kanneen yeroo dheeraaf miseensota ABO taane garuu waliigaltee Obbo Daawud fi murnni “QC-ABO” jedhee of moggaase mallatteessan irra qooda hin fudhatin hafnne dhugaa jiru barruu kanaan ibsuuf dirqamnne.
Nu hofkalchaa!
Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo wabii walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo ta’uutti gad-fageessinee amanna. Tokkummaa nuti itti amannu garuu kan: (a) hundee tokkumaa dhabuu keenyaa xiinxalee hubate fi furmaata itti soqe; (b) kan qormaata hundee rakkoo keenyaa fi furmaata isaa irratti miseensota dhaabichaa hunda qooda fudhachiise; (c) kan qabsaa’ota kaayyoo QBOf hoijjetan hunda hammate; (d) kan aadaa hojii dhaabichaa jijjiiruun QBO jabeessuuf akeekkate fi karoorfate. Tokkummaa qabsaa’ota Oromoo isa dhugaa fi isa QBO gargaaru fi shaffisu argamsiisuuf carraaquun keenya ammallee itti fufa.
“Tokkummaan” amma dhaadheffamaa jiru kun garuu, “Tokkummaa”: (a) hundee rakkoo baqaqiinsa kana uume qoratee, hubatee, gaafatama barbaachisu fudhate fi fuula duraaf irraa barate miti; (b) ilaalcha hoogganoota ABO “kan wal lolus hooggana, kana araaramus hoggana; Miseensi maal keessaa qaba? Wal lolaa yoo jenne wal loluu malee, araaramaa yoo jedhan araaramuu malee!” jedhu irratti kan hundaa’e dha. Kanaaf, kan QBOf bu’aa buusu ta’ee nutti hin mul’atu. Irraa of qusachuun keenya hubannoo kana irraa madde.
Gara dhimma kaaneefitti yeroo deebinu, akkuma asiin olitti jenne, gaaffiilee gafatamaniif deebiin Obbo Daaud kennan kan dhugaa irraa fagaate dha.
Mee jechi saanii “kaayyoon caphe hin turre, kan sharafames hin jiru” jedhu hammam dhugaa ykn soba akka ta’e hubachuuf ibsaa jala ha qabnnu.
Ragaa QnC-ABO yeroo dheeraaf dhiheessa turetti ni deebina. Mee dura haasaa fi jiruu Obbo Daawud keessa dhimma kana irratti ragaa jiran hedduu keessaa lamaan tokko haa ilaallu.
Inni duraa, gaaffii fi Deebii Bitootessa 29, 2006 gaazexaa “Les nouvelles d’Addis” jedhamu tokkoof kennan. Gaaffiin dhihaateef “Could OLF become a governmental party in Ethiopia? If it could, [under] which condition?” (ABOn mootummaa Itoophiyaa keessatti dhaaba siyaasaa tokko ta’ee qooda fudhacuu ni danda’a sitti fakkaataa? Yoon ni danda’a jette haala akkamiin?) kan jedhu ture.
Obbo Daawud akka armaan gadiitti deebisan.
OLF has been trying to get the support of governments and international organizations to transform itself into a party …. That did not happen in the last 14 years and OLF remains a front- against its will. The OLF wants to participate in the political process as a party or as a political organization. (http://nfrance.com/~eq10357/P10_magazine/15_grandentretien/15050_itvOLF/15050_itvOLF_eng.html)
Afaan Oromoon:
ABOn dhaaba siyaasaa mootummaa Itoophiyaa keessatti hojjetutti of jijjiiruu irratti gargaarsa mootummootaa fi dhaabita addunyaa argachuuf yeroo dheeraaf carraaqe. Kun baroota kudha afuran (14) dabran keessatti ta’uu hin dandeenye. Kanaaf, ABOn fedhii saan alatti adda bilisummaa ta’ee jiraata. ABOn sirna polotikaa [Itoophiyaa] keessatti akka dhaaba siyaasaa tokkotti qooda fudhachuu barbaada.
Obbo Daawud, har’a yeroo kaayyoon jijiirame hin jiru jedhan, waan gazexessaa kanatti himan irraanfataniiti moo dhugaaf kabaja dhabuu saaniitii? Kana dubbisaan ha murteessu jennee bira tarra.
Rgaan isa lammataa afaan Ambaasaddara USA bara 2008 keessa Asmara (Eritrea) ture irraa dhageenya.
Obbo Daawud, Waxxabajjii 19, 2008 Ambaasaddera USA kanatti iyyachuuf waajira saa deemanii turan. Ambasaddorri kun, Waxabajjii 24, 2008, iyyata Obbo Daawud gara waajjiroota mootummaa saanii addaddaati ergee (cable) ture. Akka inni jedhutti:
“He [Mr. Dawud Ibsa] argued that the United States should press Meles to allow true democracy and the full implementation of Ethiopia’s federal constitution …” (https://www.wikileaks.org/plusd/cables/08ASMARA334_a.html)
Afaan Oromoon:
Kan inni [Obbo Daawud] gad jabeessee iyyatu akka Mallasaan dimookraasiin dhugaa fi heerri feederaalumma Itoophiyaa guutummaatti akka jiruu irra oolu hayyamu akka mootummaan USA dhiibbaa godhu dha.
Ambasaddorri USA kun itti fufuun, waan Obbo Daawud isaan jedhe yeroo barreessu:
The OLF, as described to us by Chairman Dawud Ibsa, faces … big challenges. First, the OLF needs to generate some hope of a democratic opening in Ethiopia, given the organization’s belief in its promising prospects in a fair election. (https://www.wikileaks.org/plusd/cables/08ASMARA334_a.html)
Afaan Oromoon:
ABOn, akka Obbo Daawud Ibsaa (Dura Taa’aa) natti himetti, rakko gurguddoo … qaba. Inni duraa, ABOn, yoo filmaatin bilisi [Itoophiyaa keessatti] gegeeffame “nin mo’a” jedhee waan yaaduuf Itoophiyaan sirnna dimookraasii banaa taati abdii jedhutti rarra’uu filata.
Mee hubadhaa laalaa! Iyyaata Obbo Daawud mootummaa USA tti dhiheeffatan kana keessaa isa kamttu kaayyoo ABO wajjin deemaa? Heerri “Federaalummaa” impaayera Itoophiyaa akka jiruu irra oolu iyyachuu? Moo, impaayera Itoophiyaa dimookraatessuu abdii jedhutti rarra’uu? Obbo Daawud maaliif faranjii fi habashaatti akka tokkotti, Oromootti ammo akka biraatti kaayyoo saanii ibsuu? Kaayyo ABO wallaalan moo heerri fi sagantaan siyaasaa ABO isaan hin daangessuu? Deebi kana hunda dubbiftootaaf dhiifnnee bira tarra.
Mee ABOn bara 2001 keessa bakka lamatti baqaquusaa dura dhaabicha keessatti waan jeequmsa umee fi dhaabicha facaase ha ilaallu.
Kan baqaqiinsa ABOf hundee ta’e Obbo Daawud Hayyuu Duree (HD) ABO ta’anii baatii jaha (6) osoo hin turin kaayyoo ABO jijjiiruu yaaluu saaniiti. Sadaasa 1999 keessa HD ABO ta’ee mudame. Amajjii 2000 keessa “ABOn sirnna impaayerichaa hundaaf wal-qixa ta’e keessatti qooda fudhachhun Itoophiyaa dimookraatessee rakkoo Oromoof furmaata argamsiisuu danda’a” jedhee dhabicha kessatti barruun facaase. “Kun kaayyoo ABO kan faallessu dha. Kaayyoo ABO jijjiirruf kan mirga qabu Kora Sabaa (KS) ABO qofa.” jedhanii miseensonni dammaqoon harkatti didan.
Fedhiin Obbo Daawud garuu, kaayyoo dukumantii dhaabaa irra jiru akkuma jirutti dhiisee lafa jala faallessuuf hojjechuu ture. Kanaaf, KS-ABO waamuu fi irratti dhiheesuu hin feene. Akkuma G fi D kana keessatti of irratti ragaa bahe, amntiinsaa “Addi Bilisumma Oromoo olantumma nam tokko utuu qabaate yoona kana caala jabaate fagoo deema ture” kan jedhu waan tureef heera dhaabichaa fi mirga miseensotaaf kabaja hin qabu ture. Dhimma kana irratti dhaabicha keessatti dura maree geggeessuu didee, Guraandhala 2000 keesa, “ajandaa nagaa”, kan heera Itoophiyaa fudhachuusaa fi qabsoo hidhannoo toobbachuuf qophaa’aa tu’uu isaa addnyaatti labsu raabse. Miseensonni irra deddeebi’anii dhimmi kun dhaabicha keessatti akka mareen hiikamu waamicha godhanille obbo Daawud gurra kennuufii dide. Amantiin saa ABOn “olantumma nama tokko utuu qabaate … kana caalaa jabaatee fagoo deema” jedhu itti cimaa waan tureef mareef banaa ta’uu hin dandeenye. Kittillayyootasaa wajjin kanneen yaada saa (Itoophiyaa dimookraatessuu) dura dhaabbatan hunda maqaa xureessuu, dhaaba keessa ari’uu fi ariisisuu fi du’a itti muruutti bobba’e.
Dhugaan dhaaba Oromoo jaallatamaa fi kabajamaa ta’e ABO baqaqsee, qabsaa’ota facaasee, QBO baroota hedduun boodatti deebisee isa kana! Obbo Daawud fi kittillayyooni isaanii, heera dhaabicaa cabsuun, murtii Kora Sabaa malee, haraka lafa jalaan kaayyoo dhaabichaa Itoophiyaa dimookraatessutti jijjiiruu yaaluu fi miseensota heera dhaabicha fi mirga saanii falman diineffachuu fi mareen rakkoo ummame hiikuuf fedhii dhabuu saanii ture.
G fi Dn OMN obbo Daawud wajjin geggeesse kun, dhimma kana irratti, qabxiilee sadii akka gaariitti addeesse. (a) Badii sanii balaa hammanaa hin jedhamnne QBO irraan gahe fudhachuufillee jabina (courage) dabuu saanii; (b) Badii saanii kana irraa barachuu dhabuu saanii; (c) Miseensota dhaabicha Kaayyoo fi heera dhaabichaa fi mirga saaniif falmantti cubbuu saanii haqachuu yaaluu saaniiti. Kun kan hedduu nama gaddisiisu.
Mee jecha isaanii “wanni irratti wal dhabne, waanuma xixiqqaa …” jedhu xiimxallee ha laallu.
Baqaqiinsa ABO irran kan ka’e balaan ummata keenya fi miseensota keenya irra gahe ifaa waan ta’eef asitti irra hin deebinu. Akka Obbo Daawud jedhutti, hoogganoonni ABO, wanuma xixiqqaa irratti wal-dhabanii ummata keenya fi qabsoo isaa irratti baadisa hammana hin jedhamnne geessisan. “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabanii ilmaan Oromoo bakka lamatti qooduun qawwee itti hiranii wal-waraansisan; lubbuu saanii qaalii qisaasan; kaani abdii kutachuun Wayyaaneetti akka harka kennatan godhan. “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabanii ilmaan Oromoo naanoo fi gandaan hiramanii wal-irratti bobba’uuf saaxilan. “Waan xixiqqaa” irratti wal-dhabanii mana murtii USA tti QC-ABO yakkanii maallaqaa maqaa QBOn ummata iraa funaanan kan kumaatamaan lakkaawwamu abokaattota Ameerikaa irratti qisaasan.
Hogganni “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabee ummata, miseensa fi dhaaba saa balaa hamaa akkasiif saaxle boris badii saa kanatti hin deebi’u jedhanii amanuun akkamitti dada’amaa? Kan badii saa dabre amanee hin fudhatin, fuula duratti badii fakkaataa irraa of eegachuu akka hin dandeenye beekkamaa dha. Obbo Daawud garuu, akkuma armaa olitti ibsine, irraa barachiin ha hafuu badii saa dabrellee amanee hin fudhanne.
Jarana, mee hubadhaa ilaalaa!
Maaluma waan xixiqqoon irratti wal dhaban kunii? Akka Obbo Daawud ibsanittu, QC-ABO kan jedhe ShG-ABOtu kaayyo cabse dha. ShG-ABO ammo kan jedhe QC-ABO tu seera cabse dha. Mee kana keessaa kan “waan xiqqo” jedhamu isa kami? Kaayyo cabsuu moo seera cabsuu? Dhaaba tokko kan dhaaba jechisiisan Kaayyoo fi caasaa qabaachuu fi seera tumateen buluu saati. Kanaaf, kana keessaa tokkoollee faallessuun akka “waan xiqqoo”tti kan ilaalamu miti – abbaa irroootaan yoo ta’e malee!
Kan Obbo Daawud jedhan “kaayyoon cabe hin jiru, QC-ABO tu seera cabse” dha. Utuu seerri cabe jiraateelle, hogganni dhaaba tokkoo kan seeri cabu akka waan xiqqootti ilaalu seeraaf kabaja hammamii qabaa? Ilaalcha saanii kanaan, Obbo Daawud, aadaa hoogganoota ABO bara dheeraaf dhaaba keenya qancarsetti quba qaban. Innis, isaan biratti seerri yeroo akka uleetti miseensa irratti dhimma itti bahuu barbaadan malee yeroo hunda akka “waan xiqqoo” tti ilaalama. Heera fi seera dhaabichaaf kabaja hin qaban.
Gabaabaatti, kan kaayyoos faalleese, kan seera ABOs cabse Obbo Daawud fi kittillayyoota saaniiti. Kanaaf, kaayyoon caphuu fi seerii caphuun yoo “waan xixiqqoo” jedhan nu hin dhibu. Badii saanii kana hunda “QC-ABO”tti haqachuuf ija jabaachuun saanii garuu kan osoo hin saaxilin bira tarru miti.
Dhumarratti, dhugaaf kabaja qabaachuu fi badii ofii fudhachuuf jabina qabaachhun amaloota gaarii (quality) nama hooggana ofiin jedhu tokko irraa eggaman. Hoggana aynaa kana lamaan hin qabnne irratti amantaa fi abdii qabaachuun of gowwomsuu dha. Dhimma kana irratti, jaallan qbasaa’ota Oromoof of-eeggannoo cimaa dhaamnna.
Oromiyaan Ni Bilisoomtti!
Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 2014

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

14 comments

  1. AFD dhaabe Itophiaa demokratessuu yaala turee, Har’a kaayyoon cabe injiru yeroo jedhuu Dawuud dhuguman cubbu isaa warra kaaniti haqachu ta’a.

  2. Callaisaa ta`ati dubbii funaana. Warri kana barreesitan kun warra walgaltee kanati rifataniif garaagartummaa babalsitanii tajaajila dinaa fixaanbasuuf carraqitan waan ta`ees waan isin xibartan kun eesaiyyuu hin ga`u. Amma gaaffiin keesan maliif tokko ta`aniidhamoo, nutti ni kuffineedha.? Gowwan firaas diinaas tokko se`a. Akka Daa`ud firras diinas wanuma tokko itti himu barbaaduu? Garuu warii Daa`udiin morman hundi isaniiyuu ni dhdhaban malee hin jabaane! Atis (isniis) ta`aa ariin mataa of-dhukkubisaa malee waan gadifidan hin jiru.

    • mimi Oromtitti Oromoo

      Tole.akkana jettanii barreessuu fi iccitii keenya diinaaf bittinneessuhoo hin dadhabnee,gaafa dogoggora isaanii agartan maaliif callistani?otoo haraarri hin bu’in durahoo komii dhiheessuuf maaliif dadhabdani?yeroo uummanni Oromoo tokkoomuu dhaabaatti gammade,yeroo diinni itti rifate,isin kana lachan keessa isa kami?yeroon kun yeroo itti dadhabinaa fi dandeetti keessan itti madaaltan otoo hin taane yeroo hunduu Oromummaa irratti qofa hundaa’ee qabsaa’udha.yeroo itti dhiiga fi lubbu bade gumaa itti deebisnudha.kana hubadhaa nurraa dhaabadha.midi’a irra deemaati waa’ee partii nafxanyootaa barbaadaa waan irra jiran .yeroo itti namni tokkoomutto inni akka keessanitti yaadummoo nama diiguuf fiiga.dhabadhaati yaada.yoo dhimma Oromummatiif ta’e.yoo hin taane dhimma ykn hawwii hoggansaaf ta’ee internet irra hin ba’inaati achumatti fixadhaa.

  3. Interview kana keessa soba jira eega jedhamee, OMN warra kana jedhee ykn garee dhimmi laaltuf carra kenneu qaba. Balanced reporting is expected of reliable media like OMN.

  4. Agree, Dawud Ibsa is a big looser, so are his followers.

    • The people knows who lose! He come out victorious with his members and supporters.

      • Do you relay believe that? I don’t think so. Victorious he is in which front? Oromiyaa is still ruled by Wayyanee, OLF is at his weakest point since Dawud took office, Our people are getting killed in a day light and took the matter int heir hand. Where is OLF to protect them. What is Dawud doing in that front. Afaanuma qabaatanif dubachuun gaha miti.

      • Do you relay believe that? I don’t think so. Victorious he is in which front? Oromiyaa is still ruled by Wayyanee, OLF is at his weakest point since Dawud took office, Our people are getting killed in a day light and took the matter int heir hand. Where is OLF to protect them. What is Dawud doing in that front. Afaanuma qabaatanif dubachuun gaha miti.

  5. warri kana barreessitu kun namoota waa tolee irra waa hammaatee, araaramnii irraa wal lolanii, tokko tahanii irra gargar bahaniin isaan gammachiisuu fi hawwii isaanii tahe dha. Gartuun kun ilmaan amaaraa ykn tigiree naannoo oromootti dhalatte bilisummaan oromoo isaan dhukkubsu, ykn ammoo oromoo sammuun isaa dhuufe yoo karaa inni jedhe malee deemame cubbuu isatti tahu gad aantii namaati. kana oromoo jechuunuu nama rakkisa, gadi galoon sanyii namaa lakkaawachuu yoo baatte akkam namatti tola seetani.
    warri weeb saayita Bilisummaa ammoo haati budaan diddiga mucaa ishee gammaddi jedhanii. Yeroo hunda fottoqee, gargar bahee, wal jibbanii, dhaaba keessaa bahee, fi ‘negatiiva’ waan qabsoo bilisummaa oromoo maxxansuun bilisummaa caalaa isin gammachiisa. Isiniin kun maqaa kanas of irraa geeddaraa dhimma qaamaa qalbii keessan keessa hin jirre maqaa ofitti moggaastanii itti hin dhibamiinaa.
    dhimmi araaraa ammoo boosan booyuu baattan duubatti hin deebi’u. waan oromoon jettu ” sareen numa dutti waraabessis deemuu isaa dhiisee hin beeku jetti” kana jechaan sareen waa jijjiiruuf osoo hin taane amaluma ishee duttii jechuu dha.

  6. Obbo/Aadde Toli,

    Oromoon tokko gaafii kana agada.com irratti si gaafatee ture. deebii kanniteefii?

    Ati dhuguma miseensa ABO ti laata? Yoo Miseensa ABO taate, ABOn sitti qaana’u qaba. Anillee akka Oromoo tokkotti hedduun siitti qaanfadha – arraba kee dheeran kana irraan kan ka’e. Maal namana, gurra kee lamaan gidduu furrii malee homaa hin jiruu? Yeroo aariin sirra galuu waan barreessitu kana yoo irra deebite dubiftee atuu itti qana’uu hin oolttu. Dhaabin ati keessatti miseensaa taate kabajan yaada kee dabarfachuu si hin barsiifnnee? Yoo miseensi keessan hundi akka kana damaqina siyaasa dhabu irraan kan ka’ee yeroo aaru arrabsootti fiiga taa’e, attamitti qabsoo geggessuf deemtuu? Isinitti dabalamuu mitii, namuu akkamiin isinitti siqaa?

    Yeroo dhala namaan “gad-galoo” fi “saree” jettu maalttu sitti dhagahamaa? Mee nutti hin obboleesso: Kanneen xalayaa kana baasan maaliif “gad-galoo” fi “saree” ta’anii? Sababa Obbo Daawud dhugaa hin dubbanne jedhanii yaada saanii, kan ragaan deggerame, ibsataniif? Oromoon waan Obbo Daawud jedhe 100% hin fudhanne hundi “gad-galoo” fi “saree” ta’aa laata?

    When you open your mouth (or your pen) in public, don’t forget you represent your organization. Who wants to associate with abusive persons or organizations in which they are members! See how you can hurt the very organization and leadership you purport to defend?

    Aslam Aleeykum

  7. Yeroo quba tokko namatti qabduu, quba 4uu sitti deb’a jedhani, atis amalumaf duttta jechuu dha? Website kana (Bilisummaa) arrabsuu dhiisiiti website tokko banadhuu maqa isaa “Arraabsoo” jedhii mogafadhu. Category (menu) isaa immoo Arraba xixxiqaa, arraba gurgudda, arraba ganamaa, arrbaa galgala, arraba abjuu keessa, jedhii. Yaada aarii irra sii cabsuu sii hiru kooti.

  8. Dhugaa diina Sobaa

    Akka durii namatti wacuun sagalee namaa ukkaamsuu waan dadeessan isinitti fakkaate. Amma hundi isin baree jira. Oromoon maallaqa ittin funaannachuuf jecha dhara isin oomishttan isin irratti baree jira. Kanneen soba keessan saaxilan irratti ammoo olola isin oofttan fi oofsiifttan Oromoon akka gaariitti hubatee jira. Habadan lamuu nu hin gowwomsitan. Yaroo feetan walabummaa Oromiyaa jattu – mootummoota maallaqa siniif kennan gammachiifttu. Asi deebitan Oromootti ammo Oromiyaa walaba jattu. Isniin tun waan barbaaddan beekttuu laata?

  9. Namni kuni Oromo wayyanne ykn Habaashaa wa’ee ta’aa ,kan oromo keessaa galee gara isaa jedhee jiraatudha.Kuni ottoo oromo ta’ee as irraatti hin bareesu oromoon aadaa akka kan hin qabu oromon wal gorfaata.Oromoom kan hin dahga’inaa biraa tara diinaaf yeroo hin qabnu.