Oduu Haaraya

OPDOn Tigraay keessatti Bixxilamuu Yaadachiisuun kun Qaama Dhaadannoo ‘LIKK ENASGEBACHUHALEN’ Dhihoo Kanaa ti

Boruu Barraaqaa irraa 

OPDOn gaafa bixxilamtee qabee seenaan isiin himataa baate ‘Kaaba Shawaa aanaa Darraa keessatti jaaramne’ kan jedhu ture. Haa tahu malee qondaalonni hangafni dhaaba bixxillee kanaa kan sirnicha gananii alatti bahan akka OPDOn Darraatti osoo hin taane Tigraay, holqa Adeet jedhamu keessatti bixxilamte saaxilaa turan. TPLF fi OPDOn garuu dhugaa kana osoma garaan isaannii beekuu waggaa 24 guutuu osoma haalanii yoona gahan. Duuba har’a maaltu dhalannaan Darraan haalamtee Adeet faarfamuutti kaate?

Wayyaanee TPLF sodaa tokko tokko horachuun irraa mul’ataa jira.  OPDOn adeemsa keessa nurkaa baatii sodaa jedhu irraa kan ka’e mataa keessa dhawanii qondaalota isii hamilee keessatti buruksanii lafa kaa’uuf murteeffatanii socho’aa jirani. Jechi Abbaay Tsahaayyee dhihoo kanaa fi ‘daaw’iin’ holqa Adeet gidduu kanaa kun akka jabaatti walitti hirkatu. Qondaaltichi guddaan TPLF torbaan tokko dura OPDOtti dhaadatee ture. ‘Likkiitti isin galchina’ kan jedhu ture dhaadannoon isaa. Dhaadannoon kun arraba Abbaay Tsahaayyee irraa haa dhagahamu malee, ilaalcha namticha sanii qofa akka hin tahin ifaa dha. Waanuma akka jaarmaya TPLFitti hubatamaa jirutu arraba Abbaay Tsahaayyee keessaan gadi bahee dhagahame. Yaadni jecha kanaa guddaan ‘sadarkaa keessan wallaaltanii jirtaniitii, kaayyoo isin bixxillee fi akkamitti akka isin bixxille dagattaniittuutii, isa san isin yaadachiifna’ ergaa jedhu akka qabu hubachuuf qorannoo guddaa hin gaafatu.

Akka keessa beektonni gurra nu buusanitti, dubbiin maqaa Adeet tana dhukkee irraa hurgufanii haarayomsanii leellisuu tan eegalamte ayyaana bixxilama Waggaa 24ffaa bardheengaddaa kan Adaamaatti kabajame irratti ture. Ayyaana kana irratti Abbaay Tshaayyee fi Addisuu Laggasee ‘waraqaa qorannoo’ takka dhiheessani. ‘Waraqaa qorannoo’ tana keessatti akka OPDOn Tigraay keessaa bakka Adeet jedhamutti hundeeffamte suuraa miseensotni OPDO gaafas holqa san keessatti ka’an gad baasanii hirmaattota ayyaanichaa rifaasisani. Qondaaltonni OPDO fayyaaleyyiin kan Darraa malee Adeet waan jedhamu dhagahanii hin beeyne ni rifatani. Warra hangafaa kan Adeetiin quba qabus yoo tahe waggaa 24 guutuu Darraa himachaa bahamee har’a Adeetiin as baasuun dubbii haaraa itt itahe.  Kana irratti walii galuun waan dadhabameef Kumaa Dammaqsaa waamamee dhufe. Innis labsuma Addisuu Laggasaa fi Abbaay Tsahaayyee ragaa bahe. Miseensota gaafas akka OPDOtti moggaafaman keessaa tokko kan tahe Abbaa Duulaa Gammadaa labsa haaraya kana diduu yaalu illee, dhiibbaa warra kaaniitiin moohamee callisiifame jedha, odeessi bakka sanii bahe.

Abbaay Tsahaayyee faa OPDO ‘likkiitti galchuu’ karoorfachuun isaanii ganna dabre irraa qabee akka tahe dhugaa kana irraa hubachuutu danda’ama. Waggaa 24 guutuu Darraa Darraa jechaa bahanii har’a Adeet Adeet jechuu wanni fide beekamaa dha. ‘OPDOn ilmaan Oromootiin dachii Oromiyaa keessatti dantaa ummata Oromoof jaarame’ jechuun dibbeen ganna 24 guutuu tumaa bahan akka fudhatama dhabe waan hubatan fakkaata. Inumaayyuu OPDO akkasitti ibsuun kun qondaalota jalaa ol bahaa jiran laphee dhiibsisee nurratti dorrobsa sodaa jedhu horachuu irraa dhugaa jiru baxalqsanii labsuu barbaadani. ‘Tigraay keessatti isin bixxille’ jechuunii fi ‘Oromiyaa keessan keessatti jaaramtan’ jechuun garaagarummaa hamilee guddaa qabaata. Waggoota 24n dabran OPDOn ‘Oromiyaa keessatti akka jaaramte’ himachaa baatee har’a Adeet geeffamuun hamilee qondaalota dhaaba tanaa irra deemuu dha. Nutu suphee holqa Adeet irraa bukeessee isin bixxile, akkuma isin bixxille gaafasiitti yoo barbaanne har’a darbannee isin unkuteessuu dandeenya ergaa jedhutu TPLF irraa OPDOf dabraa jira.

Kan nama ajaa’ibu namoonni akka Muktaar Kadirii fi Almaaz Maammoo faa kan gaafa Dargiin cabee Wayyaaneen masaraa Shaggar seentu Tigraayin kaartaa irrattuu qixaan hubatanii hin beekne, har’a ‘bakka hundeeffama keenyaa’ jedhanii  akka waan Adeet keessatti jabduu hojjetan tokkotti qaanyii tokkoon malee miidiyaa dura dhaabbatanii Afaan Oromootiin yoo dubbatan dhagahuu dha. Surriin jaroota akkasii kan dhala namaa irraa osoo hin taane surrii harree irraa waan uumame fakkaata. Salphinni Oromoon maqaa OPDOtiin salphifamu akkasii kun isaan hin dhukkubsu. Hidda malee xannachi hin dhiiguun sun isuma kana.

Dhaadannaa TPLF Hawaasaa irratti dhageenyee torbaan tokko booda qondaalonni OPDO saggoo qabamanii Tigraay geeffamuudhaan holqa keessatti hanqaaqaman akka daaw’atan gochuu wanni wal fakkeessus ifaa dha. OPDO keessaa qondaaltonni tokko tokko ajaja gooftolii isaanii akka gaafa Mallas Zeenaawii lubbuun ture sanitti fudhachuu irraa sigigiaachuu fi qondaalota TPLF waliin gateettii wal dhiibuu yaaluu hordofee yaaddoon biraa dhalateera. OPDO tana yoo ‘likkii’ isii itti garsiifne malee booda Oromoo waliin wal taatee Oromiyaa keessatti fudhatama nu dhabsiifti sodaa jedhutu qondaalota Tigraay mataa bowwuu itti kaasuu eegale.

Kanaafuu yeroo dhihoo irraa qabee irra dibaan dhiifamaa deemaa jira. ‘Jaalatamus jibbamus’ jechoonni jedhan qondaalota TPLFiin dadarbatamuun walitti aansee dhagahamaa jira. Tooftaan jecha diddibanii fayyadamuun OPDOtti hurrii maranii ergachuudhaa Mallasaa waliin waan owwaalame fakkaata. Imaammanni qondaalota TPLFiin amma hordofamaa jiru imaammata jechoota akka ‘jaalatamus jibbamus’ fi ‘ diddu likkiitti si galchinaa’ faan badhaadhan tahuu argaa jirra. Waan hundumaa harkaa qabna waan taheef OPDOs tahee Oromoo akka feenetti irra ejjennee bituu fi ergachuu dandeenya ergaa jedhutu ifatti dabraa jira.

Ilmaan Oromoo OPDO keessatti hiriiranii TPLF waliin biyya bulchaa jirra jedhanii of gowwoomsan amma ija banachuu hin danda’an taanaan bara baraan jaamanii hafuu isaanii beekuu qabu. Tuffiin TPLF OPDOf qabu yeroo kamuu caalaa amma ifa bahuun ergaa jabaa tokko isaanii dabarsuu qaba. ‘Likkiitti isin galchina’ jechuu caalaa tuffiin hin jiru. Tigraay keessatti suphee holqa Adeet irraa bukeessinee isin bixxille waan taheef arraba qabna jettanii nu jala hin dubbatinaa jedhamee itti himamaa jira. Kana dhagahuu fi qalbifachuun, sanatti aansuunis tarkaanfii maluuf of qopheessuun harka isaanii jirti. Qabsoo Oromoo biyya keessaa fi alaan deemaa jiru irratti gufuu tahuu toobatanii karaa mijjaaweef maraan lammii isaanii waliin harka wal qabatanii diina akkasitti isaan tuffatu of irraa saalphisuuf yeroon waamicha dhiheessaafii jirti. TPLF Tigraay irraa dhufee Oromiyaa keessatti Oromoo ‘likkiitti galcha’ osoo hin taane, Oromootu harree wadala takaallaa kutatee Tigraay irraa dhufee Oromiyaa irratti halaaku of irraa ‘likkiitti galchuu’ qaba!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …