Caasaalee godinaa deebisee ijaaruun guyyaa har’aa Godina Arsii magaalaa Asallaa irraa kan eegale yoo ta’u jilli KFO hooggantoota Olaanoo Obbo Xurunaa Gamtaa, Obbo Sulxaan Qaasim fi Obbo Gurmeessaa Ayyanoo ofkeessaa qabu gumii kana irratti argamee jira.
Dameen KFO godina Arsii Gumii Waliigalaa 2ffaa Godinaa guyyaa har’aa gaggeesseen gabaasa erga caqase booda baldhinaan irratti mari’atee mirkaneesse; miseensota KHR Godinaafi miseensota Koree Naamusaaf Too’annoo filatee jira. Haala yeroo irratti, Ijjannoo KFOfi karoora ofduraa irratti baldhinaan maria’atee, ibsa ijjannoo qabxii shan of keessaa qabu baasee jira.
Gumiin akka aadaa Oromootti eebba Jaarsotaan kan eegale yoo ta’u bakkabu’aan ABO godina Arsii fi Arsii Lixaa argamanii ergaa obbolummaa dabarsanii jiru. Sochii KFO caasaa gadii jajjabeesuufi deebisanii ijaaruu godinalee kaannin irrattis adeemsaan kan itti fufu ta’a.
Imalli #galatoomaa hooggansa KFO ol’aanoo Obbo Jawaar Mohammadiin gaggeeffamu har’as kan ittifufee jiru yoo ta’u, marii hawasa Oromoo Biyya Noorway Magaalaa Ooslotti gaggessanii jiru.
#KFO, Jaarmaya Wabii Egeree Oromoo!
Pirezdaantii OSA: Wanti Jawaarirratti raawwatame shiraas, loogiis, yakkaas
At least 12 people die from hunger in drought ravaged Guji zone, says official; residents…
Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda
Umanni Oromoo garee waanyoo fii of tuultootaa jiddutti rakkachaa jira