Oduu Haaraya

Jawaar Mohamed: “Oromoo nama na qeequuf jettanii wal hin fixina”

“Warra miidiyaa hawaasaarratti na arrabsu dura hin dhaabbatinaa. Ana ittisuu dhiisaa. Ani yaada koo dhiyeessa. Warri naan mormuus, na qeequus yaada isaanii ibsachuun mirga isaaniiti. Sirna dargii, Mallasaa fi H/Sillaasees kan mormaa turreef waan afaan nu qabanii ofii nutti haasawaniifi. Nuti sirna akkasii kana of irraa kaasuuf falmanne malee sirna afaan nama biroo qabee ofii qofa dubbatu deebisnee ijaaruufi miti.”

Namni yaada isaa ibsachuu mirga guutuu qaba. isin namni yaada kiyya mormeef walirratti hin duulina! dargaa jawwee gurra isin calawu!

Jawar Mohammed hunda keenyaaf obboleessa, Oromoon Jawariif addatti obboleessaa hin jiru, Oromoon Jawariif Diinaatiis hin jiru, Sababni walqeeqnuuf Kaayoo takka waan qabnuu fi hundi keenya Bilisummaa Oromoo waan jaallanuufi, Jawar ammoo qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa waan qabuuf dubbanna.

Dhiheenya kana Sababa Jawar Qabsoo Qabbaneesee yaada araaraa dubbachuu eegaleen walqabatee qeeqa Jaallummaa fi obbolummaa hundi keenya kaasaa jirra.

Deeggartoonni Deeggaruu malee Dogongorarraa nama deebisuu hin beekne akka waan Obbolummaa addaa Jawar wajjiin qabaniitti, namoota Jawar maaliif Qabsoo laafgisee araaratti deebi’a jedhu arrabsoon jala dhaabbatan.

namoonni Jawar qeequuf Duula namarratti banan kun dura osoo gaafii Afran tana qofa Jawar gaafatanii hin wayyuu ?

1ffaa, Sirni kun Artistii Jaalatamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ajjeese, hanga ammaa Haqni Haacaaluu Hundeesaa hin baane, ajjeechaa Haacaaluu, ajjeechaa Abdujabbaar Husseenii fi hayyoota Oromoo kanneen biroo akkamitti bira dabarree araaratti deebina ? Oromoon ar’a ajjeefamaa jiru hoo ? Gaafii jattu gaaffachuu.

2ffaa, Jawar Mohammed yakka tokko malee Waggaa lama hidhame, Jawar Sirna badii malee Waggaa lama si hidhee wajjiin amantii maaliin araaramatti deebite ?

3ffaa, Sina kanaa wajjiin araaramuun Oromoon Bilisummaa ni arkata jattee yaaddaa ? Jedhanii gaafachuu.

4ffaa, osoo Ummata Oromoo qulqqulluu ajjeesaa jiranii araara dubbachu moo Qabsoo barbaachisa jedhanii gaafachuun gaafii deeggartootaa fi hirmmaatotaa ture, Rakkoo Ummata keenyaa takka waan dubbatan hin arkinu.

Jawar gaafachuun badii osoo hin Daandii kaleessaa eessatti dhiifte jachuudha malee Jawar jibbuumiti, garuu warri qalbiin gad-qabee gaafilee ijoo tana hin hubanne Jawar qeeqamuu qofaatu isaan aarsa, gareen tun hoggaan laalu yoo Jawar Bilisummaa jaalate qofa Bilisummaa jaalatti jachuudha, yoo Jawar Bilisummaa jibbees Bilisummaa ni jibbiti.

Deeggartoonni Hubannoo malee Abbuma deeggaru saniifuu balaadha, sababni isaatiis yoo ati hallayyaa buutees sii wajjiin seenuu malee harka qabanii si hin deebisan, tun jaalala malee Siyaasaamiti, garuu dogongorarraa wal-eeguu jaalala tanatti dabaluun barbaachisaadha.

Jamaal Ahmadiin

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …