Categories: Oduu Oromiyaa

Obboleewwan keenya Biyya Yamanitti Humnoota hin beekkamneen Ukamfamanii kan turan, gadi Lakkifamuun isaanii dhagayame.

 

Raadiyoo Dandii Haqaatiin {RDH}
Roobi Bitoteessa 30 /2007

Dhalattoota Oromoo kan Ta’an Obboleewwan keenna lakkoofsaan 40 kan ta’anii fii Lammiiwwan biyya adda addaa irraa gara Yamanitti baqatuun Yaman keessa Osoo jiraataa jiran, Wiirtuu/ Markazoota adda addaa keessaa Humnoota hin bekamneen kan Ukamfamanii turan ta’uu isaanii gabaasuun kenya ni yadatama. Obboleewwan keenna kun, Hiidhaa Guyyoota 13 booda gadi lakkifamuu isaanii maddoonni keenya nuuf gabaasaniru.

Obboleewwan keenya kun, haala qabamiinsa/ Butamiinsa isaanii irraa jalqabee waan Isaan Muudataa turee fii waan isaan keessa jiran, kan nuuf ibsan yemmuu tahu, warroonni Isaan Qaban kunniin, galgala yeroo isaan qabuuf dhufan, meeshaa waraanaa guutuu hidhatanii akkajiran, ka himan yoo Ta’u, galgaluma san manneen isaanii sakatta’amee eega Qabamaniin booda, gara mana hidhaatti geeyfamuun kan qorannoon cimaan irratti gegeeeffame tahus, dabalanii nuuf himaniiru.

Akka Obbolleewwan Hidhamanii hiikkaman irraa hubannetti Humnoota isaan Ukkaamsan sanniin qabatamatti kan hin bekne tahuus nutti himaniiru, garuu jedhan akka yeeroo achi turre hubannetti humnootiin to’aannoo jala nu oolchan humnoota huusii kan Mootummaa biyya iiraaniitiin deeggaraman, kan yeroo ammaa maqaa isaani Ansaarullaah jechuun moggaafatan tahuu akka hin ooltu jedhu. Itti dabaluunis, qabeenyi barattootaa kan markaza keessa ture kan irraa mancaafamee fii bilbilli harkaa kan isaaniis kan irraa samame tahuu dubbataniiru.

Guyyoota 13 Rakkoo cimaa keessa kan turanii fii akkasumas yeroo ammaatitti Rakkoo guddaa keessaatti kan argaman ta’uu isaanii beekuun danda’ameera. Akka maddeen keenya nuuf gabaasanitti sababiin isaan hidhamaniif enyuummaa keessan beekuu fii akkasummas addaan baafachufiidha, kan jedhamanii fii dhuma irratti biyya Yaman keessa mootummaa heddutuu jira, nut ajajamneeti kan isin Qabuu dandeenne, kanaafuu dhiifama jechuun kan isaan hiikan tuhuun beekuun danda’ameera. Oduma kaaan walqabateen Lammiiwwan biyya Ameerikaa fii Inglaandis kan hidhamanii fi akkasumas ijoolleen oromoo 2 yeroo ammaa mana hidhaatitti kan deebi’an kan jiru yommuu tahu, namni masjida seenus hidhaa irraa oolaa kan hin jirree fii haalli jiruu tasgabbii kan hin qabne ta’uu isaa mararfannaan dubbatan.

Akka obboleewwan keenya nuuf gabaasanitti ammas Obboleewwan mana hidhaa keeysatti hafan kan jiran tahuu fii Maqaa isaanii kan beekan keessaa: (Muhammad kadiir) eddoon dhalootaa Godina Arsii bahaa, (Ahmad siraaj) iddoon dhaloota Isaa Godina Hararge bahaa irraa tahus dabalanii nuuf eeraniiru .

Mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsa tokkos nuuf godhaa hin jiru kan nu bira dhaabbatee mana hidhatittis nu gargaaraa ture hawaasa Yamaniiti, hawaasni Yaman hawaasa gaariidha mana hidhaatti qaamotiin nama hidhan nyaatas kan isaaniif kennuu hin danda in ta’uu Dubbatu, kan gargaarsa nuuf taasisaa ture hawaasicha male mootummaa biyya keenya irraa gargaarsa homaatuu argachuu hin dandeenye jechuun Komii Mootummaa Itiyoophiyaa Irraa Qaban dubbataniiru .

Obboleewwan kun Barnoota Amantaa/Dinii Islamaa baratuuf kan deeman yoo ta’uu Waraana yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtuun Bakka duraan jiran irraa buqqa’anii kan bakka adda addaatti faca’an ta’uu isaanii namoota achitti argaman irraa Odeeffannoo argameen beekuun danda’amera.

Dhuma irrattis hawaasni muslimaa kallattii jiru cufaa du’aa’ii nuuf godhaa cinqaa keessaa jirru irraa Rabbiin akka nagaya nu baasuu nuuf kadhaa jechuun ergaa isaani dabarfaniiru.

Odeeyfano Qabsoo Hawaas Muslimaa Hordofuufi Peegii keenya like godha Hariyoota keeysanis itti Afeera.
https://www.facebook.com/RaadiyooDaandiiHaqaa
https://twitter.com/rdh_haqaa
lakkofsa Whatsupp +474514685

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago