Oduu Haaraya

Jalqabni waa maraa maquma Rabbiitii

Jalqabni waa maraa maquma Rabbiitii
Alhamdulillah galanni kan isaati
Kan nu jiraachisu baraa fi baratti
Nagayaaf raahmanni Rassuula irratti
Yoomuu haa jiraatu hanga dhumaatitti
Isa nu hiriirse karaa haqaatitti
Assalamualeeykum! obboleeyyan amantii.

Ergan kana jedhee tan aantutti yaanaa
Ji’a kabajamaa rizqii fi iimaanaa
Hawwii ji’a hedduu mu’umintittiif mu’uminaa
Baga ittin isin gahe baatii Ramadaanaa!
Kan asiin nu gahe mooticha ol’aanaa
Alhamdulillah yaa Allah! galata galfanna.

Baatii hunda caaltu tan arguuf dharraane
Arra kunoo dhuftee hamileen simannee
Muslimtoonni hundi baga gammaddanii walumaan gammanne!

kan Muslimni hundi caalatti wal gahu
Ibaadaa irratti kan namuu bobbahu
Namni dalagate kan itti milkaahu
Soomana gaarii nu hundaaf haa tahu
Rabbiin nu haa godhu warra bakkaan gahu.

Kan itti gammannu xiqqaadhaa fi guddaan
Dubraa fi dardarri manguddoo fi haawwan
Abooradee hamdi, baga ittiin geessan!!

Ji’a balbalti azaabaa cufamtu
Ji’a balbalti Jannataa banamtu
Ji’a qabaataan rakkataa yaadatu
Ji’a kan soomaneef ajriin katabamtu
Ji’a kan wal lole itti wal araarfatu
Dhiifama waliif godhaa afooynaa-aafooytu.

Nagayaan hidhannee nagayaan nu haa fursiisu
Warra irraa milkaa’u nu hunda haa taasisu
Diilii daleeynellee Gooytaan nuuf haa dhiisu
Jannatuma isaatiin nu haa qananiisu!!
Jannatuma isaatiin nu haa qananiisu!!

Najiib Zannuun

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …

One comment

  1. Haalaan gaariidhaa Jabaadhaa