Oduu Haaraya

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinneekan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

(Boruu Barraaqaatiin)

Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee amma dura eegalame mormii jabaa ummanni Oromoo godheen hambisiifamuu danda’ee akka ture ni yaadatama. Yeroo sanitti dabballoonni OPDO arraba damma dibatanii gad bahuudhaan ‘’yoo ummata Oromoo kan hin gammachiifnetahe maaluu ni hafa’’ jechuun ololaa bahan. Mormiin ummata Oromoo yeroo sana Maaster Pilaaniitti qabatee eegalame garuu salphaatti kan dhaabatu hin turre. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan taheef boris salphaatti kan aguugamee hafu hin tahu. Haa tahuutiimormii sirnicha hundee irraa raasuu danda’e kana ukkaamsuuf jecha Labsa Yeroo Muddamaa Oromoo irratti labsan.

Humnaan ummata afaanqabanii, harka isaa micciiranii, miila isaa hidhanii callisiisuu filatan.Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee ammas xixxiixaa jira. Miidiyaaleen Wayyaanee gurguddoon EBC fi FBCn dhimma kana qabatanii ifatti gad bahanii jirani. Keessumattuu miidiyaa karoora mootummaa dursee beeksisuudhaan beekamu kan tahe Faanaan (FBC) oduu Mudde 8, 2009 (ALH)tti dabarseen ‘’Maaster Pilaaniin magaalaa Finfinnee dhiheenyatti akka ragga’u Komishiniin Pilaanii Magaalaa Finfinnee beeksise’’ jechuun gabaasee jira. Gaaffiin as irratti ka’uu qabu,Wayyaaneen maaliif yeroo kanatti dhimma master pilaanii kana amma kaasuu filatte kan jedhuu dha. An akka naa galetti sababaan isaa waan gurguddaa lama.Kan duraa, sirnichi wayta ammaa kana jabaa nama Oromoo hanga danda’e guuree mana hidhaatti naqee jira. Warra silaa ummata kakaasuu fi mormii ummataa qindeessuu danda’u jedhee shakku qabeehidhaa keessatti toyatee argama. Ummata isa hafe ammoo bittaa waraanummaa Komaand Poostiitiin sodaachisee bitaa jira. Ammaantana hamilee fi kaka’umsa ummanni Oromoo qabsoo mirga isaaf qabu onnee isaa keessatti buruqsee, boquu gad cabseen jira jedhee waan of amansiise fakkaata. Kana irraa ka’uun wayta kanatti kaayyoo biyya Oromoo saamuu fi Oromoo salphisuuf qabate san hojii irra oolchuu irraa wanni na hanqisu hin jiru jedhee of amansiisee jira.

Oromoon hangamuu baay’atu, hangamuu sadarkaan mormii isaa addunyaatti dhagahamu, toyannoo koo jalaa hin bahu, dirqisiisee doorsisee waanin barbaadu waga’uu nan danda’a jedhee of hubachuu isaa argaa jirra. Dhimma Master Pilaanii magaalaa Finfinnee irratti Oromoodhaan salphifamee boquu cabsatee kan ture sirni Wayyaanee amma xiiqii san Oromoo irratti bahachuuf yeroo aanjaa uummadheera jedhee yaadaa jira.Kan lammaffaa wanni Wayyaaneef onnee kenne haala faca’iinsa gurmuu siyaasaa Oromoo ti. Dhaaba siyaasaa biyya keessaa (KFO) yoo taheef guutummaatti mataa hanga jalaatti jabaa namoota dhaabichaa hidhaa naqanii jirani. Dhaabicha guutummaatti laamshessanii jiru. Wayta Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii Oromiyaa irratti labsitee halkanii guyyaa Oromoo kumootaan mana hidhaatti guurtu, rukuttee madeessitu, ajjeeftu, qabeenya isaa aduu saafaatiin saamtu dhaabni siyaasaa Oromoo jabaan sabichaaf dirmatee salphina kana irraa Oromoo baraaruu danda’e hin jiru. Keessoon dhaabota siyaasaa Oromoos tahee aktiivistoota Oromoo biyya keessattis tahee alatti irree qabaatee kan sirnicha sodaachisu hin taane. Ummatatu muratee natti ka’e malee dhaabni siyaasaa kan sagantaa mataa isaatiin haleellaa narraan gahuu danda’u Oromoo keessa hin jiru jettee murteessiteettiWayyaaneen. Duula karaa miidiyaa hawaasummaa ummata kakaasuuf godhamu Facebook fi karaalee wal qunnamtii biroo cufuudhaan ummata dukkana keessatti iggitte.Haalli amma jiru waan fedhan Oromoo irratti labsuuf yeroo aanjaa tahee laalameera. Wayyaneen balaa siyaasaa hamaa, keessumattuu Oromiyaakeessatti mudatte irraa humna qawweetiin akka of baraartee amma hafuura bitattetti of fudhatteetti. Kunis Oromoo tuffachuu irraa madda. ‘Ofiif wacitu malee homaa na gochuu hin dandeessan, keessi keessan bukoo dha’ nuun jedhaa jirti.

Ummata keessaa warra mormii dabre keessatti seenaa hojjete garii ajjeeftee, kuun madeessitee qaama hir’iftee, kuun ammoo kumoota kudhanootaan hidhaatti naqxee affeelaawaan jirtuuf, tarkaanfii akkasii kanaan umrii dheereffachuun akka danda’amu shaakalaa jirti.Kanaafuu maaltu mala? Hegereen qabsoo kanaa maal tahuuf deemaa jira? Kan durii yoo hafe wareegamni gootonni Oromoo qabsoo waggaa tokkoo keessatti kafalan bilaash tahee hafaa? Wayyaaneen humna qawweetiin Oromoo afaan qabdee deebitee akka bofaa biyyee arraabdee yoo ol kaatu, akkasumatti wacnee dhiifna moo tarsiimoo qabsoo haaraa wayiitiin gad baanee dheebuu bilisummaa ummata keenya baafna? Gaaffilee kana qaamonni ‘humnoota siyaasaaOromoo ofiin jedhan of gaafachuu qabu. Warri jaaramee jiru waliin hojjechuu ni dandeenya moo hin dandeenyu jedhaa wal gaafadhaa. Waliin haasawuufi waliin deemuu hin dandeessan taanaan maqaa qabsoo lafa kaayaatii jireenya mataa keessanii jiraadhaa. Ummanni isin eega, isinis qilleensuma irratti jirra jirra ofiin jettu, lafa irratti garuu hin mul’atani, gidduutti kan bu’aa hangana hin jedhamne hammaarrachaa jiru diina keenya.Wayyaaneen mormii lafa raasu waggaa tokkoo san irraa dandamattee tuffii isii itti fufuu kan dandeesse hanqina keenyaan malee jabina mataa ishiin miti. Keessoon jaarmayummaa siyaasaa Oromoo baay’ee dheedhii dha. Corqaa dha. Bakka ummanni keenya gahe gahuufuu fagoo jira. Wayyaanee kan lubbuu itti hores isa kana.

Ummanni yoomuu mirga isaaf ni falmata. Garuu jaarmayaa siyaasaa jabaa kan tarsiimoo jabaadhaan isa hogganu hin qabu taanaan maayyii irratti irbaata diinaa taha. Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii labsuu ishii dura ibsoonni dhaabonni siyaasaa Oromoo tokko tokko baasaa turan sirnichaaf gargaarsa guddaa godhe. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo walii isaanii gidduutti wal dorgoommii diigaa godhan irraa kan ka’e ‘qabsoo biyya keessaa deemaa jiru natu hogganaa jira’ jedhanii miidiyaatti bahanii labsuun ummata keenya rukuchiise malee bu’aa Oromoofis tahee jaarmayaa sanaaf fide homaa hin qabu. Diraamaa Wayyaaneen ‘ABO fi Masriitu na goolaa jira’ jettee hojjetatteef karaa bane. Diraamaa kanaan qabdees labsa yeroo muddamaa baafatte. Bulchiinsa waraanaa ‘Comand Post’ jedhamu Oromoo irratti labsitee haleellaa abbaa irrummaa kan durattuu raaw’achaa turte seerawaa godhachuuf ittiin gargaaramte. Dheedhummaan siyaasaa keenyaa balaa kana fakkaatu nu mude.Gara fuulduraas of keessa deebinee hanqina keenya hin guuttannu taanaa, dogoggora keenya irraa hin barannu taanaan, akka qara eebootti qeeqa sodaachuu dhiifnee wal hin dhageeffannu taanaan, ego keenya of duuba goonee sabichaaf waa hojjechuu qofa irratti wal hin dorgoomnu taanaan salphinni kana caalu itti fufuun gaaffii hin qabu. Laafina keenya irraa barannee qaama laafinaa san jabinatti jijjiirrachuu dandeenyaan garuu ni injifanna. Yoo san gochuu hin dandeenye ammoo dhiiga ummanni keenya bilisummaa isaaf dhangalaasaa jiru dhiiga saree gochuu manna Oromoon akka furmaata barbaaddattu itti himnee karaa irraa maquu dha. Dhaamsi kun warra tuqata siyaasaa Oromoo qabu kan matayyaas tahee gurmuudhaan gumaachaa jirra jedhan maraaf tahuu qaba.Sabni keenya ni injifata!

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …