Oduu Haaraya

“NAMNI BISHAAN FUDHATE HOOMOCHA QABATA” JEDHA OROMOON”

Hagayya 15 , 2015

                                                                 Laakk.KWO.006.2015

 

Iabsi maqaa koree ABO jijjiramaa Godina Ameerikaa Kaabaan kenname gonkuma ka nu hinbeeknee fi kan nu hinilaallanne tayuu isaa hawaasa, Oromoo fi deegartoota dhaaba keennaa hubachiifna. 

Namootin labsa kana maqaa koree keenatiin baasan namooota kaartaan qabsoo harkaa bade kan baaburri qabsoo isaan tufe kan yeroo ammaa jaarmayaa fi miseensota keenna waliin hidhata hin qabne dha.

Kan kana godhaniif yeroo dhaba kana hooganaa turan keessatti sagantaa siyaasaa dhaaba keennaa gara Etoophiya dimokraatessutti jijjiruu irraa kaasee dhaabicha ODF tti galacuun  isaan waliin wayyaanetti galuu hawwudhaan dhaabicha keessatti jeequmsa adda –addaa uumuudhaan dhaaba keenna dadhabsiisuu fi diiguu yaalaa osoo jiran itti dhaqabame hogganummaa fi miseensummaa irraa murtii miseensota keenyaan waan ari’amaniif hujii diiggaa kan jaarmaya keessa osoo jiran itti milkaayuu dadhaban alarraa waan itti milkaayuu dandayan itti fakkaateeti jennee yaadna. Kun gonkuma waan abjuu isaanii irra dabrree dhugoomuu dandayu miti.

“ Akkuma hayyichi Oromoodhaa allaatiin Waaberratti fincoofte jennaan, yoo baalagummaa isii ibsite malee Waaben booressuu yookaan xuressuu hin dandeesu “ jedhame  namootin kunis wallaalummaa fi doofummaa isaanii ifa godhuu irraa kan hafe ibsa kijibaa baasun dhaaba wareegama miseensotaa fi deegartoota isaatin as gahee gara boqannaa haarawatti tarkaanfate Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) diiguu akka hin dandeenne ifaadha.

Kanaaf nuti koree godinaa Amerikaa Kaabaa, Koreen kutaalee USA fi Canadaa,  koreeleen konyaalee dhaaba keennaa akkkasumas miseensonni dhaaba hundi nam tokkollee osoo hin mufatinii fi hingufatin murtii fi itti baha Jila Qabsaayotaa 2015 gammachuudhaan fudhannee jaarmayaa kenna Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) waliin uf dura tarkaanfachaa kan jirru tayuu keenna mirkaneessina.

Koree Bulchiinsa Godina Ameerikaa Kaabaa (USA fi Canada)

  1. Abdallaa Wattichaa itti gaafatamaa koree Godina USA fi Kanaadaa
  2. Abdallaa Gammadaa abbaa jaarmayaa
  3. Amaanaa Burqaa – barreessaa 
  4. J/XAHIR FI JAMAAL MISEENSOTA KOREE GODINAA
  5. Daniel Waasho – Dura ta’aa Koree Kutaa USA
  6. Shukrii Abbaa Xiqqoo -Dura ta’aa Koree Kutaa Canadaa
  7. J/Qasim Barroo – Dura ta’aa Koree Konyaa Calgary
  8. J/Hordofaa – Dura ta’aa koree konyaa Edmonton
  9. J/Tujii Muddee – Dura ta’aa Koree konyaa Seatle
  10. J/Gafuu Abbaa Duulaa – Dura ta’aa koree Konyaa Minnesota
  11. J/Abdallaa Baacaa – Dura T’aa koree konyaa DC
  12. J/Abdulkadir – Dura ta’a konyaa Iwoa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. kemal galichuu ega ABO diige Arusii diige waan qabatu dhabe booda amma ganda isatti deebi’ee afoosha tolifate nama afosha isaatiifi xurunbaa afuufee du’a himu tamam batee itti godhatee amma didalle dige ijolle ganda maqa KWO( Kemalifi waanyaatu Omisha) afosah jedhamuun asi baye magan jedhaaa oromo.

    • KWO(Kamaaliif Waan Nyaatu Oomishaa) Raajiidhuma kuni dhugaan jiru kanuma.Garuu Abdir waan hubatamuu qabu Tokko ummatni Arsii nama Kamaal Tokkichaa fi nama walfare nyaachuun gamteef tan akka Tamaam Baktii jedhamtuun diigamuu ummata danda’u akka hin ta’in atuu beekta.Qabsaawotiin ija finiinaa kumaatamni osoo jiran namni akka Tamaam kaartaa harkaa bade waa xibaaruun abjuu isiin aangoof bololtu yoo ta’e malee ummata Oromoos ta’ee ummata Arsii akka bakka hin buune Abdir nuuf hubadhu. Oromoon kalees har’as tokko.
      Hoogganummaa irraa ari’aman jaallan inni jedhuun sab-boontota nama akka Tamaam dhiphoo mataan xaxameen wol madaalanii miti.
      Kashlabbeen akka Tamaam ofuma isaatuu bakka bu’uu hin dandeettu.
      Nama Irree jedhamu Keenyaa keessatti akka iccitii Oromoo guuree Waayyaannee gabaasu kan Godhe Tamaamuma tana
      Waan fakkaataa akkasii eddo hedduutti raawwachuu feeti fkn Afrikaa kibbaatti.
      Xuriin seenaa akkanaa tuni diinatti galuuf sab-boontotaan kan jettuuf hojii isiin itti jirtu faana balleessuuf akka ta’e hubanneeti jirra.