Categories: Oduu Oromiyaa

Ministarri mummee nafxanyaa ergaa dabarsan

MM Abiy Ahimad haala yeroo ilaalchisuun ergaa dabarsan.
Ministirri Mummee Abiy haala tibbana umameen walqabatee, badiinsa lubbuufi qabeenyaa umameef gaddi olaanaan akka itti dhagahame ibsaniiru.
Ergaa galgala kana fuula feesbuukii waajjira isaaniirratti maxxansaniin akka ibsaniitti, rakkina umamee ture bifa walitti bu’iinsa sabaafi amantaa akka qabaatuuf yaalameera. Kanaan kan ka’ees lammileen haala sukkaneessaa ta’een wareegamaniiru. Qabeenyaanis barbadaa’eera jedhan.
Haala gaddisisaa umameen namoonni miidhaan irra gahee akka bayyanataniif, kanneen nama isaanitii buqqaafaman akka deebii’aniif, kanneen qabeenyaan isaanii jalaa barbadaa’eef ammoo deebiifamanii akka dhaabbataniif ummata waliin ta’uun ni hojjanna jedhan.
Kana malees, olaantummaa seeraa kabachiisuufi kanneen yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf ni hojjannas jedhaniiru.
Kanas fiixaan baasuun dhaabbileen amantaa, waldaaleen sivil fi ummanni hundi nu maddii dhaabbadhaa jechuunis waamicha dhiyeessaniiru.
Odeessaalee gara biraa argachuuf https://bbc.in/3429MXR mil’adhaa.

OBN Onk.15,2012-Ibsa Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad haala yeroo irratti kennan.

Kabajamtoota Ummattoota biyya koo,
Hunda dura taatee walitti bu’iinsaa tibbana mudateen lubbuun lammiilee darbeefi qabeenyi manca’e baayyee kan na gaddisiise ta’uu ibsuun barbaada.

Itiyoophiyaanonni Qormaata nu mudate wal tumsinee tokkummaan yoo hin dhaabbanne daandiin keenya hangam rakkisaafi sodaachisaa ta’uu akka maluuf agarsiiftuudha.

Rakkinichas, rakkoo sabaafi amantii gochuuf yaalameera.

Kanarraa ka’uun lammiileen keenya haala suukaneessaadhaan aarsaa ta’aniiru.
Manneen sagadaa gubataniiru. Dhaabbileen daldalaa fi manneen jireenyaas manca’aniiru. Namoonni mana isaaniirraa buqqa’anis iddoo adda addaa qubataniiru.

Lammiileen karaa ittiin darban dhabanis magaalota keessa turaniiru. Kana ijaan arguu mitii gochi dhagahuufuu nama jibbisiisu firoota keenyarratti raawwatameera.

Taatee Onnee Nama Cabsu Kanaan ,gaddinus ,Itiyoophiyaannoonni Har’aas Uummataa Guddaa ,Hubataa fi Madaallee Ilaaluu kan dandeenyu tahuu hubanneera.

Manni Amaantaa Kirsitaanaa Akka Hin Gubbanne Musilamoota Dhorkan ,Masgiiddinni Akka Hin Gubbannee ,Kirstaanoota Dahoo Tahan Qabana.
Lammiilee Saba Biroof Jecha Aarsaa Kaffalaan Qabana.Halkaanii Guyyaa Osoo Hin Jedhiin Nagaafi Tasgabbiif Jarsoota Dadhabaan Qabana. ,Qabeenyi Kanneen Jala Gubbateef ,Dahoo Kan Tahan ,Daandii Kan Itti Cuufateef Iddoo Bultii Kan Qopheessan Lammiilee Akkasii Hedduuu Qabanna.

Kayyoo Qormaaticha Abdii Kunnee ,Daandii Keenyaa Addaan kan Kunnu akka hin taane Beeknee Waan Har’aa Taheen Osoo Hin Rifaatiin ,Boruu Ilaaluu Lammiilee Danda’aan Qabanna.

Seeraa fii Xin -Samuudhaaf Kan Dhaabbatan Raayyaa Ittisaa Fi Poolisii Qabanna.

Kun Hundi Maaliif Akka Tahee Ni Beekna,Qormaanni Kan Oolis Osoo Nu Mudaatee Deemsa Eegalee Addaan Hin Kunnu.
Araamaa Buqqifne .Qamaaddii Kunuunsa Deemana Malee ,Araamichaaf Jenne Qamaddichaa Hin Dhifnu .

Imala Keenyarratti Rakkoowwan Mudatan ,Maqsaa Deemna Malee ,Bitaa Fi Mirgaatti Hin Jennu.

Olantummaa seera mirkanneessuu fi qaama balleessaa rawwaate addabbii barbachiisaa akka argataniif osoo oli gadi hin jenne ni hojjanna.

Taatee Gaddisiisaa rawwateen namoota midhaman akka dandamaataniif, namoonni qabeenya fi qe`ee isaanii irraa buqqa`an akka deebi`aniif namoonni qabeenyi isaanii jala bades akka bayyanataniif ummata waliin ta`un kuttannoon ni hojjanna.

Kana galmaan gahuuf dhaabbileen amnataa ,dhaabbileen sivilii , fi ummanni biyyattii hundi nu cinaa akka dhaabbataniif wamiicha keenya dabarsina.

Rakkoon kana caalu akka hin mudanneef motummaa fi ummanni wantoota isaanii irraa eeggamu rawwachuu qabu. Mootummaan wanta mootummaa irraa eeggamu hunda ni rawwata.

Ummannis osoo gargar wal hin qoonne , ajandaa balleesitootaaf osoo hin saxilamiin tokko kan biroof dawoo ta`uun yakkamtoota seeraatti dhiyyeessuun , qamolee midhaman gargaruun aantummaa isaa mirkanneessuu qabu.
Itoophiyaan carraqqii ijoollee isheen kabajamitee fi badhaatee yeroo hundaaf yaa jiraattu.
Waaqni Itoophiyaa fi ummata ishee yaa eebbisu.

Fulbaana 15 bara 2012 Finfinnee.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago