Oduu Haaraya

KFOn Alaa Manaan Hojitti Jira

Paartiin keenna KFOn guyyaa har’aa Waxabajjii 4/2014 ALI. caasaalee godinaa dhiibbaan waggoota lamaaf jalaa diiggamanii laaffifamanii turan deebisee ijaarutti jira.

Caasaalee godinaa deebisee ijaaruun guyyaa har’aa Godina Arsii magaalaa Asallaa irraa kan eegale yoo ta’u jilli KFO hooggantoota Olaanoo Obbo Xurunaa Gamtaa, Obbo Sulxaan Qaasim fi Obbo Gurmeessaa Ayyanoo ofkeessaa qabu gumii kana irratti argamee jira.

Dameen KFO godina Arsii Gumii Waliigalaa 2ffaa Godinaa guyyaa har’aa gaggeesseen gabaasa erga caqase booda baldhinaan irratti mari’atee mirkaneesse; miseensota KHR Godinaafi miseensota Koree Naamusaaf Too’annoo filatee jira. Haala yeroo irratti, Ijjannoo KFOfi karoora ofduraa irratti baldhinaan maria’atee, ibsa ijjannoo qabxii shan of keessaa qabu baasee jira.

Gumiin akka aadaa Oromootti eebba Jaarsotaan kan eegale yoo ta’u bakkabu’aan ABO godina Arsii fi Arsii Lixaa argamanii ergaa obbolummaa dabarsanii jiru. Sochii KFO caasaa gadii jajjabeesuufi deebisanii ijaaruu godinalee kaannin irrattis adeemsaan kan itti fufu ta’a.

Imalli #galatoomaa hooggansa KFO ol’aanoo Obbo Jawaar Mohammadiin gaggeeffamu har’as kan ittifufee jiru yoo ta’u, marii hawasa Oromoo Biyya Noorway Magaalaa Ooslotti gaggessanii jiru.

#KFO, Jaarmaya Wabii Egeree Oromoo!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …