Oduu Oromiyaa

Kaayyoo ABO Jijjiiruu Keenya Beeksisuuf Hawaasota Itiyoophiyaa Biyyoota Alaaf Ibsa Kennaa Jirra

(VOA)

Gamtaan Dhaabbatoota Polotikaa sadii dhiheenya hundeeffamee fi kan Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu, Gareen ABO as Waashington DC keessatti walga’ii uummataa waamanii turan. Akka qopheessitoonni jedhanitti, kan Tumsa Bilisummaa Walqixxummaa fi Haqaa fi Garee ABO kanaan qophaa’e irratti namoota gara dhibba shanii tu argame.

Garee ABO Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamuuf miseensa Koree Hoji-geggeessituu fi Itti-gaafatamaa Jaarmayaa ka tahan, Addeessaa Boruu, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, kaayyoon walga’ichaa “dhaabni keenya sagantaa isaa dhiheenya jijjiire hawaasa Itiyoophiyaa bal’aa biraan gahe akka isaan qabsootti hirmaatan taasisuuf” jedhu.

Gamtaa ‘Tumsa Bilisummaa, Wal-qixxummaa fi Haqaa’ jedhamu irraa Obbo Nehaamiin Zelleqees — Gareen ABO kun sagangaa siyaasaa isaa jijjiiruun gaaffii ijoo dha. ABOn uummata Oromoo bal’aa akka miseensaa fi deggeraatti of-duubaa qaba. Jijjiiramni kaayyoo kun, akka dhaabonni mormitootaa kaan illee itti dabalamanii humna gamtaaween Mootummaa Itiyoophiyaa abbaa-irree kuffiisuuf qabsaawan gargaara, jedhu.

Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago