Oduu Haaraya

” Kaayyoon keenya Toophiyaa biyya sab-daneessatti jijjiiruudha”

Review Overview

User Rating: 2.44 ( 5 votes)

Hogganaan ADO Obbo Leencoo Lataa gaaffiif deebii VOA irratti godhameef irraatti akkas jedhan “Kaayyoon keenya, Itoophiyaan erga gaafa dhalatteetii kaasee IMPAAYERA nuti kana jijjiirree biyya saboota hunda walqixatti tajaajiltu eenyummaa saboota hundaa mul’istu sirna federeeshenii sab-daneessaatti jijjiiruu feena”

ADO ABO irraa kan adda nu godhu, miseensonni keenya gariin hooggana ABO turre, sagantaa ABO wixinuuf raggaasuu keessatti qooda qabnaa turre, gaafas hireen murteeffannaan bifa garaa garaa qabu akka hojiirra oolu ture, Dimookraasii Rippaabiliika Oromiyaa maddisiisuus ta’e akkaataa saboota wajjin itti bulamu lafa keenyee tuure.

Boodas hoogganni ABO hiikaa hiree murteeffannaa dhiphisaa dhiphisaa dhufanii gara biyya walaba taate tokko qofa ijaaruutti fidan, isaan kan qabsaa’an Diimokraasii Rippaabiliika Oromiyaatiifi kun dhugaadha, garu nuti ammoo akkas jenna  “Ummata Oromoof kan wayyu, hiree murteeffannaa biraa yoo goone wayya jenna”. Kunis sabootaaf namoota bulchiifamoo turan gara saboota SITIIZEN ta’aniiti jijjiiruudha.  Kan ABO irraa adda nu godhu, bulchiifamaan kan namni biraan iddoo biraarraa dhufee qawweedhan bulchu waan ta’eef biyya sana keessattti dirqamamalee mirga hinqabu, nutiif saboonni kaaniis akkasi. Addummaan biraas, biyyattiin higga mengistii malee konistiitiwuushenii hin qabdu.kun kan mootummaan ittiin saba bulchuudha malee kan ofii ittiin bulu miti kanaaf heerri hunda keenya olta’e dhalachuu qabajenna, kanas bakka bu’oota saboota biroon waltaanee qabsaa’uu qabna jenna.

Gara hiree murteeffannaa Oromootti yaroo dhufnu murtiin MAAYYI kan sabichaati, Toophiyaa keessa saboota biroon walta’anii sirna tokko jalatti buluus ta’e Oromiyaa akka biyya walabaatti gadi dhaabuu keessatti filannoon yoo ta’e kan murteeffatu Oromoodha.Gaafa Diimokraasiin Rippaabiliika Oromoo dhaadhalate, wanti umamuuf malu Oromoon ollaa baay’ee qaba, olloota kan hundaan ammoo walta’ee jiraachuu qaba. Walta’uu baannaan waldhabdeetu dhufa, kun Oromoo keessatti nagaaf sirna diimokraasii dhaga, kanaaf HEERRI saboota naannoo saanitti abbaa biyya godhu jiraachuu qaba.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

6 comments

  1. ADO baga as baatan itti jabadhaa issiin duuba jiraa dhaaba oromoo hunda caala as bahaa

  2. anas ta,e saba oromoof gaffi gudda ta,e kan jiru eega yoomi uummata habashaan hariiroo kan umtaan deebii kana obbo leencoon yeroo dheraa ni gafaatama takka deebii qajeela kenee hin bekku kanini akka deebiiti itti fayyadamus toftaan oromiyaa galuuf jedhee uummata sosooba kun tasaa waan hin tane nutii qabsoo karaa dhugaa fenaa kadhaan eega ta,e wagga 40 , guttu qabsaawoni keenya maliif bosona keessati umrii isaani gubaan

  3. obbo bilisumma galatoomi jechaa waan ragaa qubsaa ta,e ykn waan nama amansisu dandaa,u tokko naf ergiite hin jirtu kayyoon keessan toophiyaa biyya sab daneessati jijjiruudha jette deebii naf ergiite isaa yoo ta,e kunoo dubbisan oola karaa kamiin akka jijjirtan mal irran kataani kana yaadu akka dandeesan ABO irra maliin akka adda tataan osoo gababan naf ergiite garii natii fakkata ammas yaada girii tokko karaa email kiyyan akkati naf eergitu abdiin qaba galatooma

  4. ado==Adda Diigaa Oromoo, maltummaan tee simaaraachitee, garuu baa diirree if afte.

  5. ADO = Adda Diigtota Oromoo
    ODF = Oromo Diigaa Facaasaa

  6. dhufee dachaa ykn bala miliq

    kuni oromo hin ialatu