Oduu Haaraya

“Maqaan Arabaa fii Yahuudii biyya fudhachaa jira”

Sangaan…!

Sangaan waggoota dabran keessatti Oromiyaa mataan gadi garagalche, kan qe’ee ofii Hannaan Miiliyeenara godhe, kan Abbootii gadaa rashansiise, kan Haacaaluu Hundeessaa nyaate, kan Aabboliif Aayyolii Oromoo dhangalaasise, kan Osoo beelli Oromiyaa waxalu garee kubbaa miilaa nafxeetif miiliyoonotaan arjoomu, kan guyyaa hachisiisaa oolaa galgala wiskiirra bulu har’a jibba Ummata Musliimaatiif qabu ifatti darbatuun isaa waan tokkos nama hin ajaa’ibu. Waanuma garaa isaa keessatti waahillaniifii networkii isaa waliin bukeessaa bahe haqqise.

Oromoon Musliimaa Oromummaa akkuma Oromoo isa kaanii Oromumma isaa jaalata, akkuma eenyuyyuu Oromummaa isaa kabaja. Garuu, abbaa fedhetu waan fedhe jedha malee amantii isaa eenyummaa sabummaa isaatiin hin jijjiiru. Amantiif Sabummaan wal adda. Inni tokko tokkotti daangaa hin dabru, yoo abbaan wal keessa laaquuf murteeffate malee. Yakkamaan Utubamee ofiifuu maqaa alagaa baadhatee jooru kun kana jechuu isaatiin waan dur caala jibbamuudhaan ala wanti fiduu dandahu tokkos hin jiru ~ jecha jibbaa kana darbatuu bira dabree osoo qawwee qabu hunda guuratee warra maqaa Islaamummaa qabutti osoo duulees wanti jijjiiruu dandahu hin jiru – Mallas Zeenaawituu ni dadhabe!

sangaa
daanttii

Isa qofas miti, maqaa Oromummaatiin Ilaalcha akkanaa warri keessoo keessannitti baattanii joortanis yoo jiraattan al tokko dhaabbadhaa of ilaalaa ~ Abbaan fedhe waan fedhe jedheef kan maqaa isaa geeddaratus, kan Oromummaa isaa ofirraa mulqee dabarsee kennuufis hin jiru. Qabsoo Oromoo akkuma eenyutuu aarsaa hedduu itti kafalle

Hawi Aanolee

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *