Categories: AadaaSeenaa

#Maqaa_BULCHIINSOTA_FINNFINNEE Weerara Nafxanyootaan dura..

::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::;;;;;
Finfinneen qaama Oromiyaa akkuma taate hunda bulchinsa Oromiyaa jala turte.
Ilmaan Oromoo weerara Minilikiin dura Finfinnee Bulchaa Turan kessaa akka
fakkeenyaati:
Caffee Tuulamaa : kan bulchaa ture gooticha Oromoo-Tufaa Munaa.
Birbirsa fi Mana Gullallee : kan bulchaa ture -Qajeelaa Dooyyo
Teechoo/Teessoo :kan bulchaa ture -Guddataa Araddoo
Boolee: Kan bulchaa ture -Shubbuu Ejersaa
Boolee Bulbulaa: kan bulchaa ture- Soraa Lomee
Kolfee /Qaraniyoo/: bulchaa ture -Axalee Jaatanii
Daalattii kan bulchaa ture- Jamo Dabalee
Jarsaye kan bulchaa ture -Galatee Ashate
Ekkaa kan bulchaa ture- Abeebee Tufa
ii. Karra Shanan Finfinnee
Finfinneen karra ykn qarmammeettii shan qabdi ture.Shana isaaniituu maqaa
maqaa ofii qabu. Isaanis :
Karra Qirxii – karaa gara kaaba geessu
Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
Karra Qaalluu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti nama geessu
Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti kan geessu
iii. Bulchiinsota duraanii keessatti akkaataa Onoota caasaa bulchiinsa
Finfinnee fi maqaleen naannolee akka armaan gadii fakkaata.
A. Ona Caffee Tumaa
Finfinnee :– Hora saawwan Gullallee fi Galaan arraabaa turan amma bakka
“Filwuha” jedhamu
Hurufa Doobbii:- Bakka maqaan ammaa Jaan Meedaa, Embaasi Egypt, Hospitaala
Minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatani dha.
Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kiiloo jaha/sidist kilo/, Hospitaala
Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
Dhummuugaa: – bakka amma Ginfillee jedhamu ture.
Keelloo Masqalaa- Bakka amma yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa,
Bataskaana Qiddist Maramii, fi Qiddisit Sillasee, bakka amma Baasha waldachilot
jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
Tulluu Heexoo Diimtuu: – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru,
taaboti Gabrelii jiruu, buufata polisaa Keessa fi bakka Baahitaa jedhamu.
Dhakaa Araaraa: – Bakka amma Fit barri, bakka poolis garaaj jedhamu, bakka
amma hooteelli Sharaatan jiru, bakka Iteegee maski jedhamu, fi bakka amma
hoteelli Hilton jiru.
Qarsaa:- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xiyyit bet
jedhamu ammata.
Awwaaroo:- bakkuma amma Awwaaree jedhamu dha.
Hulluuqoo korma:- bakka amma bataskaanni Isxifaanos jedhamu jiru, bakka amma
Masqal addababay jedhamu, fi bakka amma Raas Birruu safar jedhamu ammata.
Hora finfinnee:- bakka amma Fil wuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa
mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
Dolloo Biddeena: – bakka amma Baqloo beet, Gootaraa fi Walloo safar jedhamu
Dabbasoo: – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
Haada Amma – bakka amma Teelee Garaji, bataskaana Carqos jedhaman
B. Ona Birbirsa yaa´ii Gooroo
Waddeessa: – bakka amma piyaassaa, Charchar godaanaa, fi Araadaa Goorgis
jedhamu
Maarama Birbirsaa: – bakka amma bataskaanni Gorgis jiru
C. Ona Qarsaa
Hurufa Raaree :– bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas
Ganamee safar jedhamu fi Addisuu Mikaa’êl jedhamu dabalata.
Sokorruu :– Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabba midhanii
(ihiil barandaa), massaalamiyaa, fi kowaas meedaa jedhamu ammata.
Sulula Garbii :– Bakka amma Taklahaymaanotii fi Cid taraa jedhamee beekamu
ture,
Garbii: – bakka amma Sangaa tara fi Ambaxxaa makkalakayaa jedhamudha.
Qarsaa: – bakka amma Markaatoo, Ameerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa
gudda fi naannoo isaa dabalata.
Baro Kormaa: – bakka amma Gollaa Mikaa´el, Raas Tasammaa safar, hospitaala
Xiqur Ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu
ammata.
Dachee Golbaa:– bakka amma Addis katamaa jedhamu kana.
D. Ona Gullallee ykn mana Gullallee
Adaamii:- bakka amma bataskaanni Rufaa´el jedhamu jiru, Sameen mazagajaa, fi
Sameen Total jedhamanii fi naannoo ishee hammata
Diddiimtuu – bakka amma Shogolee jedhamee beekamu ammata.
Qaallee:– Bakka amma Askoo jedhamu
Fiichee:– Bakka amma dahannoo Xaliyaani ykn Xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa:– ammas kattaa jedhama
Burayyuu:– Bakka amma burrayyuu, fi Gafarsa jedhamu
Harbuu Irreechaa: – bakka amma Raas Hayiluu safar jedhamu
E. Ona Abbichu
Burqaa Ejeree:– Bakka amma Inxooxxoo Kidana mirat jedhamu, fi bakka amma
Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
Baddaa Ejersaa :– Bakka amma Iyyasuus, Raas kaasaa safar jedhamu
Hurruma: – Bakka amma Imbaasiin Faransaay, Xaliyaani fi bataskaanni Abboo
jedhamu jiru ammata
F. Ona xiixaa (Inxooxxoo)
Haxxee laalii:– bakka amma Shiroo meedaa fi Inxooxxoo Maaramiin jiranii fi
naannoo isaa ammata
Muujjaa:– bakka amma Shiroo meedaa jiru keessattuu itti waamama.
Waayyuu: – bakka amma Qacanee Madanalam jedhamu ture
Karaa Qorxii: – bakka amma Balaay Zallaqaa mangad jedhamuu fi Samen bar
jedhamu ammata.
G. Ona Ekkaa.
Burqaa Qorichaa:– Bakka amma Yakkaa Mikaa´el xabal, laga Qabbannaa, fi laga
Daadhii jiran dabalata.
Karaa alloo riqicha:– Bakka amma Imbasiin Ingilizii, Imbasiin Jarmanii, fi Imbasiin
Raashaa jiran dabalata.
Harbuu:– bakka amma Gurdi shoolaa jedhamu dha.
Kotabee:– Ammas Kotabee jedhama
Doqaa Booraa: – Bakka amma Hayaa hulatti maazoriyaa jedhamu dabalata
H. Ona Boolee
Garjii:– Ammas garjii dhumaan beekama
Bulbulaa:– Ammas Bulbulaa dhan beekama
Warra ganuu:– Ammas warra ganuun beekama
I. Ona Teechoo/Teessoo
Golboo:– bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), Qaallitti, Qeeraa,
Goofaa jedhaman ammata.
Lumee:– bakka amma bataskaana Yooseef jiru kana dabalata Laaftoo Tumtuu –
bakka ammaa Bunnaanaa boordii jedhamu ammata
Jaajaa:– bakka amma Biheere Tsiggee jedhamu ammata
Tulluu Ejersaa:– bakka amma Haannaa Maariyaam jedhamu ammata
Tulluu dheertuu – bakka amma Goofaa beetamangist jedhamu ammata
Baaboo:– bakka amma Addisuu Qeeraa jedhamu dabalata
Sammuu Gullallee:– bakka amma Meettaa darichaa jedhamu ammata
J. Ona Caffee Aannanii
Caffee Muudaa: – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
Harbuu: – Bakka amma Meksikoo, mana barnoota tagbaara’id jiru, mana adabaa
Finfinnee, bakka Saar bet jedhamu, bakka Geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa
Dajjaa Baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wayin xajji, bakka oomisha kookaa
kollaa dabalata,
Harawaa:– bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaaccaa fabrika) jedhamu
dabalata.
K.Ona Jaarsayu
Calcalli:– bakka amma Sar bet jedhamu dabalata
Mardee: – bakka amma “Arogee Awuropilan marefiya, Midir Xoor”, ganda Tolasaa,
fi Raphii jedhaman ammata.
Bakkanniisa: – bakka amma Makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
L. Ona Kolfee
Daalattii:– bakka amma Qaraaniyoo jedhamee waamamu,
Labu:– bakka amma Siga meeda, Taaxaq Xor safar jedhamu ammata
Xaro :– bakka amma Axaanaa Taraa fi Faxino darash jedhamu ammata.

Wabii
Barruu “Duudhaa” jedhamuu
Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffa
Via Xiinxala Jiruu

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago