Categories: Oduu Oromiyaa

Lubbuun Biyyatti Galuu Qofa Feena.

WASHINGTON, DC — Hokkarri Saa’udii Arabiyaa keessatti lammiwwan biyya alaa irratti qiyyaafate hammaachuu isaa irraan kan ka’e biyya ofiitti deebi’uuf carraaqaa kan jiran ta’uus hatattamaan kan milka’uu hin taane jedhu kanneen yaaddoo guddaa keessatti kufanii jiran.

Feedhiin galmaa’aatii biyya irraa dhuftaniitti isin deebifana jechuun eega nu galmeessanii booda lafa guyyaa ho’isaa nama gubuu halkan qorri isaa nama kotteessutti geessanii nu gatan jedhu kanneen raadiyoon sagalee Amerikaa haasoofsisee.

Humnaan gudeeddii hamaa dubartootaa fi shamarran irratti rawwatame dheessuun kanneen biyya ofiitti deebi’uuf harka kennataniis du’aa fi jireenya gidduu jirra jedhu.

Dubartoonni ulfaa kanneen da’anii baatii lama hin guunne akkasumas ijoollee kan qaban gaaga’ama kana keessa jiru. Gama kaaniin Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad jiru kan humnii ehamee maraan carraaqqii gochaa jiru akka itti fufeera jiru ibseera

Embaasiin kun Polisoota saa’uudii wajjin ta’uun lammiwwan Itiyoophiyaa lafa jiraaniitti dhaqqabuuf irratti hojjachaa kan jiran ta’u kan ibsan Obbo Ahmaad Xalahaa
Obsaan eeggatanii gara biyya ofiitti nagaan deebi’uun akkaan barbaachisaa ta’uu hubachisan.  Hokkara Saa’udii keessatti giddu kana uumameen waluumaa gala lammiwwan Itiyoophiyaa sadii ajjefamuu Obbo Ahmaad ibsanii jiru.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago