Oduu Haaraya

JECHOOTA HAYYOOTA OROMOO IRRAA….

 

Kutaa 1ffaa

Hubachiisa:- yoo akka dubbifteen ‘like’, ‘share’ fi ‘comment’ godhuu baatte dubbisuun hin hayyamamu. dubbisanii ‘like’ ‘share’ ‘comment’ godhuun dirqama sabummaati.

Ashamaa harka fuune jaalatamtoota, kabajamtoota ilmaan oromoo? Nagayni badhaadha? Alaa manni, aalii ollaan fayyaadha? Baraa bariin, daagaa argaadni nagayaa?
Mee arraan tana jechoota hayyootni oromoo dubbatan isiniif dhiheessinaa nu hordofaa.

.

Waa sadi waan lubbuu qabaatu, waa sadiin lubbuu dhaba:-
1. Seenaan waan lubbuu qabaati, yoo gowwatti himan waan lubbuu dhabaati.
2. Gudeedni kormaa waan lubbuu qabaati, masheenatti goreen waan lubbuu dhabaati.
3. Qabeenyi waan lubbuu qabaati, yooniif doyna/doqnatti goreen waan lubbuu dhabaati.

Dhiirti waa sadi dandeessee, waan sadi dadhabde:-
1. Bilaaluu gurguddoo keessa deemteeti, cirracha tokko kan kophee keessa seene dadhabde.
2. Rooba guddaa keessa deemteeti, dhimmuu mana takka obsite.
3. Waan abbaa duubaa dandeessee, waan abbaa biraa/duubaa dadhabde.

Eeyba jaarsoolee/ manguddoolee waan sadi si haa bararu:-
1. Qoree dhoqqee keessaa si haa baraaru.
2. Abaarsaa jaarsaa du’aaf deemu si haa baraaru,
3. Jecha niitii/jaartii obboleeysaaa si haa baraaru.

Abaarsi jaaroolee sadi:-
1. Itillee dhabi.
2. Soora/nyaata dhabi
3. Dhugaa dhabi.

=Itti Fufa=

Maddi:- Manguddoo oromoo irraa.
Kan yaadannoo isaarraa nuuf laate:- @Murataa teysoo
Qindeessee dhiheessaan:- ‪#‎Saphaloo_Kadiir‬.

Yaada. Qeebaa ykn komii yoo qabaattan teessoo armaan gadii kanaan nu qunnamaa.

Email:- ak23873@gmail.com.

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …

2 comments

  1. Galatoomio kana caalaa cimi

  2. waan garidha itti fufi