Categories: Oduu Oromiyaa

Obbo Kaasaa Taddasaa guyyaa kalleessaa Ebla 13, 2013 bakka firoonni fi maatiin isaanii argamanitti awwalamaniiru.

Waxabajjii 1955 – Ebla 2013 Obbo Kaasaa Taddasaa abbaa isanii B/Jeneral Taddasaa Birruu fi haadha isanii addee waarqiababaa G/Madiin irraa Waxabajjii 19,1955 magalaa Finfinnee keessaatti dhalatan. Obbo Kaasaan barnoota isanii finfinnee keessaatti barachaa eerga turaniin booda, sadarkaa Lammaffaa mana barnoota”adiventisti Mishiin Aqaqqii Basaqaa”tti Xumuraniiru.

Obbo Kaasaan abbaan isanii Jeneral Taddasaa Birruu Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf rakkon yeroo isaan mudatu, Sabbontoonni Oromoo Ijollee gooticha kanaa rakkoon akka isaan hinqunaminne kara adda addatiin irraatti hojataniiru.

Bara 1972 obbo Kaasaan gargaarsa Jalle, Baroo Tumsatiin Barnoota sadarkaa olaanaa (Schoolarship) akka argaatan ta’ee gara biyya Amerikaatti dhufudhaan bara 1973-1980 Albama State Univeristy(tti) barachudhan barnoota siyaasaa (Political Science)n Degree isa Calqabaa argataniiru.

Obbo Kaasaan nama Laammii fi Oromummaa isaanii jaltaniidha. Obbo Kaasaa Taddasaa dhibamanii mana yalaa seenudhaan yalamaa osoo jiranii Caamssaa 7, 2013 dhalatanii waggaa 58tti adunyaa kana irraa darbaniiru. obbo Kaasaan abbaa ijollee 4 (dubara 2 fi dhiira 2)tti.

Kaasaan Jeneral Taddasaa Birruuf ilma isanni isa 5ffati. Obbo Kaasaa Taddasaa guyyaa kalleessaa Ebla 13, 2013 bakka firoonni fi maatiin isaanii argamanitti awwalamaniiru.

Lubbuu isaani rabbi bakka garii haaka’u!

Ijollee fi maatii isaani hundaaf rabbi jabiina haakeennuuf !!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago