Categories: Oduu Oromiyaa

Jawwar Mohammed irraa “WAAMICHA”

1) Mootummaa naannoo Oromiyaatiif:- Akkuma waliinuu argaa jirru weerarri daangaa keenya irratti bifa haarayaan baname Godinoota shananuu waliin gahuun lubbuu saba keenya hedduu galafataa jira. Ummanniifi poolisonni daangaa irra jiran weerara kana ofirraa faccisuun tattaaffii cimaa godhaa jiran. Dhimmi kun garuu kan warra daangaa irra jiran qofarratti ilaalamuu qabu osoo hin taane kan ummanni bal’aan dirmachuufii qabuudha. Dirmachuun kunis Oromiyaa guututti mormii gochuun Abdi Ileefi warra isa duubaan isa bobbaasu akka morminu agarsiisuudha. Mormiin kun har’a Baha Oromiyaatti eegalee jira. Guyyootta itti aananitti magaalota biroo keessattis itti fufa jedhamee eeggama. Kanuma beekuudhaan mootummaan naannoo Oromiyaas mormiin kun bifa tasgabbaayeefi nagayaatiin akka raaw’atuuf qaamolee bulchiinsaafi nageenyaatiif qajeelfama barbaachisaa dabarsuu qaba.

2) Qeerroo Oromootiif:-Gaaga’ama ummanni keenya daangarraa jiru keessa seenee waliinuu argaa garaan nu gubataa jira. Hedduun keessan gara daangaatti dirmachuun falmaa keessa jirtan. Warri haftan bakkuma jirtanii qabsoo deeggarsaa gochuuf qophaayaa akka jirtan hubanna. Mormiin amma Baha Oromiyaatii eegalee jira. Guyyoota itti aananitti guutuu biyyaattii itti fufa jedhama. Mormiin kun akeeka yaadameef akka galmaan gahuuf hoggansiifi qindeessummaan Qeerroo murteessaadha. Ummanni keenya naamusaafi tokkummaadhaan mormii isaa dhageessisuu qaba. Akkuma amma dura walgorfachaa turre qabsoo keessatti naamusni bu’ara injifannooti. Naamusa malee injifannoon hin jiru. Kanaafuu namaafi qabeenya irra miidhaan akka hin geenye of eeggannoo barbaachisa. Keessattu Wayyaaneen jeequmsa uumuun saba biraatin walitti isin buuftee qabsoo maqaa xureessuu waan feetuuf qabeenyis ta’ee nageenyi saba Soomalees ta’ee kan biroo akka hin tuqamne isin gorfanna. Poolisiin Oromiyaa daangaa irraa ummata keenyaan waliin falmaa jira. Walakkaa biyyaattis tumsa akkasiitu barbaachisa. kanaafuu walitti hin bu’inaa.

3) Poolisii Oromiyaatif:- Miseeonsonni Poolisii Oromiyaa lola daangaa irraan ummata keenyatti baname ittisuuf Qeerroofi ummata waliin falmaa cimaa keessa jiran. Hedduun isaan lola kana irratti gootummaadhaan hoggansa kennuun wareegamanii jiran. Hedduunis madaayanii jiran. Kun seenaa hin irraanftamneedha. Seenaa keenya keessatti yeroo duraatiif ta’uu isaati. galatoomaa jenna. Amma poolisiifi ummata daangaa irraa falmaa jiruuf tumsuuf jecha mormiin nagayaa Oromiyaa guututti akka godhamu eeggama. Mormiin kunis har’a baha Oromiyaatti eegalee jira. Mormiin kun bifa nagayaafi tasgabbii qabuun akka raaw’atamu shoorri poolisii ol’aanaadha. Kanaafuu Qeerroon waliigaluun walitti bu’iinsi akka hin uumamanetti mirga ummataa kabajaa nagayas akka eegsiftan isinitti dhaamna.

Dhugaa qabna
Tokkummaan qabsoofna
Tarsiimoon masakamna
Ni injifanna!!”

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago