Categories: Teknooloojii

Karoota sadiin Password Facebook keessanii isin jalaa itti hatamu

1.Mala Hawaasummaa(Social Engineering)
Malli kun salphamatti dadhabinna keessanitti fayyadamuun akkaawuntii Facebook keessan banani seenu jechuudha, innis maloot heddu uf keessaa qaba muraasni isaani -password keessan tilmaamu, kunis lakkoofsa bilbila keessan itti yaalu,lakkoofsa bilbila keessan email facebook sanitti yaalu -Forget password ka jedhuun filannoowwan facebook fiduun isin fakkaatanii odeefannoolle keessan itti guutu,odeefannoolle keessan email Facebook guutuun email banuu yaalu.


2. Qurxummeessuu(Physhing)
Akka mala kanaatti dura warri password isin jalaa hatuu barbaade websaayiti Facebook fakkaatu hojjatanii linkii isaa isinitti ergu booda yeroo isin linkii san bantan websaayiti fuula Facebook cufame fakkaatutu isinitti dhufa isin ammoo weebsaayiti facebook isinitti fakkaate password fi email itti guuttanii login ka jedhu tuqxu booda eega isin login tuqxan linkichi gara warri linki isinitti erge ajaje isin fida. Password fi email keessan ammoo warroota linki isinitti erge bira dhaqa.


3. Keylogger
Keylogger jechuun akaakuu softweerota password fi email dabalatee wanta isin keyboard keessan fayyadamtanii barreessitan hunda galmeessu jechuudha, Keylogger gosa lamatu jira. Inni tokko waan isin keyboard fayyadamtanii barreesitan hundaa galmeessee kompitera keessatti save godhuudha booda namichi bakka waan beekuf eega isin deemtam faayili san banee laala.
Inni lammataa ammoo namichi isin irraa fagoo taa’ee halaalatti vaayirasii Keylogger kompitera yookiin mobila teessan keessa galcha, karaa heddu fayyadamuun mobila/kompitera keessan keessa galcha booda vaayirasiin Keylogger sun waan isin keyboard fayyadamtanii barreesitan hundaa qubee,lakkoofsa fi mallattoo isin tuqxan hundaa namichaaf erga jechuudha.

– See more at: http://www.orolandtechnology.com/password-facebook-keessan-karaa-sadihiin-isin-jalaa-hatama/#sthash.sT1F6Rxz.dpuf

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago