Oduu Haaraya

Lammillee keenya kan Booranatti hoongeedhaan miidhamaa jiran bira haa dhaabbannuu

Beelaa fi hongeen ummata keenya Booranaa miidhaa jiru kun siyaasaaf haala ooluuf jedhutu mul’ataa jira. Warri mirga Oromoo dura dhaabbatullee ”nutu caalaa lubbuu Oromoo baraaruuf quuqama” ergaa jedhu dabarsuuf Oromoo dursanii jaaramanii gara Booranaatti duuluuf jedhu.

Beelti beellama hin qabdu. Ummanni keenya Booranaa balaa hongeetiin loon isaa dhumaniiru, ofiifuu dhumaa jira. Suuraan gama sanii bahu akka malee garaa nama dhukkubsa. Dubbiin kun xiyyeeffannoo guddaa barbaada. Lammiitu lammiif quuqama. Haa birmannuuf.

beela booranaa

Duulli gargaarsaa eebbifamaa dha. Haa tahu malee Oromoon wal gargaaruu dadhabee afaan qofa taanaan isaan jaaramanii dhufanii nu dursanii ummata keenya miidhame gargaaru yoo tahe akkamitti laaltu? Qabsoon siyaasaa itti jirru jaaramnee lubbuu lammii keenyaa baraaruu waliin haa tahu. Kanarratti mootummaan Obbo Shimallis Abdiisaa gaafatama guddaa bahachuu qaba. Omishni qamadii himamu kun yoo lubbuu lammii keenya Booranaa baraaruuf hin oolle faayidaa hin qabu. Godinaalee hundarratti ummanni akka waan barbaachisu gumaachu, sanas walitti qabanii bakka barbaadamuun gahuuf Qeerroo fi Qarreen jaaramee gara Booranaatti imaluun duula guddaa tahuu qaba. Kanaaf haala mijeessuuf qoodni mootummaa fi abbootii qabeenyaa murteessaa dha.

beela booranaa1

Warri biyya alaas karaa lammii keenya gargaarrurratti qindoominaan haa hojjennu. Jaarmiyoonni dinagdee, hawaasummaa, amantaa, aadaa, maqaa Oromoon ijaaramanii biyya keessaa fi biyya alaa jiran hundaaf Xalayaa gaddaa kan morma muraa sirni Abiyyii fi humnoonni imaammata isaa tumsan Oromoota nagaa irratti Karrayyuu hanga Kiramuutti raawwataa jiran kana dhaabilee mootummaa fi miti mootummaaf xalayaa Afaan Ingiliffaan barreessuun galchaa saffisaan. Paarlamaa Itoophiyaaf, Ethiopian Human Rights Commission, Caffee Oromiyaaf, House of Federation dhaaf, miidiyaaleedhaaf, hin tuffatiinaa galchaa. Dhaabilee UN dhaaf, EU dhaaf, Imbassiiwwaniif, Amnesty International, Human Rights Watch, UNICEF, UN Women, UN Human Rights Commission, AU Commission, AU Peace and Security Department, miidiyaalee addunyaaf, saffisaan galchaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *