Oduu Haaraya

Oduu Sa’udii Arabiyaa fi Jijjirama keysatti dhalataa jiru. Amajji 30/2015

Motiin Haareyni Sa’udii Salmaan Bin Abdul’Aziiz Hojjattota Motummaa fi Kaabinota Godinaalee biyyatti jijjiraa jiraachuun isaa gabaafame jira.

Jijjirama kanaan ijolleen Moticha Abdallaa Bin Abdul’Aziiz tokko malee Aango qabaataa turanirraa arihamuun isaanii bekkamee jira.

Warreen hujirraa arihaman 1.Turkii Bin Abdallaa Bulchaa Magaalaa Riyaad 2.Musha’al Bin Abdallaa Bulchaa Magaalaa Makkaa hoggaa tahu inni 3ffaa Bandar Bin Sulxaan Bin Abdul’Aziiz itti gaafatamaa nagenya wali galaa tahuun hojjachaa kan tureetu hujirraa arhame jira.

Akkasuma dhaabbata haareya maqaan isaa dhaabbata siyaasaafii nageyna jechun hundeyse itti gaafatamaa dhaabicha kanaatiif Itti Aanaa 3ffaa Amiir Mohammed Bin Nayif irratti muduun moggaase jira.

Dhaabbata kana keysatti Amiir Sa’ud Al-Feysal fi Amiri Muti’in Bin Abdallaa Akkasuma Amiir Mohammed Bin Salmaan Misenssummaan dhaabbaticha kana akka tajaajilaniif mudee jiraachuun gabaafamee jira.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …