Oduu Haaraya
sheek hassan amaan

Oduu gaddisiisaa

Innaa Lillaahi WA’INNAA ileeyhi RAAJI’UUN

Guyyaa kaleessaa kiibxata Sheek Amaan Hasan kan jedhaman Addunyaa tana irraa du’aan gama aakiraatti godaanuun dhagahame .
Baalee Roobeetti ulamaa’a Gurguddaa irraa kan lakkaayamaniifi Jaami’a Roobee guddichaa fi umriidhaan kan ture namni gadi dhaabe isaan akka tahe himameera.

Madrasaa salafiyyaa Roobetti hundeessuunis sababa sheeka kanaa akka tahe dubbatama Umrii ofii Guutuu kan qisaasan magaalaa Baalee Roobee keessatti Ulamaa’ota beekkamoo,Du’aataa fi Barattoota ilmii wajji taa’uudhaan akka tures ni himamaaf Sirni awwaalaa Aalima kanaa yeroo Raawwataamu namoonni lakkoofsan Hedduu tahan akka argamaniifi waggootii dura namni hangana Hedduu yaa’ee akka hin beeknes ibsameera Sheeka keenya Rabbiin jannataan isaan haabadhaasu .
Mastiisaaniitiif obsa cimaa haa kennu Muslimtootaafis Aalima bakka haa buusu Aamiin AllAAHUMMA Aamiin!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

3 comments

  1. Allahuma rahmuho

    Umrii isaani hin qisaasne, waan gaarii irratti dabarsan malee.

    • Innaanillaahi wa’innaa ileeyhi raaji’uun yaa rabbi guddatte ati kan hin duune sima sheeka keenna kan nurraa aakiraman kana warra saalihoota gaggaarii jette san bira nuu oolchi kan nuu kennes sima kan fudhates sima yaa rabbi isaaniif araarama maatii isaaniitiif walumaa gala ummata isaanii guutuuf sabrii kenni