Categories: Afaan Oromoo

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Sadaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaalee tokkoffaa fi lammaffaa akka gaariitti dhamdhamachuu keessaniif, mee hedduu galatoomaa! Duubbiin galatoomfannaa callaa irratti dhabbattee waan haftuu mitii, kunoo kutaa sadaffaa kanas mee ilaalaa-kaa! Dabaleesoo, as-irratti waanan jabeessee isin yaadachiisu tokkotu jira. Jechoota kana ennuma tokkicha dubbiftaniitoo bira dabruu otoo hin taane, akkuma wanneen biroo isaan ciccimoo yeroolee addaddaa irra deebitanii dubbisuu fi mataatti qabachuun daran barbaachisaa dha. Kan barchisaa tahu anaa fi eenyu faaf otoo hin taane, Afaan Oromoo keessan, afaan nadhii dammaa kanaaf sonaan barbaachisa! Eeyyee:
Afaan Oromoo-koo
Qaama aabboo-haayoo-too
Afaan nadhii dammaa
Kanan na dhibaaree
Ittan cimsa ammaa!
Jedhaatii akkuma akkaayyuuwwan keessan durii geerraraa, geerrarsiisaa itti-nuuf cimsaa! Hayyee, Waaqni guddichii fi tokkichi sun wanneen gaggaarii maraa mee itti isiniif haa simsu!
SEENSA
Ani seensa isa hardhaa kana keessatti waayee seera hirmaata-dubbii (seerlugaa) Afaan Oromoo keessaan hamma wayii isiniif dhiyeessa. Barreeffatoota amman tana afaan keenyaan bahaa jiran keessatti, dogoggora tokko tokko waanan qalbeeffaddheefan isaan akka sirraawaniif waa jedha. Uummata jenneetoo “uummatni” hin jennu; “uummanni” jenna malee! Seera afaan keenyaatu akka akkanatti dubbannuu fi barreessinu nu akeekkachiisa. Akkanuma:
jechoota        –       jechoonni
harqootaharqoonni
dhalootadhaloonni
irbaatairbaanni
gumaatagumaanni
ijibbaataijibbaanni
furmaatafurmaanni
gatatagatanni
imaammata –       imaammanni
galfatagalfanni
Faa akkanatti barreesina. Mee hardhaaf kunuu ni gayaa, seerota garii kutaalee itti-fufaman keessatti ilaala. Kunoo, amma kanaa gaditti jechoota kutaa kanaaf dhiyaatan, mee ilaalaa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) Afoola    –                  oral literature
2) Baluunaa –                  aircraft
3) Barsaa –                  blanket (= uffatalkanii)
4) Burkaana –                  volcano
5) Dakkee –                  beach
6) Dammaqsituu –                  alarm clock
7) Jirofii                        –                  career (jiruu + ofii)
8) Limaaya –                   cereals
9) Maanya                    –                   ocean (= galaanbojaa)
10) Magaalmataa –                   capital city
11) Moodii –                   burial association (= “iddirii“)
12) Mosajii –                   software
13) Oddoo –                   garden (= dhayii, manduubee)
14) Rawwaa –                   gulf (Rawwaa Edan – Galf of Eden)
15) Qeddoo                  –                    watchman, guard (qeyee + eegduu; =waardiyyaa)
16) Reera –                   area (=irgee)
17) Sammuu –                   mind, brain
18) Surgaba –                   shorts (surree gabaabaa > surgaba)
19) Takkaataa –                   rare, scarce; unique
20) Tiriikaa –                   battery (= baatirii)
21) Tishoo –                    cornice
22) Ukkaa –                    asthma
23) Uqqubunnee –                    brain
24) Waafoo –                    roof (= gasarree, dikkaa)
25) Waaltina –                    standardization
Itti-fufa ——!
==============    //    ==============
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago